Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sooftiweerii fayyaa Itoophiyaatti hojjetamee dorgommii badhaasa Jaak Maaf dhaqqabe
Sooftiweeriin fayyaafi IT waliin qindaa’ee Dr Willitaaf gareen isaanii hojjetan dorgommii Faawondeeshinii Jak Maa gaggeeffamaa jiruun kanneen xumuraa 20 keessa galeera.
Dr Willitaan dorgommii faawondeeshinii Jaak Maa irratti kan ittiin dhiyaatan sooftiweerii Abbay Konneektid Helzi Rikardi jedhamuun [Abbay CHR] karaa dhaabbata isaanii kan hojjetanii kan dhiyeessaniinidha.
Abbay Konneektid Helzi Rikardi dhaabbanni jedhamu erga hojii eegalee waggoota sadii kan lakkoofsise yoo tahu, Afrikaa keessatti itti fayyadamuuf baayyee salphaa kan tahee fi sadarkaa idil-adunyaa kan eeggate hojjechuuf yaadanii akka tahe Dr Willitaa dubbatu.
Kana hojjechuuf kan isaan kakaase rakkina namoota yaala barbaadanii, hakiimotaafi hospitaalotaa tahuu himan.
Namni tokko kaardii ittiin yaalamaa ture yoo gate haaraa baasuu qaba. Kana irraa kan ka’e ragaa yaalii duraan argataa ture qabate hakiimonni argachuu hin danda’an.
Ragaan isaa waraqaa irratti galmaa’ee taa’a waan taheef argachuuf rakkisa. Hakiima garaagaraan waan yaalamuuf gaafa yaalii barbaade kanaan dura dhukkuba akkamii dhukkubsatee yaalii akkamii argatee ture kan jedhu hakiimni waan argachuuf rakkatuuf dhibee isaaf yaalii guutuu kennuuf rakkata.
Kanaaf ragaa argachuuf hakiimonni dhukkubsataa gaafa gaafatan ragaa guutuu argachuuf isaan rakkisa jedhan Dr Willitaan.
Dr Willitaan rakkina kana furuuf odeeffannoo dhukkubsataa haalan qindeessanii qabuun karaa danda’amu argachuuf gara hojiitti galan.
Hiriyyoota isaanii saddet waggaa kudhanii ol waliin hojjetan waliin mari’achuun akka jalqaban himanii, ‘’ani ogeessa fayyaati, isin ammo gama IT dhaan bakka kamittiyuu hojjechuu kan danda’u soofti weerii ofuma isaan afaan Ingliffaan hojjetu hojjedhaa,’’ jedhanii akka itti himan dubbatan.
Deebiin hiriyyaa isaanii jalqabaa ‘’hin danda’amu’’ kan jedhu ture jedhan.
Kanaaf ammoo fayyaan waan bal’aa kan akka qorannoo gaggeessuu, dawaa kennuu, altraasawondii fi kaan hojjechuu waan of keessaa qabuuf akka ulfaatu taasise jedhan.
Tahus sooft weerii yaadan kana ni hojjetan. Namoonni biiroo kaampaanii Maayikirosoofti kan wajjira Afrikaa keessa hojjetanis yommuu argan, tokkoon nama hundumaaf akka mijatu tahee hojjetamuu isaa kan biraan ammoo asumatti namoota Afrikaan hojjetamuu isaa dinqisiifatan jedhan Dr Willitaan.
Amma soofti weerichi hospitaala ispeeshaalaayizdii Qulqulluu Peexiroos, Filagaa Hiwoot, Dasseefi bakka kaanis gala jiraachuu himaniiru.
Moggaasa maqaa sooftiweerichaa
Maqaa isaa Abbay jedhanii kan moggaasanis Abbayya hidda dhiiga keenya waan taheef odeeffannoon fayyaas dhiiga keenya waan taheef jedhan.
Dr Willitaan soofti weerichi biyyoota akka kibba Eeshiyaa fi Afrikaa Kibbaallee gargaaruu akka danda’u himan. Lammiilee Itoophiyaan hojjetamuun isaa ammoo na boonsa jedhan.
Dr Willitaan soofti weericha karaa lama eegaluu ibsan. Tokko maamilli kana fayyadamu odeeffannoo isaa ‘Cloud’ irra akka taa’uuf gochuu yoo hin barbaadu jedhe ammoo serverii mataa isaa keessa akka taa’u gochuudha jedhan. Hospitaalota keessatti serverii dhaabbatichaa keessa odeeffannoon kun taa’a jechuudha.
Badhaasa Jaak Maa
Badhaasni Jaak Maa amma kun yeroo 2ffaaf kan qophaa’edha. Bara darbe kan jalqabaa kan gaggeeffame yoo tahu kan bara kanaa irratti namootni kuma 22 tahan biyyoota 54 irraa dorgomuuf galmaa’anii ture.
Dr Willitaan hojii hojjetan kanaan namoota 20 xumuraa keessa galaniiru.
Dorgomtootni 50 fi 20 keessa galan abbootii qabeenyaa investi gochuu danda’an waliin wal arguu akka danda’anis Dr Wiltaan himaniru.
Soofti weericha moobayila irratti fe’achuun odeeffannoo yaalaa argatan hunda galmeessuu akka danda’an bifa godhuun hojjetanii diizaayinii isaa xumuruu himaniiru.
Dr Willitaan magaalaa Finfinneetti dhalachuun hanga ganna jaha tahanitti magaala Jimmaatti guddatan. Sana booda gara magaalaa Finfinneetti deebi’uun barnoota isaanii hordofaa turan.
Carraa barnootaa argachuun Ameerikaa fi biyya Ingilizitti hanga digirii 3ffaa isaaniitti barataniiru.