Booranatti ogeeyyiin fayyaa beeladaa garaacha horii tokko keessaa pilaastika kg50 baasan

Godina Booranaa aanaa Dhaasitti Ogeessonni Fayyaa beeladaa sa'a takka keessaa pilaastika kiloogiraama 50 baasan.
Ogeessonni kunneen ji'a tokkoon duras baqaqsanii yaaluudhaan sa'a takka keessaa pilaastika (qarxaasii jedhun Booranatti) kiloogiraama 20 baasanii turan.
Aanaa Dhaasitti ogeessi fayyaa beelladaa Dr. Firaa'ol Waaqoo BBC'tti akka himanitti gareen isaanii baqaqsanii yaaluu sa'aatii sadii ol fudhateen guyyaa kaleessaa pilaastika ulfaatina olaanaa qabu baasuu himan.
"Abbaan qabeenyaa sa'a tanaa Obbo Areeroo Cariiti. Kana duras sa'i pilaastika keessaa baasne kanuma isaanii waan tureef itti amananii akka baasnufiif gama keenya fidan.
Ogeessota jaha taaneeti pilaastika kiloogiraama 50 ulfaatu kana garaa sa'aa keessaa kan baasne," jedhan.
Hanqina soorataa fi Albuudaatiin beelladootni pilaastika soorachuu akka danda'anii fi naannichi lafa horsiisee bultootaa waan ta'eef akkaataan pilaastikni itti gatamu beelladoota irratti miidhaa geessisaa jiraachuulleen himan.
Baqasanii yaaluu kanaan pilaastika ulfaatina olaanaa qabu kana milkaa'inaan xumuruutti akka gammadanii fi sa'ittiinis fayyaa gaarirra jiraachuu Dr.Firaa'ol himaniiru.









