Keeniyaan feestaala dhorkuun jijjirama fideera?

Madda suuraa, Getty Images
Keeniyaan waggaa lamaan kana korojoo( borsaa) feestaalitti gargaaramuu dhorkite. Uggurri kun jijjirama fide qabaa?
Keeniyaatti namoonni korojoo feestaalii miliyoona kudhanitti lakka'amu waggaatti supparmaarkeetti irraa bitanii dhimma itti bahu.
Festaalli kun garuu naannoo faaluu,waqtii roobaatti karaa yaa'iinsa lolaa cufuun beekamu.
Qo'annoon Ejensii To'annoo Kunuunsa Naannoo Biyyaalessaa(Nema) akka agarsiisetti, garaacha loon naannoo magaalotaa jiran harka walakkaa keessatti feestaaliin kan argame.

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Keeniyaa akka jedhutti feestaalaatti fayyadamuun erga dhorkamee hawaasni biyyatti harki 80'n korojoo feestalaatti fayyadamuu dhiiseera.
jijjiramni kun jajjabina namatti kan horu ta'us, akka filannootti kan dhiyaates naannoo kan miidhuu ta'utu himame.
Namni kamiyyuu feestala waa ittiin baachuuf fayyadu oomiishuu, gara biyyatti galchuu ykn gurguruun amma $40,000 adabama ykn waggoota afuriif hidhama.
Namni feestaalii dhorkame otoo baatuu qabame $500 adabama ykn amma waggaa tokkoo hiidhama.
Kanaan dura namoonni gara 300tti dhiyaatan $500 amma $1,500 ta'u adabamniiru.
Kaan isaanimmoo mana hidhaatti ergamanii jedhan, Ministirri kunuunsa Naannoo Keriyaakoo Tobikoo .
Bara darbee namoonni 18 feestaliin harkatti qabame mana murtii magaalaa qarqara garbaa guddaa Hindiitti argamtu Mombaamsaatti $300 ykn ji'oota saddeetiif akka hidhamanitu itti murame.
Himannaan gara jalqabaa dhiyaate otoo hin adabamiin bilisaan namoonni gadhiifaman turaniiru.
''Mannii murtii adabbii akka murteessuu eeyyamameefira. Abbaan seeraa dhimmicharratti dhiibbaa tokko malee bilisaan akka murteessuu eeyyamameef'' Jechuun Daarektarrii waliigalaa jedhaman BBC tti himaniiru.
Adabbii cimaan oomishtootarratti kan dabarfame yoo ta'uu, adabbii maallaqaatti otoo hin geeddaramiin waggaa tokko akka hidhaman Mr. Mamoon himaniiru.
Akka yaadasaanitti, dhorkii feestaalaaratti bahe jijjirama fideera. Qeeraatti namoonni horii qalan korojoo feestaalii muraasa garaa loonii keessaatti argu.
Quuqamtoonni kunuunsa naannoos galata dhiyeessaa jiru.
''Haala amma jiruun itti fufnaan gaariidha.
Kanaan dura Naayiroobirraa gara Masaayii Maaraatti yoo imaltu feestaalii akka abaabootti mukatti fanniifame tarsa'asaatu mul'ata. amma sana deebinee hin arginee'' jedhe WWF Keeniyaatti qorataan dhimmaa imaammaataa Naansii Gitaagaa.

Madda suuraa, Getty Images
Korojoo feestaliitti dhimma bahuu dhorkuun milkaa'inni argame jiraatus, gosti pilaastikaa ammas hin dhabamne jiraachuutu himama.
Giddugaleessa gabaa fi suuqii baay'eetti namni feestalii baachuun hafeera, daldaltoonni muraasni borsaa pilastikarraa hojjatame fayyadaman
Karaa seeran alaatiin biyyoota ollaa akka Yugaandaa fi Somaaliyaarraa biyyatti akka seenan mallattooleen agarsiisan jiru.
''Carraan gabaa Keeniyaa oomishni seeraan dhorkaman karaa daangaa seenuu ni jira. seerri korojoo pilaastikaa dhorku kun akka naannichaatti hojiirra hin oollee waan ta'eef'' jedha Waldaan oomishitoota Keeniyaa (Kam).
Ruwaandaanis karaa daaangaatiin feestaaliin dhorkame biyyatti akka seenu beeksifte. Biyyaattiin bara 2008 irraa Festaalii dhorkiteetti.
Morokoonis waggoota 2 dura dhorka baasutu yaadama.
Biyyi Taanzaaniyaas Waxabajjii darbe feestalii fayyadamuu dhorkitus, karaa daangaa biyyatti akka seenu himteetti.
Mootummaa rakkoo haaraatu mudate
Korojoon Festaalii akkuma dhorkameen korojoon 'polypropylene' fudhatama guddaa argate.
'Polypropylene' gosa pilaastikaa pooliytiin caala haaromfamuun fayidaaf ooluu danda'u.

Madda suuraa, Getty Images
Haata'u malee ,Abbaan taayita eegumsa naannoo Keeniyaa warri pilaastika salphaatti deebisaanii fayidaaf oolchuun danda'amu kana oomishan qulqullinasaa hir'isuu himeera.
Itti dabaluunis , korojoo pilastikaa kana dhorkuun hojii nama akka dhabsiisu,inveestimeentii fi biizinasiin oomshitoota muraasa akka cufamani fi kaanis biyyoota birootti iddoo jijjirachuu himeera.
Haata'u malee, carraa bizinasii haaraas fidee qabaachuu himeera. Kaampanoonni korojoo kana oomishan garuu dhiyeessi mi'oota galtee oomishaaf oolan gahaa dhabuun dandeettiin oomishuu isaanii xiqqaachuun himameera.












