Koronaavaayiras: Zimbaabween namoota seera Covid-19 'cabsan' 100,000 hiite

Zimbaabweetti erga baatii Bitooteessaa asiitti seera Covid-19 ittisuuf ka'ame cabsaniiruu jechuun namoonni 105,000 ol to'annaa jala olfamuu poolisiin beeksise.

Namoonni gara 1,000 ta'anis sababii 'sochii hin barbaachiifne' ykn maaskii kaawwachuu dhiisuun walqabatee guyyoota lamaan darban keessa to'ataman.

Biyyattii keessatti namoonni 1,500 ta'an vaayirasichaan qabamunsaanii kan mirkanaa'e yoo ta'u, ugguuri kaa'amee ture xiqqoo laafifameera.

Haata'u malee, qeeqxoonni mootummaan seera dhukkubicha ittisuuf baheen mormitootaafi rogeeyyii irratti xiyyeefateera jedhanilleen mootummaan haaleera.

Mormitoonniifi gareewwaan Hawaasa sivilii pirezidaantii Emaran Minaangaagwaa aangoo akka gadhiisaniif gaafachuuf Adooleessa 31tti hiriira biyyattii guutuutti bahuufuu waamicha taasisaa jiru.

Seerawwan ammaa jalatti, lammiilee biyyattii biyya alaatii deebii'an hundi dhaabbilee mootummaan mirkaneessee keessaa torban sadiif adda baafamuun turuu qabaatu.

Akka poolisiin jedheettis, namoonni 279 ta'an, kanneen vaayirasichi irratti argame dabalatee, jiddu galawwan turmaataa keessaa baqataniiru.

Isaan keessaas 30 kan to'ataman yoo ta'u, maatiifi hawaasa vaayirasichaaf saaxiluu isaanitiif mana murtiitti kan dhiyeeffaman ta'uu poolisiin himeera.

Isaan keessattis dhiiroonni miseensoota maatii torba vaayirasichaaf saaxilaman akka argaman TVn biyyattii gabaaseera.

Namoonni baayyee seera kabajuuf waan didaniifuu tarkaanfii cimsuuf dirqamuu poolisiin biyyattii dabaluun himeera.

Bakkeewwan dhoksaa dhugaatiin itti dhugamu banamaniiru, akkasumas gordubeetti 'dorgommiin dhugaatii biiraa' eegalameera jedha poolisiin haala jiru wayita ibsu. ''Kanneen seera cabsan hunda ni to'anna,'' jedha dubbi himaan Pool Nyaatii akka TVn biyyattii gabaaseetti.

Uggurri Zimbaabweetti tatamsa'ina vaayirasiichaa ittisuuf kaa'ameen dinagdeefi haala siyaasa biyyattii balaaf saaxileera.

Mootummaanis dinagdeen biyyattii bara kana %4.5n akka hirratu eega. Akkasumas, qalaa'insii waggaa baatii Waxabajjii keessaa %785 ol ka'e.

Pirezidaantii biyyattii kan qeequmsaa irra deebiin hin fudhannee irratti mormii bahuuf waamichi gaggeefamaa jiraachuu gabaasaan BBC Wiil Roos gabaaseera.

Namoonni mormiidhaaf daandiitti kan bahan yoo ta'e ammoo hedduun hidhamuu maluus jedheera gabaasaan kun.

Haaluma walfakkaatuunis, biyya ollaa kan taatee Afriikaa Kibbaa keessattis poolisiin namoota kuma 230 kanneen seera ugguraa cabsaniiru jedheerratti himannaa baneera.

Afriikaa Kibbaatti hanga ammaatti namoonni kuma 320 ta'an vaayirasichaan qabamunsaanii kan mirkanaa'e yoo ta'u, kanneen 4,600 ta'an ammoo lubbusaanii dhabaniiru.

Kunis Afriikaa keessatti isa olaanaa kan jedhame yoo ta'u, pirezidaantiin biyyattii Siriil Raamaafoozaan ''Ammalleen balaa hamaatuutu nurra jira,'' jechuun kan akkeekachiisan torbanuma darbe kana ture.