Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koroonaavaayiras: UN weerara Covid-19 to’achuuf doolara bil 10 ol walitti qabuufi
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) weerara Covid-19 to’achuuf maallaqa deeggarsaa walitti qabuuf jira.
Dhaabbatichi doolaara Ameerikaa biiyoona 10.3 walitti qabuuf karoorfateera. Maallaqni kun biyyoota galii xiqqaa qabaniifi weerarri dhibichaa caalaatti hubu gargaaruuf oola.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii akka ibsetti, namoonni miliyoona 265 dhibbaa weerarri vaayirasiichaa uumeen xumura bara kanaatti beelaaf saaxilamu.
Weerarri vaayirasii kun biyyoota hiyyummaan itti hammaatu irratti dhiibbaa ciimaa uuma.
Deeggarsa ammasii kana sassaabuun yoo dadhabame garuu, guddinni waggoota 10’n darban galmaa'e duubatti deebi’uuf deema jedhe dhaabbatichi.
Bitootessa darbe keessa koronaavaayirasii to’achuuf doolara biliyoona lama walitti qabuuf tumsa maallaqaa gaafatee ture.
Biyyoonni durumaan dinagdeesaanii kufaatii jalaa oolchuuf seera faayinaasii akkuma dhiisanitti, biyyoota hiyyeeyyii akka gargaaraniif hammi maallaqa gargaarsaa kun irra deebiin ilaalamee ol guddifame.
Yoo maallaqni gargaarsaa kun otoo hin sassaabamiin hafe garuu, addunyaan muddama hamtuu keessa seenti, namoonni miliyoonatti lakkaa’amaniis beela’uuf jiru jechuun Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii akeekkachise.
Hojjattootni miliyoonatti lakka’aman biyyoota garaa garaatti godaananii hojjatan, sababii uggurri sochii weerara dhibee to’achuuf labsameef maallaqa maatiisaaniif erguu hankaakan.
Kana malees, biyyoonni walwaraansa keessaa hin baanemmoo meeshaalee ittisa Covid-19’f oolanillee gahaa hin qaban.
- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras
Biyya Yamanitti namoota vaayirasichaan qabaman keessa harka nuusa kan ta’an lubbuu dhabaniiru, kunis kan akka addunyaatti jiruu ragaa jiru wajjin walbira wayita madaalamu kan biyya Yaman dachaa shaniin caalmaa qaba.
Biyyoota caalatti miidhaman gargaaruuf waamicha jalqaba kan dhiyeessee koree gargaarsa yeroo muddamaa UK ti.
Dhaabbileen gargaarsaa 14 kanneen akka Oksfaam, 'Christian Aid, Islamic Relief and the British Red Cross' jedhaman fa’aan hawaasni biyyattii akka maallaqa buusan gaafachaa jiru.
Addunyaarratti namoota miliyoona 13 Covid-19’n qabaman keessaa 600,000 tti kanneen dhiyaatan du’aniiru.