MM Ayivorii Koost Amaaduu Goon Kulibaalii walgahii kaabineerraa akkuma bahaniin du’an

Madda suuraa, AFP
Ministirri Muummee Ayivorii Koost Amaaduu Goon Kulibaalii walgahii kaabinee irratti dhukkubsatanii akkuma walgahicharraa bahaniin du'an.
Namni siyaasaa umrii isaa ganna 61 ta'e kun Pirezidantiin biyyattii Alaasaanee Otaaraan yeroo sadaffaaf akka hin dorgomne erga ibsanii booda paartii biyyattii bulchu bakka bu'un filannoo Onkololeessa dhufu irratti hirmaachuuf filamanii turan.
Goon Kulibaalii ji'a lamaaf wal'aansa onnee Faransaayitti taasisaa erga turanii booda dhihoo ture kan deebi'an.
Pirezidant Otaaraan biyyattiin gadda keessa jirti jechuun ibsaniiru.
Akka Pirezidant Otaaraan himanitti walgahii kaabinee irratti dhukkubsatanii jennaan hospitaalatti geeffamanis lubbuun isaanii achitti dabarte.
Waggaa 30'f hiriyyaafi obboleessakoo ture kan jedhan dhabuu isaaniin guddaa gaddu ibsan.
Goon Kulibaaliin du'uun isaanii filannoo irratti shakkii uumeera.
Gaafa Kamisaa torban darbe ture Kulibaaliin wal'aansa booda Faransaay irraa erga deebi'anii ''biyyattii misoomsuufi ijaaruu ittan fufa,'' kan jedhan.
Xinxalaa biyya alaa tokko madda godhachuun barruun Le Mondee irratti gaafa Wiixataa barraa'e ''Kulibaaliin yoo dhukkubsatan, Otaaraan filmaata waan hin qabneef pirezidantii ta'uun dorgomuu isaaniiti,'' jedhee ture.
Otaaraan baatii Bitootessa keessa akka hin dorgomne yoo ibsan biyyattiitu raajeffate.
Kunis, waggootaa dheeraaf aangoorra turuu hoggantoota Afrikaan kan barame waan hin turreefi.
Deeggartoonni Otaaraa guddina diinagdee, tasgabbii akkasumas fudhatama biyyi isaanii waltajjii addunyaarratti qabdu guddisu isaanii dubbatu.
Paartileen mormituu garuu ummata biyyattii walitti fidu irratti wanta gaha hin dalagne jedhanii qeequn.
Filannoo bara 2010 Otaaraan injifatan Loorant Baagboon fudhachuu waan didaniif waldhibdee uumameen namoonni 3,000 siqan akka du'an amanama.













