Pirezidantii Burundii: 'Dhukkuba onneen' lubbuun isaanii darbe

Pirezidant Piyerree Nikurunziizaan silaa baatii Hagayyaa keessa aangoorra ka'u ture

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidant Piyerree Nikurunziizaan silaa baatii Hagayyaa keessa aangoorra ka'u ture

Pirezidantiin Burundii Piyerree Nikurunziizaa dhukkuba onneen du'u isaanii mootummaan biyyattii ibsa baasen beeksiseera.

Umriin pirezidantii kanaa 55 ture. Duuni pirezidantichaa erga dhagahamee booda biyyattiin guyyoota gaddaa torba labsiteetti.

Akka ibsi mootummaan biyyattii baase agarsiisutti gaafa Sanbataa dhukkubsatani jennaan hospitaala seenani. Achiis itti wayyaa'ee ture.

Gaafa Wiixataa garuu dhukkubni onnee tasaa isaan muddee lubbuu oolchuun osoo hin danda'amin hafuu ibsi mootummaan Burundii baase ibseera.

Nikurunziizaan baatii Hagayya dhufu aangoorraa nu bu'u jedhamee eegamaa ture.

Bara 2015, yeroo 3ffaaf filannoo irratti nan dorgoma jechuun isaanii biyyatti hokkara hamaatti galchee ture.

Nikurunziizaan waggoota 15 darbaniif pirezidantii biyyattii ta'un tajaajilaniiru.

Erga heerri jijjiirame as marsaa biraaf filannoo baatii darbe irratti dorgomuu danda'anis soorama bahu murteessan.

Sababa kanaas yoo ibsan, ''jaalala biyyaarraa kan madde'' akka ta'e eeran.

Biyyoota booda kana koronaavaayirasii itti seene keessaa tokko kan taate Burundiin filannoo baatii darbe taasifame irratti miidiyaaleen hawaasummaa cufamanii turan.

Gorsaan pirezidanticha du'anii labsii guyyaa gaddaa ibsan irratti du'a Nikurunziizaan ''baay'ee gadduu'' isaanii ibsanii duuni kuni ''yeroo malee ta'e'' jedhan.

Duuni Nikirinziizaa maaliif mormisiisaa ta'e?

Haati warraa Piyerree Nikurunziizaa koronaavaayirasiin akka qabaman gabaafameera.

Nikurunziizaan immoo dhukkuba kana akka gad qabanii ilaalamanitti hubatamaa ture.

Inumaa yeroo weerara vaayirasichaa filannoo gaggeessuun alatti bakka buutota Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) biyyaa ari'anii turan.

Du'a isaanii booda gareen mirga namoomaaf falmu Humaan Raayitis Waach (HRW) ibsa baasen turtiin aangoo Nikurunziizaa sarbama mirga namoomaa hamaa ta'en yaadatama jedheera.

Hoggantoonni biyyoota gara garaa Ministira Muummee Abiy Ahimad dabalatee gadda isaanii ibsaa jiru.