Burundiin guyyaa filannootti miidiyaalee hawaasaa cufte

Namoota sagalee kennuuf hiriiran

Madda suuraa, Journal Ubumwe

Burundiin Pirezidanti ishee baroota dheeraa Piyeer Nikurunziizaa fuula haaraan bakka buusuuf guyyaa sagaleen kennamaa jirutti miidiyaalee hawaasaa cufte.

Feesbuukiin, Waatsaappiifi Tiwiitarri akka hin hojjenne BBC'n qulqulleefateera.

Namootni Virtual Private Networks (VPN) fayyadaman qofti miidiyaa hawaasatti dhimma bahuu danda'aa jira.

Aanga'oonni sababa maaliif tajaajilli kun akka adda cite ibsuuf hin feene.

Buufataaleen filannoo ganama irraa eegale kan banaman yoo ta'u, embasiiwwan biyya alaa 53 dabalatee Gamtaan Afrikaa filannicha taajjabuutti jiru.

Aangoo namootni torba itti morkatan kanaaf duulli na filadhaa gaggefame hokkoraafi himannaa filannichi bilisaafi kan haqa qabu hin ta'u jedhuun kan guutame ture.

Biyyattii waggoota 15'f kan bitan Nikurunziizaan aangoo kan gadhiisan yoo ta'u, aango biraa "supreme guide to patriotism" jedhamu qabachuutti deemu.

Filannoo kana kan mo'ate kamuu dhimmoota nageenya biyyaalessaa fi tokkummaa biyyaalessaarratti pireezidantii duraanii, Nikurunziizaarraa gorsa gaafachuun dirqama seeraa ta'a.

Kun kanaan osoo jiru weerarri Covid-19 bakka yaaddoo ta'ee jirutti filannoo kana gaggeessuun qeeqameera.

Burundiin hanga ammaa namoota 40 irratt vaayiraasichi argamuu fi namni tokko du'ii ibsiteetti. Kanuma keessa hiriirawwan gurguddoon gaggeefamaa turuu sirrii miti jedhamaa ture.

Ji'a lama dura wayita biyyattiin namni vaayirsichaan qabame akka hin jirre ibsaa turteetti dubbii himaan mootummaa Biyyattiin Waaqaan eegamti jedhanii turan.

Hiriira deeggarsaa

Madda suuraa, AFP

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa sababa Covid-19 walirraa fageenya eeggachuun dirqama jedhus, mootummaan Buruundii garuu kana hin dhageenye.

Qabxilee ijoo Guyyaa Filannoo Buruundii:

  • Takkaatti filannoo sadii: Pireezdaantii (kaadhimamtoota 7), Miseensota Paarlama (barcuma 100 ol) miseensota kawuunsilii
  • Buufataalee filannoon akka sa'aati biyyattitti ganama 12:00tii hanga waaree booda 10:00tti hojjatu
  • Kadhiimtoota pireezdaantummaa torba keessa dursoon paartii mormituu irraa Agaton Rawasa fi paartii bulchaa irraa Ecaristee Nidayishimiyedha.
  • Har'a Burundiitti namootni 5,113,418 sagalee ni kennu jedhamee eegama.
  • Sababa koronaavaayirasiif lammileen Burundii biyya biroo jiran filachuu hin danda'ani.
  • Bu'aan filannoo jalqabaa Caamsaa 25 irratti eegama.
  • Komishiniin filannoo tajjaabdoota idil addunyaa 53 akka jiran beeksiseera isaan keessaas qondaaltonni imbaasii Taanzaniyaa, Masirii, Chaayinaa, Keeniyaa, Afrikaa Kibbaa, DR Koongoo, Naayjeeriyaa, Raashiyaa fi qondaltoonni UN Burundii kessatti argamu