Waajjirri Paartii mormituu Buruundii bobbaan dibame

Waajjiraaleen paartii mormituu 10 ta'an ji'oota lamaa keessaatti ibiddaan gubateera ykn bobbaa namaan laaqameera jechuun qondaalli paartichaa BBC tti himeera.
Dubbi-himaan Paartii' National Congress for Freedom' (CNL) jedhamuu Tereensii Maanirombaa filannoo pirezedantummaa bara 2020tti gaggeeffamu dursuun paartii mormituu sodachisuun tattaffii dimokiraasii ijaaruu laaffisuuf jedhan.
Ministirri dhimmi biyya keessaa dhimmicharratti yaada hin kennine.
Dubbi-himaan paartii CNL Kibxata darbe galgala biiroon kun bulchiinsa Romengee iddoo Gatete jedhamutti akka badu taasifameera jedhan.
Namni ibidda itti qabsiise akka hin beekamneefi qorannoon dhimmicha adda baafachuuf anga'oonni taasisaa jiranis hin jiru jedhan.
Obbo Manirambonaan, ''Biiroo keenya udaan itti dhoobuun jibba daangaa hinqaberraa maddedha," jedhan.
"Gochi nurratti raawwatame kunis siyaasaarraa maddee, sababiin isaas qondaaltonni sadarkaa gadi aanurra jiran paartiin CNL naannoosaaniitti waajjira baanachuu hin qabu jedhanii amanu," jedha.
Ji'a darbe Komishiiniin mirga namoomaa Dhaaabbata Biyyoota Gamtoomanii sarbamiinsi mirga namoomaa paartii mormituurratti raawwatamaa jiraachu gabaasa baase ture.

Bara 2015tti Pirezedant Piiree Nikurunziizaan filannoo marsaa 3ffaa injifachuu labsachuu hordofee," heera mootummaa faalleessa'' jechuudhaan mormiin mudatee ture.
Rifeendamiin ji'a lama booda gaggeeffame heera biyyatti haarumsuun amma bara 2034tti aangoo pirezedantummaarra akka turan eeyyameef ture.
Haata'u malee, filannoo marsaa itti aanurratti akka hirmaachuu hin barbaanne himaataniru.














