Burundiin pirezidantii duraanii Buyooyaa hidhuuf ajaja baafteef akeekkachiifamte

Madda suuraa, AFP
Ajajni hidhaa Burundiin pireezidantii duraanii Piyeeree Buyooyaa fi aanga'oota biroo 16 irratti baaste carraaqqii nagaa busuuf godhamaa jiruuf balaadha jechuun Gamtaan Afriikaa Burundii akeekkachiise.
Kanneen ajajni hidhaa itti bahe kunneen ajjeechaa nama saba Huuttuu irraa yeroo duraaf pireezidantii ta'anii filaman bara 1993 ajjeefaman keessaa harka qabu jedhamanii shakkaman.
Yeroos ajjeefamuun Maalchiyoor Nidadaye wal waraansa saboota badaa uumee ture.
Wal waraansa waggoota 12'f loltoota biyyatti irra caalaa warri Tuutsii keessatti heddummataniifi finciltoota Huutuu gidduutti tureen namoonni 300,000 ol ajjeefamanii jiru.
Saba Tutsi kan ta'an Buyooyaan, ajajni irratti bahe saboota biyyattii gargar qooda, ammoo rakkoo biyyattiin keessa jirtu irraa qalbii uummataa garana jijjiiruuf tooftaadha jedha.
Waggoota soddoma darban keessatti yeroo sadii ol humna waraanaa biyyattiin deeggaramanii aangoo kan qabatan Buyooyaan aardii Afrikaa keessaatti dippiloomaatii beekamaadha.
Wal waraansi biyyattii keesa ture akka dhaabbatufi bara 2005 filannoon akka gaggeefamu warra hojjetan keessa jiru.
Filannoo sanaanis namni duraan finciltoota Huutuu hogganaa ture Piyeeree Nikurunziizaa pireezidantii biyyattii ta'uun filamaniiru.
Rakkoon amma biyyattii keessa jiru kun bara 2015 Pireezidanti Nikurunziizaan yeroo sadaffaaf dorgomanii injifachuu isaaniin wal qabatee kan egaledha.
Yeroo ammaa Maaliitti ergamaa addaa Gamtaa Afriikaa ta'anii hojjetaa kan jiran namni ganna 69 Buyooyaan, "Himatni ittiin himatame maqaafi kabajaa kooo kan balleessuudha, baay'e na ajaa'ibe" jedhu.

Madda suuraa, Reuters
Dhimmi ajjeechaa Nidaadaayee biyyattiin filannoo dimokiraatawaa isa dura osoo hin gaggeessiin ji'oota afur dura kan raawwateefi wal waraansa ture dhaabuuf marii ture keessattis dubbii ijoo ture jedhu Buyooyaan.
Waliigalteen nagaa buusuuf bara 2000 mallattaa'e 'Waliigaltee Aruushaa' jedhamu kana hunda dhiisanii araaraaf nagaa buusuuf tures jedhu.
Dubbii waliigaltee kanaan cufamee ture deebisanii banuuf jecha ajaja hidhaa baasuun, filannoo injifachuuf jecha uummata gargar qooduuf tooftaa itti fayyadamaa jiranidha jedhu.
Biyyattiis deebisee wal dhabdee sabootaaf saxiluu danda'a jechuun dubbatu.
Erga bara 2015 rakkoon nageenyaa biyyattii mudatee as namootni hedduun ajjeefamanii 400,000 ol biyyattii gadi dhiisanii baqataniiru.
Mootummaanis ta'e hoggantoonni siyaasaa biyyattii tarkaanfii biyyattii rakkoof saaxilu kam irraayyuu akka of qusatan akeekkachiisee jira.















