Koronaavaayirasi: Maanguddoon 'waggaa 114' Covid-19 irraa fayyan eenyu?

Ragaan guyyaa Kamisaa fuula feesbuukii Daarektara Hospitaalaa Ekkaa Kotabee, bakka namoonni vaayirasii Covid-19 qabaman itti wallaanam, irraa argameen maanguddoon waggaa 114 Koronaa irraa fayyaan kan jedhu ture.

Maanguddoon kunis erga vaayirasicha irraa bayyanatanii booda wallaansa gara biraatiif gara hospitaala Yeekkaatiiti 12 ergamusaanii ragaan kun ibseera.

Isaan booda ammoo gara mana saanii galuu hakimiin isaan hordoofaa turaniif BBC dubbusee nuuf mirkanneessaniiru.

Kana malees mucaan ilamasaanii Biiniyaam Alamsagad amma fayyaa gutuudhaan mana akka jiran BBC'tti himeera.

Ofii maanguddoon kun eenyu?

Maanguddoon waggaa 114 amma Covid-19 irraa bayyanachuun himamee Abbaa Xilaahun jedhamu.

Wayita isaan dubbisuuf bilbilletti ilma ilmasaa kan ta'eefi kan isaan kunuunsaa jiru Biniyaam haala ture BBC'tti himeera.

Abbaa Xilaahuun kan dhalatan Naannoo Amaaraa bakka Bulgaa jedhamutti yoo ta'u, gara Finfinnee kan dhufan ijoolluumaan. Ammaan tanas Bulchiinsa Magaalaa Addis Katamaa Aanaa 25 keessa jiraataa jiru.

Erga gara Finfinnee dhufanii boodas jireenya isaanii mo'achuuf hojiiwwan adda addaa hojjataa akka turan Biniyaam ni dubbata.

Hojiiwwan elektirooniiksii suphuufi halluu dibuun galii guyyaa argataa akka turan hima.

Yeroo tokkos balaan elektirikii cimaan isaan mudatee akka tureefi isaan booda hojii elektirikaa akka dhaaban Biniyaam ni yaadata.

Booda keessas haatii warraa isaanii du'anii akkayoo arguu eegallaan gara ammantaatiin jireenya biyya lafaa hinbarbaadu jedhanii gara waaqaatti goruusaanii dubbata.

Ammattis ilma ilmasaanii kana waliin jiraatutu kunuunsa isaaniif taasisaa jira.

Akkamiin Covid-19'n qabamuu baran?

Jalqabarra qufaan isan qabuun buufata fayyaa naannoo isaniitti argamuutti wallaanamaa akka turan Biniyaam ni dubbata. Isaan booda ture wayita saamuddi fudhatamee qoratamuutti Covid-19'n qabamunsaanii kan barame ture.

Achiinis gara Ekkaa Kotabee galuun wallaansa akka argatan taasifaman.

Hospitaalicha keessattis hordoffii cimaa oggeessonni fayyaa taasisaniifiin fayyanii bahuu akka danda'an dubbata Biniyaam.

Namoota hospitaala kana keessa ciisanii wallanaman maatii isaaniin gargaaramuun hinhayyamamneefis nama haala isaan keessa jiraniifi nyaata geeffamuuf harkaa fudhuu akka ramadamuuf ni dubbata.

Hakiimoonni maanguddoo kanaaf wallaansa taasisaa turan maal jedhuu?

Hakiimoota dhiheenya keessaa Abbaa Xilaawuniin wallaanan keessaa tokko Doktar Haaloof Abaatati.

Hakiimni kun akka jedhuutti maanguddoon kun nama waggaa 114 ta'usaaniif ragaa argachuun nama hin dhibu.

Namoonni bara isaan itti dhalatan keessa dhalatan waraqaa ragaa dhalootaa argachuun waan hinjirreefuu umuriisaanii ragaan mirkanneessuun ni rakkisa ta'a.

Garuu ammoo maashaa harkaafi miilasaanii akkasumas haala ejjannaa qaamaa ilaaluun umurii isaanii 100 ol akka ta'ee tilamaamuun ni danda'ama jedheera.

Abbaa Xilaahun dhukkuba Tiibiitiin qabamanii waan turaniif, irra deddeebiin erga qorannoon taasifameen booda Koronaavaayirasii irraa bilisa ta'uun mirkanaa'ee ture wallaansa TB akka argataniif gara Hospitaala Yekaatiit 12'tti ergamanii kan turan.

Hospitaala Yeekaatittis erga wallaansa argatanii booda bahuun gara manasaanii akka galan BBC'n hakiima dhukkuboota keessoo kan ta'an Dr Liyaa Faantaahun irraa mirkaneeffateera.

Dr. Liyaan abbaa Xilaawuunis Hospitaala Yekaatititti wallaansa taasiisaafi kan turte ta'u himtee, amma haala fayyaa gaarii irratti waan argamaniif gara manaatti gaggeefamu himti.

Namni kun dhugaan umuriinsaanii waggaa 114 ta'aa jedhamuun gaaffii dhiyaateefis, ''Dhugaadha maanguddoo waggaa 114 ti. Ijoolleefi ijoolleen ijoolleesaanii waliin turan'' jetti.

Itoophiyaatti hanga ammaatti qorannoo samuuda 232,05 taasifamuun namoonni 5,175 vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa'eera.

Namoonni 1,544 dhukkubicharraa kan fayyan yoo ta'u, kanneen 81 ta'an ammoo vaayirasiidhuma kanaan lubbusaanii dhabaniiru.