Koronaavaayiras: Hogganaan paartii mormituu Afrikaa Kibbaa 'mana sagadaa hin dhaqinaa, ni duutu' jedhe

Hogganaan paartii mormituu Afrikaa Kibbaa 'mana sagadaa hin deemiinaa, ni duutu' jedhe.

Hogganaan paartii mormituu beekamaa Afrikaa Kibbaa Juuliyas Maalemaa waldaa deemtanii 'kiyyoo' isiniif qophaa'e hin seeniinaa. Vaayirasiin qabamtanii duutu jedhe.

Afrikaan Kibbaa Waxabajjii tokkorraa kaasee manneetii amantii akka deebistee bantu Pireezidantiin biyyattii Saayriil Raamaafoosaa dubbataniiru.

Kunis dhorkaawwan Covid-19 to'achuuf keewwaman salphisuuf tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiran keessaa isa tokko dha. Mana sagadaa tokko keessatti namoota 50 qofatu walitti qabamuun eeyyamamaaf.

Maalemaan,''waldaan banamuun namoota dhukkuban akka qabamaniif saaxila,hoggantoonni amantii hordoftoota isaaniif dhimmaman mana akka turan itti himuu qabu,'' jedhe.

Miseensota paartii isaatiin waaqeffannaa jettanii waldaa akka hin deemne,''kiyyoo keessa seentu'' ittiin jedheera.

Reestooraantiiwwan qulqullina foyya'aa otoo qabanii hin banamne, kanaaf lafti waaqeffannaas cufaa turuu qaba jedheera.

Kaampanii Afrikaa Kibbaatti albuuda warqee baasuun beekamu keessatti hojjetoonni 164 ta'an torban darbe koronaavaayirasiin waan qabamaniif hojii dhaabee ture.

Dhaabbanni albuuda baasu kun akkuma warshaalee hedduu biyyattii keessa jiran biroo uggume ture yeroo laaffifametti deebi'ee hojjetoota walakkaa hojiitti deebise.

Namoonni dhibeen irratti argamuun mirkanaa'es mallattoo dhukkubichaa tokkollee hin agarsiifne ture.

Afrikaa Kibbaa keessatti koronaavaayirasiin namoota 22,000tti dhiyaatanirratti kan argame yoo ta'u, 407 ammoo galaafateera.