Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Moozaambik namoota saalqunnamtii madda galii taasifatan biyyaa ariyatte
Moozaambik namoota hojii saalqunnamtii muka bultii godhatan labsii yeroo muddamaa cabsan jechuun biyyaa ariyatte.
Pooliisiin Mozaambiik namoota saalqunnamtii madda galii taasifachuun seera labsii yeroo muddamaa weerara koronaaavaayirasii to'achuuf bahe cabsan 43 hidhuun boodarra ammoo biyyattii keessaa baasan.
Qondaaltonni biyyattii akka himanitti, lammileen Zimbaabweefi Zaambiyaa sababa kanaan namoota torban darbe qabamanii hidhaman keessa jiru.
Magaalaa biyyattii Beyihiraa jedhamtu keessatti namoonni 109 dambii labsii yeroo muddamaa biyyattiin baaste darbanii saalqunnamtiidhaan galii argachuurratti himaatan qabamanii hidhamaniiru.
Daldaltoonniifi namoonni karaa hawaasnii deemurratti bahanii dhugaatii alkoolii dhugaa turanis namoota biyyaa baafaman keessatti argamu.
Salqunnamtiidhaan galii argachuutti hirmaachuun namoota hidhaman 77 keessaa 43 lammilee biyyoota biroo Mozaambik keessa jiraataan ta'usaanii qondaalli poolisii biyyattii Fernaandoo Ribeeroo himaniiru.
Daa'imman iddoo muraasatti wayita dhugaatii alkoolii gurguraan argamaniiru jedhan qondaalli poolisii biyyattii kun.
Moozaambik keessatti namoonni 227 koronaavaayirasiin qabamuun isaanii kan gabaafame.
Gama biraatiin, Pirezedantiin biyyattii Filiip Niyusi labsii yeroo muddamaa ji'a Bitotessaa keessa labsame turtiisaa dheeressaniiru.
Sababni labsichi dheeraffames lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii dabaluu ta'uus ibsan.
Yeroo labsii muddamaa kanatti biyyattii keessa oliifi gadi imaluun uggurameera, manneen barnootas cufaadha, lammileen biyyoota biroo gara Moozaambik seenuun daangeffameera.