Koronaavaayiras: Akka ilaalcha lammilee UStti biyya kamtu Covid-19 to'achuun caalaa milkaa'ee?

Lammiileen Ameerikaa biyyoota Covid-19 to'achuuf hojii hojjetaniin yoo madaalan Kooriyaa Kibbaafi Jarmaniin dinqisiifatanii, Xaaliyaaniifi Chaayinaan ammoo hojii gad aanaa hojjetaniiru jedhan.

Dhaabbatni qorannoo Waashingitan jiru, Pew Research Center biyyootni weerara Covid-19 to'achuuf hojii hojjetan madaaluuf sagalee lammiilee Ameerikaa 10,957 irraa sassaabeera.

Haaluma kanaan qabxii biyya isaanii Ameerikaaf kennan caalaa hedduun isaanii Kooriyaa Kibbaafi Jarmaniif qabxii olaanaa kennaniiru.

Kooriyaan Kibbaa weerara kana daftee ittisuuf hojiin hojjette gaariidha jedhaniiru namootni madaallii isaanii kaahan kunniin.

Jarmanittis uggurri sochii yeroon labsame duuti biyyoota Awrooppaa biroon gad akka ta'u gargaareera jedhameera.

Lammiileen kun hojii UK'n to'annoo dhibee kanaaf hojjette irratti yaada gara tokkotti luucca'e kennuun itti ulfaateera.

Hedduun lammiilee biyyattii madaallii kana guutan Chaayinaafi Xaaliyaan to'annoo vaayirasii kanaa irratti hojii gaarii hin hojjenne jedhaniiru.

Xaaliyaan biyyoota Awrooppaa keessaa biyya lammiilee hedduu sababa vaayirasii kanaan dhabdeedha.

Harki caalaan namoota kanaa biyyi isaanii Ameerikaan weerara kana to'achuurratti biyyoota biroorraa muuxannoo waa baruu qabdi jedhaniiru.

Dhaabbata qorannoo Pew keessatti daayireektara qorannoo global attitudes kan ta'an Richaard Waayik lammiileen Ameerikaa biyyootani adunyaarra jiran weerara kana akkamiin to'achuuf yaalaa akka jiran xiyyeeffannoon hordofuu jedhan. .

Dhaabbata Fayyaa Addunyaa akkamiin madaalan

Torbanoota muraasa dura Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa (WHO) xiyyeeffannoo lammiilee Ameerikaa keessa hin turree kan jedhan Waayik, yaadni lammiileen kun qorannoo kanarratti kennan wal adda jedhan.

Dimookraatota keessaa harki 62 dhaabbatichi weerara kana to'achuuf hojii akkaan dansaa ykn dansaa hojjeteeraa jedhaniiru. yaada kanatti Ripaablikaanota harka 28 qofat waliigale.

Waayee odeeffannoo Dhaabbatichaa bahurraa amantaa qabaachuu ammoo tokko sadaffaan Ripaablikaanotaa dhaabbticha ni amannaa jedhaniiru. Dimookraatota keessaa harka 80'tu dhaabbaticha amana.

Lammiileen Ameerikaa Chaayinaa akkamiin ilaalu?

Pireezidant Tiraamp, Koroonaavayirasiitiin "Chinese virus" jechuun waamu filachuun isaanii Beejiingiin hedduu mufachiisa. Qeeqa irra deddeebiin Tiraamp irraa ka'uufis deebii kennaa

Waayik akka jedhanitti bara 2005 irraa eegalee Ilaalcha Chaayinaaf qaban irratti gaaffi lammiilee Ameerikaafiyeessaa bahan irraa ilaalchi gadheen akka alaanaa horatamee hin beekuu jedhan.

Dhimma kanarratti Dimookraatotaafi Ripaablikaanota gidduutti garaagarummaan yaadaa jirus dhiphachuu himaniiru.

Ameerikaanonni yeroo dheeraaf dhimmoota akka daldalaa fi carraa hojiirratti Chaayinaarraa shakkii kan qaban ta'us amma ammoo kun gara naeenya Saayibariifi mirga namoomaattis ce'eera.

Yeroo ammaa lammiilee Ameerikaa qorannoo kan keessatti hirmaatan keessaa harki 66 Chaayinaaf ilaalcha gaarii hin qaban.

Odeeffannoo waayee Vaayirasii kanaarratti Chaayinaatii bahaniis harki 84 ''badaa hin amannu ykn hin amannu'' jedhan.

Hojii mootummaan isaanii hojjete akkamiin madaalan?

Lammiilee Tiraampiin filatan keessaa harki walakkaa ol jechuunis %52 weerara kana to'achuuf laafina argarsiisaniiru jedhanii amanu.

Namoota harka 47 ta'antu hojii Ameerikaan weerara kana to'achuuf hojjette ''daran dansa ykn dansa'' jechuun ibsan.