Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Shamarran Afgaan qaama konkolaataarraa ventiletara dhibee Covid-19 wallaanuuf gargaaru hojjatan
Gareen shamarran Afgaanistaan xiyyeeffannaa isaanii dhukkubsattoota koronaavaayirasii irratti taasisuun ventiletor omishaa jiru.
Shamarreewwan kunneen mata-duree oduu kan ta’an bara 2017’tti erga UStti dorgommii idil-addunyaa irratti badhaasa addaa argatanii booda ture.
Yeroo ammaa ventiletara omishuun gatii xiqqaadhaan dhuma baatii Caamsaatti dhiyeessuuf hariitiin hojjataa jiru.
Lammiileen Afgaanistaan kan waggoota dheeraaf waraana keessa turan ummata miliyoona 38.9’f ventileetara 400 qafa qabu.
Hanga ammaattis biyyattii keessatti namoonni Covid-19 qabame 7,650 yoo ta’u, namoonni 178 du’uun mirkanaa’eera. Garuu aanga’oonni haalli jiru hammaachuun sirna fayyaa biyyattii dadhabaa sanayyu caalaa akka dadhabsiisu malu soda qabana himu.
‘‘Lubbuu tokkoolleen baraaruudhaaf kun baayyee barbaachisaadha,’’ jetti miseensi garee shamarranii kanneen kan taate Raahiimii kan umuriin waggaa 17 BBC’tti yoo dubbattu.
Gareen shamarranii Afghan Dreamers jedhaman kun bulchiinsa gama lixa biyyattii Heeraatirraa dhufan. Namni yeroo jalqabaatiif Covid-19n qabamees bulchiinsuma kana keessaa ture.
Naannoon sun Iraaniin kan wal daangeessu waan ta’eef, weerarichaaf jidduugala akka ta’e himama.
Shamarran umuriinsaanii waggaa 14 hanga 17 ta’an kunneenis, motora konkolaataa Toyotaa Korollaafi motora saayikilii Hayundaay moofaatti fayyadamuun ventileetar hojjataa jiru.
Akka jedhanittis, ventileetarri isaan tolchaa jiran kunis bakka ventileetarri sadarkaa isaa eeggate hinjirreetti, dhukkubsattoota rakkina argansuu qabaniifi kutaa wallaansa addaa keessatti yaalamaniif boqonnaa yeroodhaaf ni kennaaf.
‘‘Garee hakiimootaafi narsoota gargaaruuf waan hiikaa qabu tokko hojjataa jiran kana keessatti miseensa ta’u kiyyatti nan boona. Yeroo kanatti isaan gootota keenya,’’ jetti oggantuun garee kanaa Somaayaa Faaruuq.
Hir'ina omisha ventiletaraa addunyaarratti umameen, gatiinsaa $30,000 to $50,000 waan qaqabsiiseef, biyyoonni hiyyeeyyiin kana bitachuuf hin danda’an jechuudha.
Garuu shamarreewwan kunneenis meeshaa kana $600 qofaan omishine dhiyeessina jechaa jiru.
Magaalaa keessatti argaman Heraat uggura jala waan taateef suuqiin waan cufameef jecha shamarran kunneen meeshaa isaan barbaachisu argachuuf bulchiinsa isaaniin ala bahuun isaan barbaachiseera.
Haata’u malee, hundeessituun garee kanaa, Royaa Maahboob, kalaqxuu namoota addunyaarratti dhiibbaa taasisan 100 jedhamuun ‘Time Magazine’ tarreefamte akka jettuutti, gareen ishe ammalleen dhuma Caamsaatti ventleetaroota kanneen dhiyeessuuf hojjataa jiru.
‘‘Ammattis %70 kan ta’u xumuraniiru. Wanti amma dhabnee jirru tokkochi sakkataattuu qilleensaa (air sensor) kan ofiin tolchuurra bituu barbaadnu dhabaa jirra.
‘‘Marsaan jalqabaa xumuramuun guyyoota lama dura hospitaala keessatti yaalameera. Amma gareen kun marsaa lammaffaa isaa irratti hojjataa jiru. Tokkicha marsaan kun xumuramnaan gabaaf dhiyaata.’’
Biyyattii keessatti baayyinni dubartoota baratanii %30 gadi yoo ta’u, shamarran kunneenis pirojaktiin isaanii kun shamarran biraaf kaka’umsa umuun, industirii injinariingi keessatti ilaalcha shamarraniif jiruu akka geedaru abdatu.
‘‘Vantileerata omishuu danda’u agarsiisuun umurii xiqqaatti shamarran barsiisuun akka barbaachisuufi gahee olaanaa dubartoonni hawaasa isaanii keessatti qaban kan mullisuudha,’’ jetti miseensi garee kanaa kan biraa Elhaam Maansori, shamrreen waggaa 16.
- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras