Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayras: Tiraamp US lakkoofsa namoota Covid-19n qabaman guddaa qabaachuun ‘maallattoo kabajaati’ jedhe
Pireezdaant Donaald Tiraamp addunyaa keessatti US lakkoofsa namoota Covid-19 qabamanii isa ol-aanaa qabaachuunshee ‘mallaattoo kabajaati’ jedhe.
“Gama tokkoon waan gariidha jedheen ilaala, sababnisaa qorannoon keenya wayyaa'aadha jechuudha,” jechuun dubbateera.
Akka gabaasa Yunvarsitii Joon Hopkiinsitti US keessatti namootni koronaavaayirasiin qabamanii miiliyoona 1.5 yoo ta’u, namootni 92,000 ta’an ammoo dhibee kanaan du’aniiru.
Erga weerara kanaati Wiixata walga’ii kabinee jalqabaa qopheessanirratti Obbo Tiraamp, “yeroo lakkoofsi namoota qabamaniin ni dursina jettaan sababni isaa hunda caalaa qorannoo gaggeessaa waan jirruuf,” jedhaniiru.
“Kanaaf, lakkoofsa namoota qabamanii baayyee qabachuu keenya akka waan hamaatti hin laalu. Gama tokkoon waan gariidha jedheen ilaala, sababnisaa qorannoon keenya haala gaariirra ta'uu agarsiisa,” jechuun dubbate.
Dabalataan, “akka mallattoo kabajaattin ilaala. Dhugaan kun mallattoo kabajaati.”
“Qoronnoo gaggeefamuufi hojii ogeessoti hedduu hojjataniif kabaja kan kennudhas,” jedheera.
Akka Wiirtuu To’annoo Dhukkubaatti (CDC) UStti hanga ammaatii biyyattii keessatti qorannoo koronaavayirasii miiliyoona 12.6 gaggeefameera.
Koreen Biyyaalessaa warra Dimokiraatawaa lakkoofsa namoota Covid-19n qabamanii US 1.5 ta’uun isaa, “hoggansaa gutummaatti kufaa” qabaachuu agarsiisa jechuun haasaa pirezdaanticha qeeqaniiru.
Akka maxxaansaa Yunvarsitii Okisfoord Our World Data jedhutti baayyina qorannoo vaayirasiin US dursitus, lakkoofsa uummataan yeroo madalamuu garuu tokkoffaa miti jedha.
- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras