Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayirasii: Shamarree Itoophiyaa hir'ina 'maaskii' furuuf tattaafataa jirtu
Dizaayinar Maahileeti Afawarqii ogeeyyii hir'ina maaskii Itoophiyaa mudate furuuf dhuunfaan tattaafataa jiran keessaa tokkodha.
Gorsawwan weerara koronaavaayirasii ittisuuf ni garagaaruu jedhaman keessaa maaskii afaaniifi funyaan haguuguu kaawwachuun tokkodha. Sababii kanaanis addunyaarratti barbaachisummaan maaskii garmalee dabalee jira.
Itoophiyaa dabalatee biyyoonni addunyaa hedduunis maaskii kaawwachuu akka dirqamaatti erga labsanii bubbulaniiru.
Kanaan wal qabatee hir'ina uumame furuuf biyyoonni tokko tokko omishtoonni akka baay'ataniif ogeessoota dame hedduurra jiran gara omisha maaskii akka seenan jajjabessaa turan.
Dizaayinaroonni kanneen omisha maaskii irratti adda durummaan hiriiranidha.
Attamiin eegalte?
Dizaayinar Maahileeti Afawarqii (Maafii) maaskii omishuu kan eegalte battaluma namoonni koronaavaayirasiin qabaman Itoophiyaa keessatti argamun isaanii himametti ture.
Wayita sanatti maaskiiwwan muraasa omishuun namoota naannoo ishee jiraataniif kennu himti.
Itti aansees tibba bulchiinsi Magaalaa Finfinnee meeshaalee adda addaa gargaarsaaf walitti qabeetti, isheen ammoo maaskii arjoomtee turte.
Kana malees maaskiiwwan 500 konkolaachiftootaafi gargaartoota taaksiitiif kennitee jirti.
Walumaa galattis hanga ammaatti maaskiiwwan 2,500 gargaarsaan kennuu kan himtu oggeettiin tun, maaskii hanga kuma 10 ta’u kennaan kennuuf karoora qabaachu BBC’tti himtee jirti.
Wayita ammaa kanattis dhaabbilee akka baankiifi warshaa kan hojii dhaabuu hin dandeenyeef raabsuu eegalu dubbatti.
Omisha maskii gurgurtaaf dhiyeessituu, tokkosaa birri 30n kan gurgurtu ta’uus ni himti. Haa ta’u malee oomishaalee loogoo dhaabbileetiin omishaman gatii adda addaatiin kan dhiyeessitu ta’uus ni dubbatti.
Omishaalee maaskii dhiyeessaa jirtu sadarkaa isaanii kan eegan taasisuufi huccuun omishi ittiin omishamu gaarii ta'uu adda baasuuf ammoo, qorannoo biyyoota hedduu ilaaluu himti.
Akkuma Maahileet, ogeessonni dame kanaa kan biraas Magaalaa Finfinneetti omisha maaskii kanarratti hirmaataa jiru.
Maahileetis oggeessoota kanneen waliin attamiin omisha maaskii kana guddisuu akka danda’aniifi osoo gaaffiin gama mootummaa irraa dhiyaatee attamiin hirmaachu akka danda’aniirratti waliin mari’achuus ni himti.
Kana malees, hiriyoota ogeessota akka ishee waliin Ministira Fayyaa Dr Liyaa waliin attamiin qulqullina sadarkaa omisha isaanii foyyeessuu akka danda’aniifi attamiin sochii waajjirri ministirichaa taasisaa jiru deeggaruu haala danda’an irratti mari’achu isaanii ni himti.
Haaluma kanaanis bakkeen itti hojjataa jiran dowwatamee hayyamni akka kennamuufi akkasumas qulliqullinni lafa omishaafi oggeessi fayyaa gorsa kennu jiraachuun dhimmota tibba xiinxalaatti xiyyeeffannaa keessa galfaman ta’u akka itti himame dubbatti.
Haala barbaadamuun omisha kanarratti xiyyeeffachuun, ittisa koronaavaayirasii kanaaf gumaatuun alattis hojjattoonni hojii isaanii akka hin hiikneef kan gargaaru ta’u himti.
Hir'ina maaskii jiru kana keessa darbuuf ammoo kanneen manaa maashina huuccuun ittiin hodhamu qaban maatiisaaniif qopheessuu kan danda’an ta'ulleen ni dubbatti.
Maaskii mana keessatti tolfamuufi fayyadamasaa irratti wantoota yaadatamu qaban muraasa:
- Kan haalaan afaaniifi funyaan haguuguu ta’u qabaata. Kana malees haalaan fuularra akka taa’uuf funyopo gurra ittiin qabsiifamu qabaachuu mirkanneessaa.
- Huccuuwwan jirbii irraa hojjataman maaskii ittiin tolchuuf filatamoo ta’uu qorannoon ni mul'isa. Kana kan hin arganne yoo ta’e huuccuudhuma mana keessatti argamuun tolfachuun ni danda’ama.
- Maaskii tokkoo ol qabaachu hin dagatiinaa. Wayita isa itti fayyadamtan miiccitaniitti kaaniitti fayyadamu dandeessu.
- Maaskii wayita kaawattaniifi baafattan hunda dura harka keessan saamunaan dhiqachu hin dagatinaa.
- Maaskii itti hin fayyadamne bakka gaarii kaawwadhaa.
- Maaskii kaawwachuu jechuun ammoo of eeggannoowwan gara biraa taasisuu dhaabu jechuu miti. Maaskii kaawwattanis fageenya keessan eeggachuufi kanneen akka harka saamunaan dhiqachu ykn alkooliin haxaawwachu hin dagatiinaa.
- Attamiin akka maaskiin mana keessatti omishamurratti midiyaalee hawaasaa irraatti dabalataan argachuun ni danda’ama,
- Daa’imman waggaa lamaan gadii kan maaskii kaawwachuun ofiirra eeguu hin dandeenyeetti maaskii kaa’uun hin gorfamu.
- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras