Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Lammiileen Itoophiyaa Liibaanos jiran rakkoo cimaa keessa jirra jedhu
Liibaanositti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii dabalaa dhufuusaatiin walqabatee biyyattiitti uggurri sochii gutummaatti kaa'ameera.
Uggurrii sochii guutuu kunis boru galgala kan jalqabu yoo ta'u, hanga Wiixata dhuufaatti kan hojiirra oolfamu ta'a jedhameera.
Uggurri dura biyyattiin keesee turte kaafamnaan lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii garmalee dabalaa adeemusaa madden biyya keessaa ni mullisu.
Kanaafuu, Ministirri Beeksiisa biyyatti Maanaal Abdallaa, ''lammiileen hundi mana keessa turuu qabu. Dhimmi tasaa yoo mudateen ala eessayyuu deemuu hinqabaatan,'' jedhaniiru.
Akka ragaan Joons Hopkins mullisuutti, biyyattiitti namoonni 870 vaayirasichaan qabamuun kan mirkanaa'e yoo ta'u, 26 ammoo sababiidhuma kanaan lubbusaanii dhabaniiru.
Lammiilee keenya Liibaanositti
Liibaanositti lammiileen Itoophiyaa hojiiwwan gadaanaa irratti bobba'an hedduun jiraachuu kanneen BBCn dubbise ni himu.
Baayinasaanii sirrii adda baasuun rakkisaa ta'ulleen, baayyeen isaanii haala seera qabaassaafi seeraan ala ta'een hojjataa jiraachuu dubbatu.
Lammiilee maqaansaanii akka hineramne gaafataniifi Liibaanositti argaman akka jedhaniitti, ''rakkoon keenya kan eegale baatii Bitooteeessa darbe wayita dinagdeen biyyattii kufuun doolaarri qala'uu eegaledha,'' jedhu.
Yeroo sanatti ture lammiileen mana namaa hojjatan kan hari'ataman; kaan ammoo mindaasaanii walakkaadhaan hirrisanii hojjachuu kan eegalaniifi kaan ammoo hanga ammaatti kaffaltii mindaa osoo hinargatiin akka jiran himu.
''Kanneen kaffaltii malee hojjachuu filatanis yoo xinnaate nyaata argataa jiraachuu wayya kan jedhaniidha,'' haala akkasii keessa darbuu himu.
Weerarri koronaavaayirasii adunyaa raase mudachuunsaa jireenya keenya garmalee hubee jira kan jedhan lammiilee Itoophiyaa kunneen, kanneen daa'ima qaban daa'imasaaniif nyaata bituufi kiraa manaa kaffaluu dhiphina itti ta'aa jiraachu himu.
Uggura duraan weerara kana ittisuuf biyyattiin keessee turte dhiheenya kaasuun ishee, lammiileen waan argatan hojjatanii lubbuun jiraachuuf abdatan akka turan dubbatu.
Haata'u malee, namoonni vaayirasichaan qabamaa jiran baayyataa waan dhufeef ammas mootummaan borurraa kaasee guyyota dhufan shaniif eenyuumtuu manaa akka hinbaane labseera. Kunis baayyee isaan yaaddeessuu BBC'tti himaniiru.
Ministirri Mummee biyyattii Haasan Diiyaab guyyoota afur darban qofaatti namoonni 100 vaayirasichaan qabamusaanii himanii, guyyoota itti aanan shaniif eenyumtuu manaa akka hinbaane ajajaniiru.
Mootummaan biyyattiis namoota fageenya hawaasaa isaanii hineeganneen ''kan dhimma hinqabneefi itti-gaafatamummaa hinbaane,'' jechuun ibsaniiru.
Uggurri duraan kaa'amee turees baatii lamaan booda wayita kaafameettis namoonni qajeelfama fageenya eegachuu akka hojiirra olchan himuun suuqiiwwaniifi manneen sagadaa akka banaman taasifaman.
Namoonni haaraan vaayirasiin kun irratti argame hedduun lammiilee biyyattii biyya biraarraa garas deebii'an jedhameera.
Lammiileen Liibaanos guyyoota shaniin dura Naajeeriyaa Leegoosirraa deebii'an vaayirasichaan qabamusaanii ministirri fayyaa biyyatti beeksiiseera.
Uggurri kaa'amee turees dinagdee biyyattii itti laafiisuu dubbatu kanneen yaada kennan tokko tokkoos.
Cabaarratti buqa'aa
Lammiin Itoophiyaa BBC dubbiseefi Liibaanos keessa waggoota 12'f jiraachuushee kan himte gama isheetiin, ''Anas ta'e hirriyoonni kiyyaa paaspoorii ykn hayyama hojii hinqabnu,'' jechuun haalli yaaddoo ishee hangam dachaa akka ta'e himti.
Kana duras, rakkoolee hedduu mudatee akka ture kan dubbatu shamrreen kun kan ammaa kun garuu baayyee hamaa ta'usaa himti.
Osoo Covid-19 hinmudatiin duraa jalqabee kaffaltii ishee wallakkaan hir'isuun hojjataa akka turte kan himtu baqattuunktun, erga koronaan mudatee asi garuu baayyee dhukkubsachuu himti.
''Tarii koronaas ta'u mala, haalli isaa akka qufaa fakkaata,'' jetti gosa dhukkuba ishee wayita himtu.
Biyyattii keessatti tajaajila wallaansaa argachuuf paaspoortii ykn hayyama hojii waan gaafatuuf wallaanamuu akka hindandeenye himti.
''Gareedhaan saddeet taanee waan waliin kutaa tokko keessa jiraataa jirruuf, osoon qabamee warra kaan nan faalan ture,'' jetti. Isheen alas lammiilee Itoophiyaa hedduun haaluma walfakkaatuun kutaa tokko keessa waliin hojjataa akka jiran himti.
Hayyama hojii waan hinqabneefis rakkoolee adda addaatiif saaxilamoo akka ta'an dubbatti.
Amma kan qaban yoo nyaatan, hojjataa hinjiran yoo ta'e ammoo kiraa manaa kaffaluuf baayyee akka rakkatan himu.
Liibaanos, Beeruuti keessa lammiilee kumaatamaan lakkaa'aman jiraachuu kan himan baqattoonni kunneen, manneen hidhaafi hospitaalootaa keessatti du'uun reeffi hedduun kutaa turtii keessa jiraachu dubbatu.
Haala keesatti argaman kanarraa ka'uunis gara biyyaa deebi'uuf barbaadaa jiraachuu dubbatu.
Imbaasiin Itoophiyaa Liinaanositti argamu maal jedhaa?
Beeruti Liibaanositti Itti-gaafatamaan Qontsolaa Imbaasii Itoophiyaa Obbo Akliilu Taxarraa Wubee BBC'tti akka himaniitti, Beerutii keessa lammiilee Itoophiyaa 400,000 ol ta'aniitu argama jedhan. Isaan keessaas baayyeensaanii kanneen haala seeraan alaatiin jiraataniidha jedhu.
Lammiileen kunneenis hedduunsaanii erga karaa seera qabeessaan gara sana deemaniin booda sababii adda addaatiin mindeessitoota waliin waliigaluu yoo dadhaban bahuun mana kireeffatanii haala seeraan ala ta'een hojjachuu akka eegalan dubbatu.
Haaluma kanaanis lammiilee achitti argaman keessaa harki 90 kan paaspoortiittis ta'ee hayyama jireenyaa hinqabneedha jedhu.
Rakkooleen lammiileen Liibanos keessa jiraatan kaasan dhugaa ta'u kan himan Obbo Akiliiluun, qaamoolee hawaasaafi dhaabbilee amantaa waliin waa'ee dhukkubichaarratti hubannoo cimsuuf hojjataa jiraachu dubbatu.
Itti dabaluunis lammiileen rakkoorra akka hinbuuneefi akka wal gargaaraniif hojii deegarsaa raawwachuus ni himu.
Akkasamumas, lammiilee 905 kanneen biyyatti deebi'uuf galmaa'aniifi mana hidhaafi dahoowwan adda addaa keessatti argaman Liibaanosii baasuuf mootummaa waliin mari'achaafi haal-dureewwan biraa mijeessaa jiraachuu himu.
Haata'u malee, namoota galmaa'an kanneen keessaas 54 sanadi qophaa'eef 'kottaa suuraa ka'aa jedhamnaan, lakkii hojii arganneerra deemuu hinbarbaadnu' jechuun carraa gubuu dubbatu.
Lammiilee addabiin hayyama jireenyaa hinhaaroomsiin jiraataa turan ilaalchisee marii Imbaasichi mootummaa biyyattii waliin taasiseen adabbii waggaa tokkoo qofaa akka kaffalaniif waliigalteerra gahamuu himu.
Amma ammoo Covid-19n walqabatee addabiin kun akka hafuuf gaafataa jirras jedhu.
Lammiilee Itoophiyaa vaayirasichaan qabaman yoo jiraatan Fannoo Diimaafi mootummaan biyyattii kan wallaanan ta'uu kan dubbatan Obbo Akliiluun, kanneen sanada omaa hinqabneefi rakkinni fayyaa mudate yoo jiraate Imbaasiin xalayaa barreessuufiin wallaannamuu akka danda'an himu.
Hanga ammaattis lammiin Itoophiyaa Liibaanan keessatti koronaan qabame akka hinjirre dabalnii himu Obbo Akiliiluun.
- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras