Koronaavaayiras: Keeniyaatti lolaan namoota 200 galaafate

Ji’a darbe keessa Keeniyaatti roobni cimaa erga eegalee booda lolaafi sigiga lafaan lubbuun namoota 200 darbeera.

Sababiima rooba kanaan namootni 100,000 ta’an ammoo qe’ee isaaniirra buqqa’aniiru.

Ibsi pireezdaantii akka jedhutti, midhaan lafa heektara kumaatama hedduutti tilmaamamu lolaa kanaan midhaan manca'eera.

Roobni cimaan kun turban hedduuf walitti fufinsaan roobaa kan tureefi ammallee itti fufee kan roobu ta'uu raagamaa jira.

Sodaan hidhaa gurguddoon lama cabuu danda’u jedhus jira.

Namootni hidhaa kunneen gaditti jiratan mana isaani gadhiisani bakka ol ka'aa ta'e akka barbaaddataniif itti himameera.

Mootummaan Keeniyaa carraaqqii dhibee koronaavayirasii lubbuu namoota 26 galaafate ittisuuf taasifamaa jiru kana hammeessuu mala jedheera.

Balaan lolaa tibba kana Afrikaa Bahaatti mul'achaa jiru kun namoota hedduu buqqaasuun, qabeenya hedduus mancaaseera. Kiiloomeetira hedduu fagaatee biyya Awustiraaliyaatti ammoo ho'a gara malee uumameen balaan ibiddaa namoota, lubbu qabeeyyii bosonaafi qabeenya namaafi uumamaarraan hubaatii cimaa geessiseera.

garba Indiyaa gamanatti balaa lolaa, garba Indiyaa gamatti ammoo balaa ibiddaadha.

Akka qorattoonni jijjiirama naannoo jedhanitti lolaa hamaas ta'e ho'i gara malee toa'nnoo dhala namaan ol ta'an uumamaa jiran kunneen sababii jijjiiramni haala qilleensaa daran hammaachaa deemuutiin.