Siyaasa Itoophiyaa: Pirezedantiin Eertiraa Isaayyaas Af-warqii maaliif Itoophiyaa dhaqan?

Pirezedantiin Eertiraa Isaayyaas Af-warqii gorsitoota isaanii wajjin Dilbata darbe dawwannaa hojiif gara Itoophiyaa dhufanii turan. Dawwaannaan isaanis weerara Covid-19 fi weerara Awaannisaarratti mootummaa Itoophiyaa wajjiin mariyachuuf akka turetu ibsame.

Muummicha Ministiraa Abiy Ahmadiifi qondaalota mootummaa olaanoo biroo wajjin pirojeektii jallisii Baatuu- Dugdaas eebbisaniiru.

Biyyoonni lamaan waliigaltee nageenyaa mallatteessuu hordofuun pirezedantii Isaayyaas eebba barattootaafi pirojeektirratti deddebi’anii argamuun garuu, lammiileen isaan hin beekne akka qeeqaniif sababa ta’eera.

Wayita weerarri vaayirasii biyyoota addunyaa balbala walitti cufsiise kanatti dhuguma dhimma weerara koranaavaayirasii fi awaannisaarratti mariyachuufi? gaaffii jedhus uumera.

Lammiin Eertiraa mirga namoomaaf falmu Dassibal Mahaarii garuu, daawwaannaan pirezedant Isaayyas ‘dogoggora seenaati’jechuun qeeqan.

Dassibal Xaaliyaan magaalaa Milaanoo jiraata.

Biyya jiraatu Xaaliyaaniitti weerarri vaayirasichaa jiruu hawaas-dinagdee biyyattirratti dhiibbaa jabduu qaqqabsiisu dubbateera.

Obbo Dassibal ’Dhugaatti imalli isaanii kun ajaa’iba, yeroo biyyooti hundi teeknolojiin walqunnamanitti qaamaan wal arguu sababni filataniif dhimmisaanii koronaavaayirasiin ol waan ta’eef’ jedhe.

Ji’a darbe keessa pirezedantichi dhukkubsachuu fi du’uusaanitu haasa’amaa ture.

Haata’u malee, battaluma sanatti TV dhaan dhiyaatanii, Seenaa addunyaa keessatti waraana otoo hin eegamiin dhalate jedhanii dubbatan.

Kanaafuu, falli jiru sochiin namaa daangeessuudha jedhani haasa’an. Sana booda Eertiraatti namni manasaa akka turu labsame.

Eertiyaan namoota vaayirasichi qabe 9 qofa qabaattus, Pirezedantichi gara Itoophiyaatti imaluun isaanii yaaddessaadha jedhe Dassibal.

‘’Dhimmi imalasaanii haala wayitawaa yeroo irratti mariyachuuf akka ta’e tilmaamu dandeenya’ jedha.

Tarii pirezedantichi ‘dhukkubsatan, du’aan’ jedhamaa kan ture dhara ta’uu agarsiisuuf imala siyaasaaf taasifame.

Dhimma weerara vaayirasiirratti mariyachuu kan jedhamuufi Eertiraan meeshalee deeggarsaan tujaarri Chaayinaa arjoome hin fudhadhu jette deebiste, amma dhimma kanarratti akkamitti mariyatu? jedhu.

‘Ana kan na gaddisiisuu haala amma addunyaarra jiru kan faalleessu ta’usaadha’jedha.

Pirezedant Isaayyaas garuu daawwannaasaanii xumuruun gara biyyatti deebi’aniiru.

Gara biyyatti erga deebi’anii addatti fo’amanii guyyoota 14’f turuu laata? Dhimmi jedhummoo dhimma irratti haasa’amu ta’eera.

Hoggantoonni lamaan dhimmi irratti mariyatan bal’inaan tarreefamanii beekamu dhabanis, hariiro siyaasaa biyyoota lamaan giddutti guddataa deeemerra ka’uun sababoota lama tilmaamuun ni danda’ama jedhu xiinxalaan siyaasaa fi falmaan mirga namoomaa Dr. Hayilee Hagoos .

’Kanaan dura pirezedanti Isaayyaas jijjirama siyaasaa Itoophiyaatti dhufe callifnee hin ilaallu, nu ilaallata jechuusaanitu yaadatama.

Haasaa isaanii kanaas lammileen Itoophiyaa giddu seentummaadha jedhanii yaadda’uu ibsaniiru.

Pirezedanti Isaayyaas dhimma siyaasa biyya biraa keessa seenuudhaan karaa isa baasuu mil’achuurra hin deebi’u.’

’Amma dhimmi siyaasaa ijoon Itoophiyaatti dhimma filannooti, Obbo Isaayyaas humnoota Eertiraa keessa turan wajjiin haasa’anii waliigalchiisuuf dhufan jechuu dandeenya.

Dhimmi biraan, lammileen Itoophiyaa Isaayyaas du’eera jedhanii haasa’aafi hawwiisaanii ibsaa waan turaniif yaada qofa ta’ee hafee jechuudhaafi jedheen tilmaama’jedhan.

Hoggantoonni biyyoota lamaanii ammatti lubbuu namaafi oomishni qonnaa isaan yaaddeessetu mariif gara Itoophiyaatti qajeelan yaadni jedhu amansiisa miti jedhan.

Pirezedantichi dhimma weerara vaayirasichaarratti hawaasaaf ibsa hin kennine jedhamiini wayita hamataman kanatti, takka turani ’weerarri vaayirasichaa xiyyeeffannoo keenya waliin dha’uu hin qabuu, hojiiwwaan misoomaa eegallee itti fufuuf qabna ‘ jedhu.

Qeeqxonni isaanii garuu, hooggantoonni yeroo kanatti shira kan dalagan otoo hin taane, weerara mootummoota addunyaa qoraa jiru kana to’achuufi ittisurratti xiyyeeffatamuu qabaa jedhu.

‘Adeemsi isaanii hamaadha, biyyoonni guddatan weerara kana to’achuu wayita dadhabanitti, biyya biraa dhaqanii pirojeektii eebbisuun barbaachisaa ta’ee natti hin mul’atu, fayyaa hawaasaaf xiyyeeffannoo kennuu caala waan yeroosaa hin eegganneerratti xiyyeeffachuun fayidaa maalii qaba? jechuun gafatu.

Hawaasni Eertiraa dhiyeessii tajaajila ibsaa fi bishaanii hin qabne otoo manatti hafee jiruu, Namni gamnii kun dhimma siyaasaaf gara Itoophiyaatti imaluun seenaan kan nama gaafachisuu ta’u mala’ jedha Dr. Hayilee Hagoos.

Weerarri koronaavaayirasii Afrikaatti dhufaa jiraachuu akeekuun, hooggantoonni biyyoota Afrikaa namoota hedduu qorachiisuuf qopha’uu akka qaban Dhaabbanni Fayyaa Adunyaa akeekkachiisera.