Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Obbo Kabiir Huseen eenyu turan, sirna Awwaalchaa irratti maaltu jedhame?
Hundeessaa fi abbaan qabeenyaa Hospitaala Jeneraalaa fi Kolleejjii Meedikaalaa Adaamaa Obbo Kabiir Huseen Waaqoo sirni awwaalcha isaanii Caamsaa 06 bara 2020 magaalaa Adaamaatti raawwate.
Sirna awwaalcha abbaa qabeenyaa kanarratti Obbo Lammaa Magarsaa dabalatee aanga'oonni mootummaa fi namoonni bebbeekamoon biroo argamaniiru.
Obbo Kabiir eenyu turan?
Obbo Kabiir Huseen Godina Arsii aanaa Heexosaatti dhalatanii akka guddatan seenaan jireenyaa isaanii ni hima.
Hojii daldalaa har'a ittiin beekamtii guddaa horatan kanas tokko jedhanii kan jalqaban Hurutaatti koofiyyaa Musliimaa harkaan hojjetanii gurguruudhaan ture.
Hojii isaanii kanas dhawaataan guddisaa gara warshaa zayitaa, loon gabbisuu, Qonna babal'aa fi boodarras Hospitaala Jeneraalaa Adaamaa ijaaruudhaan indastirii fayyaa keessattis gurra guddaa nama horatani.
Kanaan alattis indastiriin qonna ammayyaa'aa irratti Godinoota Arsii fi Baalee keessatti lafa babal'aa tiraaktaraan qotuun omisha qonnaa gara biyya alaatti erguu irrattis daran beekamu.
Dhaabbilee gargaarsaa idil addunyaa gurguddoo kanneen akka World Food Program, Save the Children fi CRS fa'a ammoo warra Obbo Kabiir omisha qonnaa dhiheessafii turan akka ta'e galmeen seenaa isaanii ni mul'isa.
Hospitaalli guddaan isaan Magaala Adaamaa kutaa magaala Boolee keessatti ijaarsisanis daran ammayyaa'aa fi yaala biyya alaatti ergamaa turan tokko tokko asumatti yaalaa akka argatan gochuunis hawaasa tajaajilaa jira.
Arjooma fi qabsoo
Obbo Kabiir qabsoo Oromoon bara jahatamoota keessa taasisaa ture keessatti gahee isaanii akka bahaa turan seenaan isaanii irratti ibsameera.
Keessumaa waldaa walgargaarsa Maccaa fi Tuulamaa keessatti hirmaannaa guddaa taasisaa turuutu himama.
Hojiilee daldalaa irratti muuxannoo guddaa qaban kanaanis dhaabbilee fi baankonni Oromoo yeroo hundeeffaman keessatti nama adda durummaan tumsaa turanidha.
Keessumaa hundeeffama baankilee akka baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa, Baankii Intarnaashinaalii Oromiyaa fi baankii Awaash keessatti shoorri isaanii guddaa ta'uutu himame.
Kanaan alatti qabeenya isaaniin namoota rakkatan gargaaruu fi qabsaa'otaa fi kanneen qabsoo keessatti miidhaman tumsaa akka turaniis sirna awwaalcha isaanii irratti himameera.
Obbo Kabiir Huseen amma duras yeroo adda addaatti dhukkubsatanii biyya keessaa fi alatti yaala argachaa turan.
Tibba darbe kanas torbeewwan muraasaaf Hospitaala isaaniitti ciisanii osoo yaalamaa jiranii Caamsaa 5, 2020 lubbuun isaani kan darbe.
Sirna awwaalchaa irratti maaltu jedhame?
Obbo Kabir Huseen sirni Awwaalcha isaanii magaala Adaamaatti raawwatame.
Sirna kana irrattis namootni beekamoo fi aanga'ootni mootummaa akka Obbo Lammaa Magarsaa, Obbo Shimallis Abdiisaa, Obbo Abbaaduulaa Gammadaa, Obbo Jawaar Mohaammed, Obbo Juneddii Saaddoo fi namoonni bebbeekamoo hedduun argamaniiru.
Sirna gageessaa isaanii istaadiyoomii Magaala Adaamaatti taasifame kanarratti namoonni haasaa taasisanis Obbo Kabiir qabsoo diinagdee taasifamuu qabu keessatti nama fakkeenyummaa guddaa qabanidha jedhan.
Sagantaa sirna awwaalchaa kanarratti namoota haasaa taasisan keessaa ministirri ittisaa Obbo Lammaa Magarsaa, Obbo Kabir itti dhiheenyaan akka beekaniifi quuqamni isaan saba isaaniif qaban, kutannoon dinagdee guddisuuf isaan qaban daran cimaadha jedhan.
"Nama sabaaf quuqamu, nama gootummaa qabu, Oromoof jedhee qabeenya isaa dhabeera ani ragaadha nan beeka" jedhan Obbo Lammaan.
Keessumaa addunyaa daldalaatiin alattis aantummaan sabaaf qabanii fi hariiroon isaan xiqqaa fi guddaa waliin obbolummaan jiraachuurratti qaban akka jajan himan.
"Warra mootummaati jedhee nu sodaatee hin beeku kana hin godhinaa, kana hojedhaa jedhee nama ija jabinaan namatti dubbatu" jedhan Obbo Lammaan.Dhaloonnis fakkeenyummaa isaanii faana dhahuudhaan imala isaanii kana itti fufsiisuu akka qabu dhaaman.
Pireezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaas Obbo Kabiir nama kana maaf hin hojjettan jedhe namatti dheekkamu ture jedhan.
"Nama Oromummaa gochaan jiraate, hojjetanii ofis sabas jijjiiruun akka danda'amu gochaan kan agarsiise" jedhan.
Obbo Jawaar Mohaammed ammoo tumsa isaan keessumaa yeroo qabsoon Oromiyaa keessatti finiinaa ture sana namoota miidhaan irra gahe gargaaruu irratti taasisan fakkeenyaan kaasanii leellisan.
Obbo Kabiir Huseen abbaa ijoollee dhiira 7 fi dubartoota 8 yoo ta'an umrii isaanii ganna 72'tti Addunyaa tanarraa du'aan boqotan.