Lammii Taayyee: "Wanti na himachiisu waan hin turreefan gadhiifame"

Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftootti lafa hektaara 46 seeran ala qabachuu, aksiyoona seeran alaa hundeessuu, qonnaan bultoota gowwomsuufi qarshii miiliyoona 60 sassaabaniiru jedhamuun kan shakkamanii turan Obbo Lammii Taayyee guyyoota 16 booda mana hidhaatii bahaniiru.

Walitti qabaa boordii Waldaa Aksiyoona Daldala Qindaawaa Finfinnee/FIT/ kan tahan Obbo Lammiin, gochi anaa fi lafa waldaa kanaa irratti aggaamamee ture fedhii saamicha lafaa irraa kan madde malee lafichi seera qabeessadha jechuun erga gadi dhiifamanii booda BBC'tti himaniiru Obbo Lammiin.

"Kana dura bulchiinsa kutaa magaala Nifaas silk Laaftoo waliin mana murtiitti wal himannee lafichi nuuf murtaa'ee ture. Qabiyyichi qabiyyee seera qabeessa waldichaa akka ta'ee fi jeequmsi akka irraa dhaabbatus nuuf murtaa'ee ture," jedhu.

Obbo Lammii ajaja Abbaa Alangaa Federaalaatiin too'annaa jalaa gadhiifaman.

Guyyoota 16 too'annaa poolisii jala turan kanattis himanni akka irratti hin banamneefi ragaan qabatamaan himatamuuf isaan geessisu waan hin dhihaanneef gadhiifamuus himu.

"Lafa kana nuti karaa seeraatiin qabanne malee akka jedhame weeraraanii miti. Himanni abbaa alangaatiin narratti baname waan hin jirreefi kanin qabames seeran ala waan ta'eef Abbaan Alangaa Fedheraalaa dhimicha erga qulqulleeffateen booda haal-duree tokko malee akkan gadhiifamu taasifameera" jedhan.

Hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi tasgabbii Magaalaa Finfinnee Komishinar Addunyaa Dabalaa yeroo darbe "qotee bulaa karaa adda addaan dogongorsiisuu fi sodaachisuun lafti hektaara 46 ol qabamee jira" jedhanii turan.

Obbo Lammiin garuu lafichi seera qabeessaa akka ta'ee fi yeroo ammaas waardiyyaa itti qacaree kan eegsisaa jiru waldaa isaanii ta'uu himu.

Haa ta'u malee dhimma lafa kanaatiin Obbo Lammii kan himate bulchiinsa magaalattii qofaa miti.

Waldaa Aksiyoona Daldala Qindaawaa Finfinnee/FIT/ yeroo jedhametti hojii eegalee faayidarraa irraa argattu jedhaman argachuu dhabuu qonnaan bultoonni miseensa waldichaa ta'an BBC'tti himanii turan.

Sababa kanaafis qonnaan bultoonni waldicha keessaa bahanii lafa isaanii dhimma biraaf itti fayyadamuuf yoo gaafatan walitti qabaan boordii waldichaa Obbo Lammii Taayyee maqaa waldichaatiin laficha irratti dhorkaa mana murtii baasisuun qonnaan bultootni waldicha keessaa bahuu barbaadan lafa isaanii akka hin fayyadamne dhorkuu isaanii qonnaan bultootni ni komatu.

Wayita ammaa lafichi Baankii lafaa mootummaatti galuu isaabulchiinsi magaalaa Finfinnee ibsus, Obbo Lammiin garuu "lafichi sanada gahaa wajjin nu harka jira" jedhu.

Waldichi karoora qabate hojiitti hiikuun kaayyoo hundaa'eef milkeessuuf akka hojjetus himaniiru.