Koronaavaayiras: "Yeroo mana ooluuf dirqamneetti ululleen miiltoo jireenyaa nuuf taate"

Ogummaan Ijoollummaatti bartan jireenya keessatti yeroo tokko nufayyada jettanii yaaddanii beektuu?

Shawaa kaabaa Kuyyuutti dhalatanii kan guddataniifi amma Ameerikaa naannoo Washington DC kan jiraatan Obbo Daanyaachoo Baayyuu, dandeettiin Ulullee afuufuu Ijoollummaatti bare yeroo rakkoo kanatti nafayyade jedhu.

Imala jireenyaa isaanii magaalaa xiqqoo Kolfee (Biriitii) jedhamtuu hanga Washington DCtti jiru keessattis ululleen isaanirraa adda akka hin baanes dubbatu.

"Ulullee abbaankoo ni afuufa ture. Anis isuma jalattin ijoollummaatti bare. Leemmana/shambaqqoo irraa tolfadheen akkaataa quba itti sochoosanii sagalee adda addaa ittiin baasan isarraan ilaala ture. Ergan baree baayyeen jaaladhe," jedhu.

Erga gara Ameerikaa imalaniis jaalala ululleef qabaniif jecha namootatti ergisiifatanii argatu, yeroo kaanis meeshuma jirurraa tolfatanii afuufu.

Obbo Daanyaachoon yeroo sababa Koronaavaayirasiitiin mana ooluun dirqama ta'e kanatti Ululleen miiltoo jireenyaa ittiin bohaaran ta'uufii himu.

"Ulullee gaafan gammades, gaafan aares, gaafan biyya yaades nan taphadha. Yeroon kunimmoo yeroo baayyee nama dhiphisu, namootni baayyeen du'aa jiru. Mana oolaa jirra.yeroo mana oollu kana ofis maatii kiyyas isumaanin bashanansiisa" jedhan.

Sirboota adda addaa kan wellistoonni sirban banachuun Ululleedhaan masakanii maatii isaanii waliin ittiin bohaaru. Viidiyoo sirboota kanaa waraabuunis hiriyootasaanii miidiyaa hawaasummaarra jiraniif niqoodu.

Miidiyaalee hundarratti yeroo waa'ee dhibee koronaavaayirasii lallabamu sodaa guddaa waan namatti uumuuf yeroo akkasiitti dandeettiin qabuun maatiikoo bashanansiisuutti nan gammadas jedhan.

Maatiin isaas bashannana ulullee kana hedduu akka jaalatanii fi viidiyoowwan miidiyaa hawaasummaarratti qoodanis hiriyoonisaatin hedduu akka jaalatameef himu.

Yeroo sababa Koronaavaayirasiitiin guyyaa dheeraaf mana oolamu kanatti namoonnis akka hin mukoofneef waan ijoollummaa isaanitti dandahan yoo yaalan dansaadhas jechuun dhaamu.

"Sa'aatii 24 mana ooluun baayyee nama dadhabsiisa.sa'aatii hunda miidiyaa ilaaluunis ittuu nama yaaddessa. Kanaaf waan daa'imummaatti dandeenyuun, dandeettii dhokataa qabnu barbaaduu qabna. Waan duraan hin beeknes yoo ta'e waan jaalattan hojjechuuf yaaluun yeroo kanatti nama bohaarsa," jedhan.

Obbo Daanyaachoo fi maatiin isaanii yeroo sababa koronaavaayirasiitin mana oolamu kanatti Ulullee miiltoo jireenya guyyuu godhatanii ofis hiriyootasaanii miidiyaa hawaasummaarra jiranis bohaarsuu itti fufaniiru.