Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ji'a Ramadaanaa: Soomni ramadaanaa madinummaa qaamaa ni hir’isamoo ni gabbisa?
Hawaasi Muslimaa kutaa addunyaa guutuurra jiru ji’a ramadaanaa keessa haala walfakkaatuun baatii irratti hundaa’uun guyyaa 30 ykn 29 sooma.
Amantii Islaamaa keessatti iddoo guddaa kan qabuu fi gatii guddaan kan itti argamu ji’a ramaadaana keessa, muslimoonni obboroo irraa eegalanii hanga aduun dhiitutti qaamaa qalbiin soomu.
Kan danda’uu fi kan umuriinsaa ga’e hunduu guyyaa guutuu bishaanii fi midhaan malee ooluun dirqama.
Garuu wayita dhibee balaafamaan akka Covid-19 addunyaa weeraree jiru kanatti haala duraaniitiin addatti wantoonni ilaalcha keessa galuu qaban ni jiraatu.
Vaayirasii kana ofirraa loluun anniisaa cimaa barbaada, yeroo dheeraaf soorata malee turuun ammoo annisaa namaa miidha jechuun yaada kennu ogeeyyiin fayyaa.
Hospitaala Shaashamannee keessa kan hojjetan Dr Nuuraddiin Lukee qaamni namaa yoo dhangala’aa ga’aa dhabe jiidhinni ujummoowwan qilleensaa keessaa waan dhabamuuf sirni hargansuu daran hubama jedhan.
Dhibeedhaan daran akka hin hubamneef jecha nyaata yeroo dheeraaf turu soorachuu gorsu ogeeyyiin fayyaa.
Humnaa ol soorachuus ta’e hamma barbaachisuu gadi soorachuun madinummaa qaamaaf yookaan dandeettii dhibee ofirraa ittisuu qaamaa keenyaaf balaa waan ta’eef, soorata madaalanii nyaachuun dirqama ta'uus dubbatu.
Garuu irra caalaa hirribaa ga’aa rafuu, sochii qaamaa baay’isuu fi rakkoo mukaa’uu ofirraa qoluutu madinummaa qaama keenyaa sirriitti ijaara jedhu Dr Nuuraddiin.
Maloota koronaavaayirasii ittisu jedhaman kanneen akka harka dhiqachuu, walirraa hiiquu, maaskii uffachuu fi walumaagalatti qulqullina eeggachuun ammo dirqama ta’uu ibsan.
Ramadaanni madinummaa qaamaarratti dhiibbaa akkamii qabaata?
Soorata ga’aa soorachuu dhabuun deebii madinummaan qaamaa (immunity) weerara dhibeef kennu laaffisullee garuu soomii kallattiidhaan madinummaa qaamaa kan miidhu miti.
Madinummaan qaamaa soorata soorachuu fi soorachuu dhabuu qofaan kan murtaa’u miti, madaallii adeemsa soorati qaama namaa keessatti gara anniisaatti itti jijjiiramuudha.
Qaamni namaa yeroo soomaa hormoonii yeroo dhiphinaa ‘’Cortisol’’ jedhamu gadi dhiisa, kunimmoo deebii qaamni namaa miidhaa alaa dhufuuf kennu irratti miidhaa hamaa qaba.
Garuu gaarummaan soomaa ammoo qaamni namaa yeroo soomuu seelonni dulloomuun du’anii seelota haaraadhaan dafanii bakka buufamu, wayita kanammoo madinummaan qaamaa ni dabala.
‘’Sodaan yeroo ramadaanaa uumamu kan nyaataan walqabatu miti. Masjiidatti heddummaachuu, walitti baay’atanii faxaruu fi harka walfuuchuufaatu soda guddaadha ji’a kana keessa. Inumaa soommi madinummaa qaama keenyaa ni dabala malee hin hir’isu.’’
Qaamni namaa wayita soorata hedduu gara keessaatti fudhatu isa karaa qaqqabsiisuutti hojiin itti baay’ata, garuu wayita soomaa seelonni dhibee ittisan qaama keenyaa keessaa bakka jiran hundaa qophaa’anii taa’u.
Hadiisa keessatti Nabiyyuu Mohammad (SAW) soomi fayyummaa namaaf akkaan barbaachisaa akka ta’e himaniiru.
Soomi qaama keenyaaf faayidaa guddaa qaba kan jedhan Ustaaz Kaamil, inumaa ji’a ramadaanaa qofa osoo hin taane ji’oota biroo keessaallee akka soomnu amantiin keenya nu ajaja jedhan.
Qaamni namaa kun nyaata qofaan yoo guutamne madaala isaa dhaba kan jedhan Ustaaz Kaamil, gara qaama keenyaatti soorata, bishaanii fi qilleensa madaalchisnee fudhachuu akka qabnu rabbi nu ajajeera jedhu.
Kanaafuu waan soorannu madaallee to’ataa soorachuuf ramadaanni carraa guddaadha, qaamni keenyas madaalliisaa eeggata jedhan.
Yeroo rakkoo, dhibee fi sooma ramadaanaa
Akka amantii Islaamaatti namni imala dirqama ta’e irra jiru sooma ramadaanaa guyyaa biraatti dabarfachuu danda’a.
Namni akkaan dhibamee fi yoo soome fayyummaansaa yaaddoo keessa galus sooma dhiisee bakka isaa miskiina yookiin harka qalleeyyii sooruu danda’a jedhu Ustaaz Kaamil Shamsuu.
Wayita weerara koronaavaayirasii kanas namni dhibamee jiru sooma dhiisee yeroo biraa bakka buusuu danda’a, Yoo sooma hin danda’u ta’emmoo miskiina nyaachisee bakka buufachuu danda’a jedhan.
Soorataa fi sooma ramadaanaa
Obboroo irraa eegallee hanga aduun dhiitutti nyaataa fi dhugaatii malee turuun amala qaama keenyaa kan yeroo kaaniirraa adda gochuu danda’a kan jedhan Ustaaz Kaamil arganne jenneetuma nyaata hunda fayyadamna taanaan qaamni keenya dheekkamuu danda’a jedhan.
Guyyaa guutuu soomaa oollee yeroo geessee wayita faxarru jalqaba kan ajajamu tamiriidha. Tamiriin dafee kan bullaa’uu fi seelota du’an haaressuuf nyaata gargaaruudha. Yoo tamirii dhabne ammoo bishaanitti faxaruu qabna. Bishaannis qaama keenyaaf baay’ee murteessaadha.’’ Jedhu Ustaaz Kaamil.
Soorata qabiyyee coomaa fi zayitii heddumminaan of keessaa qabu fayyadamuurra dhangala’aa fi gosoota nyaataa sasalphoo dafanii daakaman fayyadamuutu gorfama jedhan.
Kunis garaacha keenya dadhabaa oolerratti waan ulfaataa feenaan hojiisaa dhaabuudhaan dhibeef nu saaxiluu waan danda’uuf jedhan.
Haala kanaan yoo adeemsi keemikaalaa qaama keenya yoo madaalliisaa eeggate soorati nuti nyaannu hundi bu’a qabeessa waan ta’uuf qaamni keenyallee dhibee ofirraa ittisuuf daranuu qophaa’a jedhan.