Ramadaan: Yeroo soomtu qaamni kee maal ta'aa?

Tibba soomaa kanatti gammachuu karaa amantiitiin hordoftoonni amantichaa argataniin alattis gaheen soomni fayyina qaama isaaniif qabaatu akka jiru oggeessoonni fayyaa ni dubbatu.

Waggaa waggaan musliimonni miliyoona hedduu ta'an ji'a tokkoof sooma ramadaanaa kana soomu.

Ganama yeroo biiftuun baatuu kaasee haga aduun dhiitutti bulti 30'f nyaata malee soomu.

Biyyoota addunyaa garaa garaa birattis haaluma teessuma biyyasaanittii sa'aatii itti soomamu garaa gari ta'u himama.

Fakkeenyaaf, biyya akka Noorwey fa'iitti guyyaa keessaa saa'atii 20f soomaa oolan, sababii dheerinni guyyaa kan alkanii caaluuf.

Kun fayyaa namaatiif akkam ta'a laata? Yoo ati guyyaa 30 soomaa oltuutti, waan qaamni kee tahu kunooti?

Guyyoonni sooma gara jalqabaa ni cimti

Qaamni namaa dafee beela hin fudhatu/waliin wal hin baruu waan ta'eef hanga sa'aatii sadeetii turee waa nyaachuullee ni danda'a.

Kun giddu-galeessaaniidha. Hanga namni sa'aatii kana eegee waa nyaatutti ammoo qaamni namaa kan duraan sooratame xuuxxatee fayyadama.

Qaamni namaa soorata qaama keessaa yeroo fixatu humna qaamaaf barbaachisu argatee omishuudhaaf gara sukkaara durii namaa keessa jiruutti deebi'a.

Yeroo soomaa keessa nyaanni qaama keeessa jiru yeroo dhumatee sukkaarris hojiirra oolee, hir'achaa deemu qaamni gara madda humnaa coomaa (dhadhaa nafa keessaa) qaama keessa jiruutti darbee fayyadama.

Yoo coomni qaama keessaa gubachuu jalqabu ammoo ulfaatinsa qaamaa hir'isuuf ni gargaara.

Kun ammoo kolestiroolii (dhadhaa) dhiiga keessatti argamu xiqqeessuun carraa dhukkuba sukkaaraaf saaxilamuu gadi buusa.

Haata'u malee, yoo sukkarri dhiiga keessa jiru gadi bu'e ammoo namni laafee dadhabbiin itti dhaga'amuu mala.

Yeroo akkasii kanatti ammoo humna laafuu, mataan nama dhukkubuu, gatantaruu,akkasumas hafuura jabaa baafachuutu dhufa ta'a.

Tun ammoo yoo beelli namatti jajjabaatte kan mul'atudha.

Dheebuu- guyyoota jalqabaa 3-7

Hanga naf kee sooma baratuutti, 'coomni/dhadhaan daakamee sukkaara dhiigatti jijjiirama.

Dhangala'aan qaama keenyaaf barbaachisu kan wayita soomaa utuu hin argatin hafne deebi'ee bakka hin buufamu taanaan gogiinsa qaamaatiif nu saaxilu danda'a.

Nyaati ykn sooratii humna kennan kan madalawaa ta'e akka kaarboohaayidireetii, pirootiinii, soodda, bishaaniifi faatii qabachuu qaba.

Guyyoota 8-15tti -Amma barachuutti jirta

Yoo sadarkaa sadaffaatiin baate, nafti soomaan wal barattee, fooyyii miiraa arguu maltu.

Dr Razeen Mahroof, gorsaan dhibee of wallaaluu (Anaesthesia) fi eegumsa cimaa kan hospitaala Addenbrooke, sooma soomuun faayidaa hedduu qabdi jedhu.

"Jireenya keenya keessatti nyaata humna guddaa qabu nyaanna, tun ammoo nafa hojii dhibi hojjachuu dhoowwatti. "

"Wayita guyyaa soomaa sirreessiin, qalbiin nafaa hojii dhibiitti deebiti.

Akkana, sooma hidhachuun faayidaa guddoo qabdi; nafa fayyiisitee dhukkuba uffirra dhoowwuuf ni gargaartilleen.

Guyyootaa 16 haga guyyaa 30

Yoo soomi Ramadaanaa jiddu gahe, nafi kee sirriin barateera jechuudha.

Mar'ummaan guddaa, kaleefi gogaan keenya yeroo kana, xurii of keessaa baasee, qulqulluu ta'a.

"Sadarkaa tanaatti hojiin qaama keenyaa akka gaariitti deeb'uun, qalbeeffannoon kee illeen baay'ee fooyyii argata," jedhu Dr Mahroof.

Nafi kee humna argachuuf pirootiiniitti deebi'u hima. Yoo taatee, nafti kee beela'e humna maashaaleetti fayyadamaa.

"Soomii kan eegalu yoo aduun baatuu qabee haga isiin deebiitee dhiituutti turama. Kana jeechuun carraa ga'aatu jiraa kan namni itti waa nyaate humna itti dabalatu. Haalli tunis humna tursitee, ulfina qaamaa hir'isuun nama gargaarti."

Soomuun fayyaa teenyaaf gaarii?

Dr Mahroof, soomuun fayyaa teenyaaf gaariidha akkasumas kan jajabeeffamuu qabuudhas jedha.

"Ramadaana soomuun tun fayyaa keenyaaf gaariidha. Hata'u malee, ji'a tokkoof soomuun gaariidha. Tana darbiina garuu kan gorfamu miti,'' jedhan.