Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kiim joong Un: 'Wal'aansa baqaqsanii yaaluu onnee godhachuu ragaan hin jiru' jette Kooriyaan Kibbaa
Humni tikaa Kooriyaa Kibbaa oduun waa’ee fayyaa Kiim Joong-un fudhatama kan hin qabnee fi wal'aansa baqaqsanii yaalamuu onnee taasisuu isaanii wanti ibsu mallattoon tokkollee hin jiru jedhe.
Bulchaan Kooriyaa Kaabaa guyyoota 20’f osoo hawaasatti hin mul’atiin tureera. Akkasumas kabaja guddaa kan yaadatamu guyyaa dhaloota akaakayyuu isaarratti hin argamne.
Miidiyaaleen muraasni “haalaan dhukkubsateera” yookiin du’eera jechaa turan.
Inni garuu warshaa xaa’oo keessatti fayyummaadhaan mul’atera.
Hogganaan humna tikaa Kooriyaa Kibbaa kan ta’an Suuh Hoon dubbii guyyaa Roobii Paarlaamaarratti oduun fayyummaa Kiim Joong-Un irratti odeeffame dhugaa ta’uusaa wanti mirkaneessu hin jiru jedhan jechuun ‘Yonhap news’ gabaaseera.
Hogganaan kun mul'achuu dhabuun sababa weerara koronaavaayirasiin ta’uu danda’a jedhan miseensi tokko. Kooriyaa Kaabaatti hamma ammaatti namni qabame hin jiru.
“Weerarri Kooriyaa Kaabaa hin jiru jechuun hin danda’amu,” jedhan ogeessi seeraa Biyuung-kee.
Maaltu dubbatamaa ture?
Eega kabaja guyyaa dhalootaa Ebla 15 irratti argamuu dhabeen booda dhimmi fayyumaa Kiim dubbatamuun jalqabame.
Guyyoota jaha booda maddeen hin beekamne Obbo Kiim rakkoo onneetu isaan mudate jechuun Daily NK’tti himaniiru.
Oduun kunis miidiyaalee idil addunyaatiin irra deddeebi’anii dubbatamaa turan. Muraasni haala dhukkubsateera yoo jedhan du’eeras kan jedhan hin dhabamne.
Yeroo sanitti mootummaan Kooriyaa Kibbaa fi madden tika Chaayinaa dhugaa akka hin taane Reuters’tti himaniiru.
Boodarra miidiyaaleen US eega “qondaalli hin eeramne” deeggarsa kennaa jiru jedhame booda dhimmachaaf xiyyeeffannoo kennan.
Miseensonni paarlaamaa Kooriyaa Kibbaa Thae Yong-ho fi Ji Seong-ho gabaasa dhukkubbii Kiim Jaang-un deeggaranii turan.
Obbo Thae akkas jechuun dhiifama gaafataniiru: “Sababoota baay’ee keessa inni hedduun keessan dhimma Kooriyaa Kaabaa fi gabaasa sirrii ta’e akka dhiheessuufi jecha seera baasuurratti akka na filatan beeka.
Baay’ee gaddeera akkasumas miirri itti gaafatamummaa natti dhagahameera.”
Asiin dura bade turee?
Bara 2004’tti Kiim Jaang-un guyyoota 40 osoo hawaasatti hin mul’atini tureera. Boodarras shonkooraa walii suuraa ka’ee mul’ateera.
Miidiyaan biyyatti “rakkoon qaamaa” isa mudatuu kan amane ta’us namoonni biroo garuu dhukkubbii buusaa qaamaatiin (gout) qabamee dhukkubsataa ture jedhanii turan.