Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaan dhiyootti Kiim Joong-un 'hin agarre' - Maayik Poompiyoo
Minstirri dhimma Alaa Ameerikaa Maayik Poompiyoon Kiim eessa akka jiru hin beeknu, dhiyootti hin argine, qondaaltonni Ameerikaas eessa akka jiru hin beekan jedhanii dubbatan.
Ameerikaa fi Kooriyaan Kaabaa waggoota dheeraaf hariiroo michummaa caalaa hariiroo ibiddaaf cidii qabaachuun beekamu.
Gabaasota dhimma fayyaa Kiim ilaallatu garuu 'itti dhiyeenyaan hordofaa jirra' jedhan Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa.
Hogganaan Kooriyaa Kaabaa akka malee dhukkubsatanii jiru 'lubbuu isaaniifis ni sodaachisa' gabaasaaleen jedhan dhiyeenya dhagaahamaa turan.
Kooriyaan kaabaa tarii beela ykn weerara koronaavaayirasiin miidhamuu hin hafne shakkii jedhu qabaachuus ni dubbatu Maayik Poompiyoon.
Hogganaan Kooriyaa Kaabaa dargaggeessi ganna 36 Kiim Joong Un ji'a kana Eebla 12 kan sabaa himaa biyyattirratti mul'atan.
Guyyaa kana dura garuu yaa'ii siyaasaa gaggeessa wayita turan mul'atanii turan.
Yeroo sanaarra kaasee, achii buuteen isaanii dhabamuun shakkii baay'ee dhibamuu hin oolle shakkii jedhu uumeera.
Qondaaltotni Kooriyaa Kibbaa garuu gabaasni akkasi kun dharaa jechaa jiru.
Gabaasonni biraan, hoogganaan Kooriyaa kaabaa kun koronaavaayirasiin akka hin qabamneef of bararaaruuf tarii riizoortii qarqara qaama bishaaniitti argamtu Woonsan jedhamtu keessa jiraachuu hin oollee jedhus jira.
Kooriyaan Kaabaa ji'a Amajjii irraa eegaluun weerara dhibichaa sodaattee daangaa cufatte.
Biyyattiin duraanu haalli keessa jirtu baay'een hin beekamu, icciitiidha.
Poopiyoon dhimma hoogganaa Kooriyaa Kaabaa itti dhiyeenyaan akka hordofaa jiran wayita dubbatan, biyyattii meeshaa niwukiraalaraa hiikkachiisuuf ergama qabnurratti dhiibbaa kallattii qabaata waan ta'eef hordofna jedhan.
Wixata darbe kana Pirezedantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp dhimma Kiiim beektuu jedhamanii gaafatamanii turan.
'Yaada gaarii nama qabu ture, garuu haala inni amma keessa jiru hin beeku' jedhanii deebisan.
Itti dabaluuudhaanis akka bayyanatuun hawwaaf jedhanii dubbatan Tiraamp.
Kanaan dura Kooriyaan Kaabaa sagantaa gabbisa niwukilarashii akka addaan kuttuurratti mariyachuuf Kiim wajjjin yeroo sadii wal arganii turan,Mariin kun otoo hin goolabamiin addaan cite hafeera.
Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong-un eessa akka bu'e wallaalamuun shakkii, hamii fi yaaddoo tibbana uumeera.