Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US-Kooriyaa Kaabaa: Traamp daangaa Kooriyaa Kaabaa seenan
Preezidantiin Ameerikaa Donaald Traamp daangaa Kooriyaa Kaabaafi Kibbaa ejechuun hogganaa Kooriyaa Kaabaa Kim Joong-un waliin harka walfudhaniiru.
Donaald Traamp daangaa biyyoota Kooriyaa lameeniitti Kim Joong-Uun waliin wal arguun Preezidantii Ameerikaa osoo aangooorraa jiranii daangaa Kooriyaa Kaabaa seene kan jalqabaa ta'aniiru.
Qeeqtoonni gocha kana diraamaa siyaasaati yeroo jedhan, kaan immoo marii hegereef kan haala mijeessudha jedhaniiru.
Mariin isaani inni dhumaa haasaa Niiwkileeraa irratti gaggeessan bu'aa malee xumurame.
Hooggantoonni lameen waggaa tokko keessatti marii isaanii qaamaan walarguun yoo mariyatan isa sadaffa ta'e kana kan taasisan iddoo bara waraana Kooriyaa 1953 biyyoota lamaan addaan hiretti.
Marii affeerra Tiraamp Twitter gubbatti bareessan booda karoorfame jedhamu kanaan daangaa irratti harka erga fudhanii booda yeroo gababaaf Traamp daangaa Kooriyaa Kaabaatti ce'uun hariiroo biyyoota lammaan jidduu jiru agaarsisaniiru.
Kanaan dura Preezidantootni US hedduun daangaa kana daawwataniiru, bayyinaan garuu deeggarsa Ameerikaan Kooriyaa Kibbaaf qabdu ibsuuf ture.
Donaald Traamp garuu Kim Joong-Uun waliin wal arguufi daangaa Kooriyaa Kaabaa keessa ejjechuun seenaa galmeessisaniiru.
"Kun kabaja guddaadha. Fooyya'iinsi hedduu uumameera. Kun hiriyyummaa gaarii adda ta'eedha," jechuun Traamp waa'ee hogganaa Kooriyaa Kaabaa dubbataniiru.
Dabalataanis "Kun addunyaaf guyyaa gaariidha," jedhan.
Kim Joong-Uun " Kuni hameenyaa durii baleessuun hegeree haaraatti ce'uuf fedhii qabaachuu isaa ibsa" jechuun deebii laataniiru.
Preezidantii Kooriyaa Kibbaa Moon Jee-in erga hoggantoonni lamaan harka walfuudhanii booda marii kanatti dabalamaniiru.