Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp daangaa Kooriyoota lamaaniirratti Kiim Joong Uun arguuf jedhu
Dhimmi Kooriyaa Kaabaa fi Yuunaayitid Isteetis yeroo baayyee ajandaa addunyaa ta'ee darbee biyyoota biroofillee mataa dhukkubbii ta'a.
Keessaahuu erga Pirezidaanti Doonaaldi Tiraamp aangoo qabatanii as hariiroo biyyoota lameeniirratti inumaa kan duraanii caalaa ejjennoo daddaaqamaatu mul'ata.
Hooggantoonni lameen walarganii mariif akka qophaa'an yeroo garaagaraatti ni beeksisu, garuu dhimma gabbisa meeshaalee niwukilaraa irratti wal gaarreffachuu hin dhiisan.
Ammas Pirezidaanti Tiraampi Kiim Joong Uun waliin wal arguun dhimmoota garaagaraa irratti mari'achuuf akka jiran beeksisaniiru.
Pirezidaantichi tuwiitarii isaaniirratti akka barreessanitti, Bulchaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun waliin daangaa Kooriyoota lamaanii iddoo 'Zoonii Meeshaalee waraanaa irraa bilisaa' jedhamuun beekamutti wal arguuf akka jiran beeksisaniiru.
Bakka kanatti Kiim Joong Uun waliin wal arganii harka fuuchuun nagaa gaafachuu akka barbaadan barreessan Pirezidaanti Tiraamp.
Kooriyaan Kaabaas ''kun yaada gaarii fi eebbifamaadha'' jetteetti.
Yaa'ii biyyoota Garee 20 Jaappaanitti geggeeffame booda Kooriyaa Kibbaa imaluun Seoul daawwachuuf kan jiran Tiraamp achumaan dhimma misooma niwukilaraa Kooriyaa kaabaarratti xiyyeeffachuun hooggana Kooriyaa Kaabaa waliin mari'achuuf akka jiran ibsaniiru.
Namoonni garuu hojiin qondaaltota lameenii walitti qoosaa waan jiran fakkaatan jechuun walarguun isaanii waan dhugooomu hin fakkaatu yaada jedhu kaasaa jiru.