Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kiim Joong-un jabaa dhukkubsate jedhamus, aanga'oonni Kooriyaa Kibbaa dhugaa miti jedhan
Gabaasaaleen gaggeessaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong-un erga baqaqsanii wallaanuu onnee taasifatanii booda cimaa dhukkubusataa jiru jedhame aanga'oonni Kooiyaa Kibbaa dhugaa miti jedhan.
Mata-dureewwan oduu Kiim Joong-un "jabaa dhukkubsataniiru", "waanuma du'an fakkaata" ykn "baqaqsanii wallaanuurraa bayyanataniiru" kanneen jedhan mirkaneeffachuun hin danda'amne.
Waajirri pirezedaantii Kooriyaa Kibbaa Si'ol jiru akka jedhetti gaggeessaan umurii waggaa 36 kun "jabaa dhukkubsateera" kan jedhuuf mallattoon Kaabarraa dhufan hin agarsiisan.
Oduun waa'ee fayyaa gaggeessaa Kooriyaa Kaabaa ho'ee odeeffamuun kun kan jalqabaa mitii; shakkiin ka'anii boodarra garuu ni waakkatama ture.
Shakkiin fayyaa isaa kun yoom jalqabee?
Kiim Joong-un guyyaa dhaloota abbaa isaa dhiyeenya gaafa Ebal 15 kabajamee ture irratti hin argamne. Kabajni guyyaa dhaloota abbaa isaa ammoo biyyattiidhaaf sagantaa waggaa hunda caalaa bakki kennamuufidha. Guyyaan dhaloota abbaa isaa kun akka guyyaa hundeeffama biyyattiitti ilaalama.
Kiim Joong-un saganataa kanarraa kanaan dura hafanii hin beekan. Kanaaf, kan miilanaa kanarraa fayyuma lafaa ka'anii kan hafan hin ta'u jedhameera.
Gaaffii tokko malee sagantaa sanarraa hafuun isaa shakkiifi hamii bal'iseera. Garuu tokkoo isaayyu qulqulleeffachuun hin danda'amne.
Kiim Joong-un yeroo dhumaatiif kan TV irratti mul'atan Ebal 12 "garee xiyaaraa haleellaaf gaadan eegan" yeroo gamagamaa turan yoo ta'u, surri isaa ammoo akkuma kanaan duraa si'atanii agarsiisa.
Guyyaa isaan duraas walga'ii siyaasaa gaggeessaa akka turanoduun TV agarsiiseera. Haa
Haata'u malee, erga gaafa sanaatii hin mul'anne.
Miidiyaan mootummaa biyyattis yaalii misaa'ela furguggisuu torban darbe taasifame irratti argamuu isaa hin ibsine. Yeroo baayyee bakka akkasii kanatti ammoo ni argamu.
Wa'ee Kooriyaa Kaabaa keessa jiru gabaasuun rakkisaadha waan ta'eef shakkiin kan uumaman yeroo namni bakka duraan irratti argamurraa yeroo dhibamudha.
Yeroo ammaa kanatti ammoo biyya duraanuu baayyee icciitiin ishee hin beekamne kun erga sababa weerara Covid-29 irraan kan ka'een daangaa ishee Amajjirraa kaastee cufattee ammoo guutummaan guutuutti wanti beekan hin jiru.
Jalqaba dhukkubsachuun kan gabaafame
Dhukkubsachuun gaggeessaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong-un kan dhaga'ame gabaasa marsartiitii baqattoota Kooriyaa Kabaa tokkorratti Kibxata bahe ture.
Maddeen akka Deyilii NK'tti himanitti dhibee onneetiin Agayya darberraa kaasee rakkaachaa akka tureefi "erga irra deddeebiin Gaara Pa'ektuu daawwatee ammoo garuu itti hamaateera" jedhu.
Kun ammoo midiyaaleen idil-addunyaa madda tokkittii iana qofaa fudhachuun walitti fufuun gabaasuutti ka'an.
Miidiyaaleenis oduu kana baasuu itti fufuun erga dhaabileen intelejensii Kooriyaa Kibbaafi US oduu jedhame sana hordofuutti ka'an dhageeffachuutti ka'an.
Haata'u malee, oduun baayyee caalaa afarfame miidiyaa Ameerikaatti gaggeessaan Kooriyaa Kaabaa baqaqasanii wallaanuu onnee taasifatanii booda haala fayyaa yaaddessaa keessa jira jedhu shakkii cimseera.
Ibsi mootummaa Kooriyaa Kibbaa irraa bahe, akkasumas maddeen intelejensii Chaayinaa akka Roohitarsitti himanitti ammoo sobadha jedhameera.
Namni tokkoyyu garuu akka Kiim Joong-un baqaqsanii wallaanuu onnee taasifachuu waakkatu garuu hin jiru. Ibsi Kooriyaa Kibbaafi CHaayinaa garuu gaggeessaan Kooriyaa Kaabaa kun jabaa dhukkubsateera kan jedu ni waakkatan.
Ummanni Kooriyaa Kaabaas waa'ee fayyaa gaggeessaa isaanii irratti odeeffannoo hin argatan.
'Badee turuun' kun kan jalqabaa miti.
Bara 2014 keessa, Kiim Joong-un Fulbaanarraa kaasee guyyoota 40 badee tuere. Yeroo sanattis namoota siyaasaatiin aangoorraa fonqolchamuun hin oolu kan jedhu shakkii uumee ture.
Isaan booda ulaa qabatanii mul'atan.
Miidyaan mootummaa yeroo sanatti "rakkoo qaama isaarra gaheef" itti hin tolle ture jechuun gabaasanii ture.
Karoorri bakka buusuu Kiimiif maalidha?
Yoo wanti ta'e gaggeessaa Kooriyaa Kaabaarra ga'e toorri bakka buusuu/dhaaluu ifa ta'e hin jiru.
Kiim Joong-un akka biyya gaggeessuuf waggoota dheeraa dura abbaa isaatiin kaadhimame. Kanaaf ammoo daayinaastiin Kiim wabii argateera.
Obboleettiin Kiim, Kiim Yo-jong, jedhamtu filannoo ooshii hin qabne fakkaatti. "Sanyii hidda dhalootaa Paektu" irraa ta'uu isheetiif qofa osoo hin taane, ofuudhuma isheetiiniyyu mata-duree oduu dubartii ta'uu dandeessedha.
Ji'a darbe keessa yeroo jalqabaatiif ibsa ummata duratti baatee kenniteetti. Korawwan gurguddoo irrattis obboleessa ishee cinaa teessee dhaabataadhaan mul'achaas turteetti.
Haata'u malee, ammaaf maaltu ta'uu akka danda'e teenyee ilaaluu qofaadha; Kooriyaan Kaabaa kun shakkoo akkasii waa'ee fayyaa gaggeessaa isaaniirratti uumame kana ni qulqulleessumoo ni dhiisu laata kan jedhu ni ilaalla.