Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Taateewwaniifi tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiran beekuu qabdan shan
Waa’ee koronaavaayirasii wantoota beekuu qabdan shan.
1. Uggurri kaafamee booda bakkawwan hojii waan fakkaachuu malu
Dhuma torbee kanaarratti MM UK akkaataa biyyattiin uggura keessaa ittiin baatu ifa gochuuf jiru. Isa dura BBC’n seeronni bakka hojii maal akka fakkaatan ilaaleera. Isaan keessaas, bakka tokkotti walitti qabamuun mariyachuu dhiisuu, kochoon hojjetoota ramaduun lakkoofsa hojjattoota hir’isuufi manaa hojjachuu itti fufisisuudha.
Meetira lama walirraa fageenya eeggachuu kan jedhu garuu maamiltootaafi waaheloota hojiif qabatamaan hojiitti hiikuuf yeroo hundaa kan danda'amu ta'uu dhiisuu mala.
2. Akeekkachiisa geejjiba ummataarratti
Geejjibni ummataa deebi'ee hojii jalqabuuf of eeggannoo addaa feesisa.
Fakkeenyaaf, waldaaleen geejjiba baaburaa MM Booris Joonsaniif xalayaa barreessaniiru. Isaanis dabalamuu tajaajila baaburaarratti “yaaddoo guddaa” qaban ibsaniiru.
Xalayichis hojjattootaafi imaltoota balaadhaaf saaxiluun “gonkumaa fudhatama hin qabu,” jedha.
3. Addunyaan ‘walitti dhufuu qabdi’
MM Booris Joonsan carraaqqii talaallii koronaavaayirasii addunyaan taasistuuf maallaqa doolara biiliyoona 8.3 sasaabuuf karoorfameef gaggeessitoota mallattoo isaaniin mirkaneessan keessaa isaan tokko.
Sochiin maallaqa sasaabuun Biraaselsiin durfamu kun erga biyyoota akka Faransaay, Ispeeniifi Xaaliyaan lammiileesaanii hedduu sababa COVID-19 dhaban hir’ataa dhufeen booda kan yaadameedha.
4. Digirii Onlaayiniitiif kaffaltii guutuu
Barattoonni UK birraa keessa barnootasaanii kan jalqaban yoo ta’e kaffaltiin isaanii hin hir’atuuf.
Seektarri kun sababa barattoonni biyyoota biroo hin jirreef rakkoon bajataa isa mudateera waan ta’eef yunivarsiitileen rakkoo kana furuuf lammiilee biyyattii akka galmaa'an ni jajjabeessa.
5. Yaalii qoricha wallaansaa haaraa
Yeroo ammaatti wallaansi muraasni dhibee koronaavaayirasii milkaa'aa doktaroonni siistema dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu dhukkubsatootaa irratti hundaa'uun hojjechuutti jiran jiru.
Haa ta'u malee, qorichi haaraan saayintistoota UKtiin yaalamaa jira. Qorichi kun Hospitaala Yunvarsiitii Saawoozhampiteenitti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u, bu'aan jalqabaa qorannoo kanaa dhuma Waxabajjii barama.
- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras