Koronaavaayiras: Imaltoonni daandii qilleensaa maaskii godhachuu qabdu jedhaman

Daandiiwwan qilleensaa gurguddoon muraasni tatamsa’ina COVID-19 ittisuudhaaf imaltoonni maaskii akka godhataniif gaafataa jiru.

Daandiiwwan qilleensaa Ameerikaa hedduun torbee kana keessa imaltootaafi hojjattoota tarkaanfiwwan haaraa fayyaafi nageenya mirkaneessan fudhataa jiru.

Daandiiwwan qilleensaa guutuu addunyaarra jiran biroos imala jalqabuuf maaskii godhachuu dirqama taasisaa jiru.

Yeroo balaliin idil-addunyaa %90 haqamee jiru kanatti daandiiwwan qilleensaa ji’a kanarraa jalqabee balalii jalqabuuf abdii qabu.

Har’a irraa eegalee daandii xiyyaa US Delta imaltoonni maaskiifi wantoota fuula dhoksan biroo yeroo buufata xiyyaara keesssa seenan irraa jalqabee hama balaliin xumuramutti godhachuu qabu jedheera.

Daandii Xiyyaa Ameerikaafi Yuunaayitidis gamasaaniitin hojjettootasaaniifi imaltoonni maaskii akka godhataniif waamicha dhiheessuuf jedhaniiru.

Daandiileen xiyyaara kunneenis kun balalii itti fufuusisuuf tarkaanfii yeroo murtaa’eeti jedhaniiru.

“Yeroo imaltoonni nu waliin balali’an nageenyummaa akka itti dhagahamuuf,” jedhan dubbi himaan Daandii Qilleensaa Ameerikaa Kaart Isteesh. “Tarkaanfiwwan kanneen hojiirra oolchuuf saffisaan hojjachaa jira, akkasumas imala maamiltootaafi hojjettoota keenyaa fooyyeessuu itti fufna.”

“Imaltoota hundaaf fuula dhoksuun dirqama. Imaltootaaf maaskii bilisaan ni kennina,” jedhan Maadii Kiing, dubbi himtuun Daandii Qilleensaa Yuunaayitid.

Daandii qilleensaa hundi imaltoonni maaskii akka godhatan taasisaa hin jiran. Qantaas akka jedhetti, “Awustiraaliyaa keessatti maaskii godhachuuf dirqamni hin jiru. Mootummaanis ta’ee daandii xiyyaaraatiin murteen darbe hin jiru.”

Daandiin xiyyaara Awustiraaliyaa marsariitiisaarratti akkas jedheera: “Daandii xiyyaararratti carraan koronaavaayirasiidhaan qabamuun xiqqaadha jedhamus, balaliirratti walirraa fagaachuun hojiirra ni oolfama.” Yeroo kanatti dhaamsa qondaala fayyaa Awustiraaliyaa hordofaa jirra.

Tarkaanfiwwan biroo

Tatamsa’ina koronaavaayirasii ittisuuf daandii qilleensaa adda addaa murteewwan garagaraa fudhataa jiru. Murteen kun kan yeroo gabaabaa yookiin dheeraa ta’uunsaa wanti beekame hin jiru.

Baayyina imaltootaa cinaatti balalii duraa farra vaayirasii biifuun tarkaqanfiiwwan biroo fudhatmanidha.

Imaltoonnis wal tuttuqqaa hir’isuudhaaf yoo danda’ame nyaataafi dhugaatii mataasaanii akka harkatti qabatan gorfamaa jiru.