Koronaavaayiras: Talaallii Covid-19 argachuuf addunyaan ‘walitti dhufuu qaba’

Hoggaantoonni Awurooppaa talaallii koronaavaayirasii argachuuf karoora maallaqa doolara biilyoona 8.3 walitti qabamuuf jiru akka deeggaran xalayaa mallatteessuun waadaa seenaniiru.

Karoorri kakaka'umsa Biraaselsiin eegalame kun Jimaata gara Pirezdaantii Gamataa Awurooppaa Arselaa von der Leyenitti ergameera.

Waadaan galame kun walga’ii tumsa karaa interneetaan Wiixata gaggeefamuuf jedhu dura ta'edha.

Ministirri Muummee UK Booris Joonsan biyyootiin “walitti dhufuun galma waliinii irra ga’uuf” akka hojjetaniif waamicha dhiyeessaniiru.

Walga’ii kana UK, Kaanadaa, Firaans, Jarmanii, Xaaliyaan, Jaappaan, Noorwaay, Sa’ud Arabiyaafi Gamtaan Awurooppaa waliin ta’uun kan keessumeessan ta’a.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ireenya barametti deebi’uun kan danda'amu talaalliin yoo argame qofaadha jedheera.

Namootni xalaayaa kana deeggaran keessaa Ministerri Muumme Xaaliyaan Juseeppee Kontee, Pirezdaantiin Firaans Immaanu’eel Maakroonfi Chaansilara Jarmanii Anjela Markel ni argamu.

Xalayaa gaazexaarratti maxxanfame kanaan, hoggantoonni kun mallaqni walitti qabamu kun, "hojii walitti dhufeenya idil-addunyaa saayintistoota, dhabbilee, mootummootaafi ogeessooti fayyaa walitti dhufuun hojjetan kan jalqabsiisu ta’a” jedhaniiru.

“Yoo addunyaan walitti dhufee talaalliif hojjeette deebisnee addunyaa mara kan tajaajilu uumuu dandeenye. Kun hojii garii addunyaan jaarraa 21ffaa kessatti hojjette isa addaa ta’a,” jedhaniiru.

Dabalataaniis yeroo US Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) qeeqaa jirtutti, biyyootiin xalayaa kana mallatteessan WHO akka deeggaran ibsaniiru.

Yeroo ammaa kana talaallii argachuuf addunyaa maratti qoronnnoon adda addaa gaggeefamaa jira.