Koronaavaayiras: Niiwu Yoorkitti doktarri wallaansa Covid-19 adda-durummaan gaggessaa turte of ajjeefte

Ameerikaatti kutaan bulchiinsa Niwuyoork bakka weerarri koronaavaayirasii hedduu itti hammaateefi lubbuu hedduu galaafatedha.

Dhukkubsattoonni 17,500 ta'ani kutaa bulchiinsa Niwuyorkiitti keessatti lubbuu dhabaniiru.

Namoota dhibichaan Ameerikaatti qabaman harka sadii keessaa harki tokko iddoo kana jiraatu.

Weerara lubbuu namoota kumaatamatti lakka'aman galaafate kanarraa dhukkubsattoota fayyisuuf garuu ogeeyyiin fayyaa hedduun carraaqaa turan.

Wallaansa dhukkubsatootaaf hospitaalatti taasifamu dura bu'ummaan gaggeessuun ogeessota eeraman keessa Dr.Loornaa Bireen tokko turte.

Dr. Loornaan Niiwu Yoork Maanhaantaanitti daarektara kutaa wal'aansa atattamaa Hospitaalaa Pirisbitaariyaan Aalen turte.

Dr. Loornaan umuriin ishaa ganna 49 ture. Abbaan ishee Dr. Filiip Bireen du'a intala isaanii booda gazexaa Niiwu Yoork Taaimsiif yaada kennaniin, "hojiishee keessatti dhukkubsattoota gargaaruuf baayyee carraaqaa turtus hojiin ishee garuu kanaan ishee ga'eera."

Abbaan Dr. Looraan akka jedhanitti intalli isaanii rakkoo dhibee sammuu kanaaf ishee gahu hin qabdu. Darekatarittiin kun lubbuun ishee darbes mana maatii ishee waliin jiraattu Shaarletiivil keessatti ture.

Akka abbaan ishee jedhanitti Dr. Looraan koronaavaayirasiin irratti argamee dhukkubsattee kan turte yoo ta'u, torban tokkoofi walakkaatiif adda of baastee turtee erga fayyitee gara hojiisheetti deebiteetti.

Haata'u malee, osoo gara maatiisheetti hin deebi'iin dura hospitaalli keessa hojjechaa turte akka boqonnaa fudhattu taasisee ture.

Abbaan ishee yeroo dhumaatiif intala isaanii waliin yeroo dubbatan miira "adda of baasuu" akka irratti arganiifi dhukkubsattoonni koronaavaayirasii gara hospitaalaa dhufan akkamitti osoo ambulaansiirraa hin bu'iin lubbuun isaanii akka darbaa ture isaanitti himuushee yaadtau.

"Dhugaa dubbachuudhaaf intalli koo bakka qabsoo sanatti durarra hiriirtee turte," jechuudhaan gahee intalli isaanii kun gumaachite dubbatu.

Akka goota tokkootti akka yaadamtus akka taasisanis ni himu.

Dr. Loornaan maatiisheetti dhiyoo kan taateefi sigigaachoo cabbiifi shibbisa jaallatti ture.

Torban keessaa guyyaa tokkos gara wiirtuu kunuunsa maanguddootaa deemuun hojii tola-ooltummaa kennuunis tajaajilaa turte.

Hospitaalli keessa hojjechaa turte, Dr. Loornaatiin "goota" jechuun kan faarse yoo ta'u ogummaasheetiin yeroo rakkisaa kana keessa kutaa yeroo atattamaa dursuudhaan itti-gaafatamummaashee gahumsaan ba'achaa akka turtes ibseera.