Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Ameerikaan ‘Giriin kaardii’ guyyoota 60'f kennuu dhaabdeetti jedhan Tiraampi
Iyyaannoo lammiileen biyyoota alaa Ameerikaa keessa dhaabbataadhaan jiraachuuf dhiyeessan sababa koroonaavaayirasiin fudhachuu dhaabuu Doonaaldi Tiraampi beeksisan.
Ergaa tiwiitara irratti maxxanseefi ifaa hin taane baasanii tarkaanfiin amma fudhanne carraawwan hojii lammiilee Ameerikaaf eega jedhaniiru Tiraampi.
Tajaajiloonni viisaa hedduun sababa weerara kanaan erga cufamanii bubbulanii jiru, akkamiin tarkaanfiin kun hojiirra oola kan jedhu ammas gaaffiidha.
Tiraampi ta'e jedhanii qeeqa irratti dhiyaatu ofirraa maqsuuf akkas godhu kan jedhan ammoo qeeqxota isaaniiti.
Warri Dimookraatotaas mootummaan vaayirasicha sababa godhachuun baqattoonni akka hin seenne dhorkaa jiru jedhanii himatu. Dhimmi baqattummaa kun ammoo Tiraampiif mata-duree duula filadhaa filannoo Sadaasa dhufuu kan tureefi sababa weerara kanaatiin kan dhaabbatee turedha.
Ibsa koroonaavaayiras ilaalchisee Waayitaawusitti kennaa turan irratti ajajni kun Roobii kan dabarfamu akka ta'eefii haala dinagdee biyyattii irratti hundaa'uun kardii kennuu dhiisuun yeroo sana caaluufillee dheereffamuu kan danda'udha jedhan.
Wiixatarra ''baqattoota hunda dhorkina'' jedhanii ibsanii kan turan, erga abbootiin qabeenyaa muraasni itti dheekkamanii booda yaada isaanii jijjiiranii jiru. Tarkaanfiin ammaa kunis hojjattoota hayyama yerootiin seektaroota kan akka qonnaafi teeknooloojii keessa hojjatan nimiidha jedhameera.
Giriin kaardiin maalidha?
- Namoonni ameerikaatti baqatan hayyama hojii dhaabbii seera qabeessa kan kennisuuf yoo ta'u, lammummaa Ameerikaa argachuuf akka iyyatan isaan dandeessisa
- Waggaa tokkotti kaardiiwwan miiliyoona tokkotti dhiyaatan US'tti nikennamu
- Heddumminni (%70) kaardiiwwan kunneenii namoota firoota isaanii waliin jiraataniif akka kennaman gabaasni seeneetii US 2018 dhiyaate ni mul'isa
- Giriin kaardiin hojiif kennaman, kanneen hayyama jireenyaa jedhamuun beekaman jechuudhaa, %80'ni namoota biyyattiitti seenanii jiraniif kennamu. Viizaa yeroof kennameef gara hayyama jireenyaa dhaabbiitti geeddaru jechuudha
Doonaaldi Tiraampi maal jedhani?
Sababa koroonaavaayirasiitiin lammiileen Ameerikaa ,iiliyoona 20 ta'an hojii isaanii dhabaniiru. Mootummaanis hojiisaaniitti akka deebi'an gochuuf dirqama qaba jedhaniiru pirezidantichi.
''Ameerikaanonni osoo hojii dhabanii jiranii lammiileen biyyoota biro nutti yaa'anii hojiisaanii fudhachuun waan dabaati'' jechuun haalicha ibsani.
Hojjattoota lammii US ta'an eeguu feena, gara fuulduraattis daran eegumsa isaaniif goonu cimsaa kan deemnu ta'a.
Ajajni Tiraampi kun qaamolee seeraa irraa mormii kaasuu mala.
Akka 'Johns Hopkins University' hordofuun ragaa baasaa jirutti, Ameerikaan namoota 820,000 ol vaayirasichaan duraa qabamuun addunyaarraa dursaa jirti.
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras