Koronaavaayiras: Ameerikaatti lakkoofsi namoota dhibee Covid-19n du'anii kuma 41 caale

Ragaan Yunvarsiitii Joon Hopkiinsirraa irraa argame akka mul'isuutti, Ameerikaatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin wal qabate du'anii 41,000 ol ta'eera.

Yunivarsitiin Ameerikaa erga weerrri kun dhuma bara darbee biyya Chaayinaatti mudatee kaasee ragaa funaanaa jiru akka himeetti, guutummaa Ameerikaatti namoonni 746,000 ta'an vaayirasichi irratti argamuu mirkanaa'eera.

Kun kanaan osoo jiruu Pirezedaanti Doonaald Tiraamp ammoo lammilee Ameerikaa miliyoona 4.18 ta'an koronaavaayirasiif qorachuu isaanii dubbatan.

Ammallee qorannoo kana "saffisaan" babal'isuun namoota miliyoonota hedduun qorachuu akka qaban ibsan.

"Qorachuudhaan biyyi nitti dhiyaatu hin jirus," jedhan Pirezedaant Tiraamp.

Bulchiinsoota biyyaattii keessaayis Niiw Yoorki hunda caalaa miidhamteetti.

Ameerikaatti gaggeessitoonni kutaawwan bulchiinsaa isaanii sababa weerara dhibee kanaatiin cufamee jiru deebiisanii akka bananiif dhiibbaa olaanaan wayita taasifamaa jiru kanatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin walqabateen du'anii kuma 41 caaleera.

Ofii US fi Kaanaadaatti wanta haaraa maaltu jiraa?

Bulchaan Niiw Yoorki, Andreew Ku'omoo akka jedhaniitti, akkuma lakkoofsi namoota vaayirasichi irratti argame gadi bu'aa adeemuun bulchiinsi isaa 'baayyinaan' qorannoo farra dhukkuba (antibody) gaggeessuun ''fakkii dhugaa maal irratti qabsaa'aa akka jirru agarsiisu kan jalqabaa'' kennina jedhaniiru.

Haata'u malee, jiraattoonni bulchiinsawwan Arizonaa, Koloraadoo, Montaanaafi Waashingitan guyyaa Dilabataa daandiitti bahuun labsii mana keessa tura jedhu mormaniiru.

Hiriirri mormii kunis kana dura bulchinsoota biyyattii biraa keessatti gaggeefameetti kan fufeedha.

Pirezidaantiin biyyattii Donaald Tiraamp erga karaa tiwitaraatiin barreessaniin, amma 'US mootii Ventileetaraati' osoo oggantoonni kutaawwan bulchiinsaa tokko tokkoo deeggarsa federaalaatiif kadhataa jiranuu jedheera.

Kaanaadaa keessatti, Ministirri Mummee biyyattii Jastiin Tiruudar akka jedhaniitti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii 'kallattiidhuma sirriin deemaa jira'' garuu lakoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii biyyattii guutuutti kuma 35 tti siqaa waan deemuuf ammallees fageenya hawaasummaa eeggachuu cimsuun hojiirra akka olchaniif hawaasaa gaafataniiru.

Paartiin MM Tiruudar torbee kana keessa yeroo paarilaamaan deebii'ee itti hojii eegalu murteessuu hojjataa jira. Kunis erga yeroon kana dura mootummaan akka paarlaamaan hojii eegaluuf kaa'ee ture paartii moormituu biyyattiitiin kufiifameen booda jedhameera.