Koronaavaayiras: Gadameessa haadharraa kaasee harka keenyaan fuula qaqqabuu dhiisuu dandeenyaa?

Ogeessonni fayyaafi namoonni bebbeekamoon guutummaa addunyaarra jiran weerara Covid-19 ittisuudhaaf wanti barbaachisaafi ijoo ta'e harka keenyaan fuula keenya qaqqabuu dhiisuudha jechuun gorsu.

Yeroo haasofnus ta'e wanota gara garaa yeroo raawwanutti fuula keenya qaqqabuun namoota hedduuf baramaadha.

Haata'u malee, maaliif ammoo fuula keenya qaqqabnaa? Amma erga qajeelfamni akkasii kennameen booda dhiisuu ni dandeenyaa?

Ogeettiin xiinsamuu Nataashaa Tiwiirii akka jettutti waanta barre kana salphaatti dhiisuun rakkisaadha. Sababiin isaa ammoo "Uumama keenya waliin waan walqabatuufidha."

Ogeettiin kun akka jettutti harka keenyaan fuula keenya qaqqabuun qaama uumama keenyaa keessaa tokkodha.

Kanaaf ammoo yeroo fakkeenya kennitu, dhalli namaa gadameessa haadha isaa keessa yeroo jirullee fuula isaa akka qqaqqabu dubbatti.

Harka keenyaan fuula keenya akka qaqqabuu hin qabne irra deddeebinee ofitti himnullee, fuula keenya yoo qaqqabne ammoo dhukkubsachuu akka dandeenyu yaadnullee, wantota nuti jennuufi yaadnu guutummaatti uumama keenyaan ala wanta ta'edha jetti.

Yeroo fuula keenya tuqaa jirru yeroo of tasgabbeessinu ykn wanta tokko irratti yeroo xiyyeeffannoo kennuu barbaadnu ta'uu danda'a.

Ogeettiin xinsamuu kun akka jettutti fuula keenya irraa qaamota keenya yeroo harka keenyuun qaqqabnutti qaama keenya keessaa bakki muddamaa jiru akka dadammaqu taasisa. Kana gochuudhaan ammoo Paaraasimpaateetik kan jedhamu sirna narvii keenyaa akka daddammaqu taasisna. Kun ammoo karaa ittiin ofii keenya ittiin of tasgabeessinu keessaa isa tokkodha.

Amala kana sarootaafi adurreewwan irratti ilaaluun ni danda'ama kan jettu ogeettiin kun, daa'immanis maatii isaaniirraa ilaaluun wanta walfakkaatu ni godhu jetti.

Maatiiwwan yeroo na'anitti, haariin itti dhaga'amutti ykn wanta tokko ajaa'ibsiifatanitti fuula isaanii harka isaaniitiin kan qabatan yoo ta'e ijoolleen ammoo kan maatiin isaanii godhan irra deebi'uun isaanii carraa bal'aa qaba.

Wanti bitaa namati galu garuu fayyaa keenyaaf jecha fuula keenya harka keenyaan qaqqabuu dhiisuun baayyee barbaachisaa yeroo ta'ee jirutti osoo hin yaadiin harka keenya gara qaama fayyaa keenyaaf barbaachisaa ta'anitti akka geessinu ta'a.

Harka keenyaan fuula keenya akka hin qaqqabneef maal gochuu qabna?

Harka keenyaan fuula kenya qaqqabuu dhiisuun waan hin danda'amne waan ta'eef amala keenya kana dhiisuudhaaf malli furtuu ta'e amala akka fuula keenya irra deddeebinee qaqqabnu nu taasise hir'isuudha.

Dabalataanis, akka harki keenya gara fuula keenya deemee hin qaqqabne dhorkuu shaakaluufi yeroo harki keenya gara fuula keenyaatti ergamullee eessa akka qaqqabu hordofuufi murteessuu shaakaluudha.

Fakkeenyaaf, yeroo dubbatan harki keessan fuula keessanitti dhiyeessaafi sosochoosaa kan haasoftan yoo ta'e harki keessan akka fuula keessan tuqu waan taasisuu maluuf harka keessan fuula keessanirraa fageessuu yaadachuun isiniira jiraata.

Kanaaf ammoo, quba harka keessanii aboottatanii sarbaa keessanirru akka ta'au gochuudhaan harki keessan gara fuula keessaniitti akka hin dhiyaanne amala gochuu danda'u uummachuun isinirra jiraata.

Kana gochuun yeroo harki keessan fageenyarra jiru socho'uudhaan osoo hin beekiin gara fuulaatti qajeelu salphaatti hubattanii maal gochuun akka isinirra jiru murteessuun to'achuu akka dandeessan isin gargaara.

Harka kenyaan fuula keenya kan tuqnu yoo ta'e ammoo harki keenya qulqulluu ta'uu qaba.

Keessatti yeroo dhibeen koronaavaayirasii saffisaan tatamsa'aa jiru kanatti uumama keenya irraa jalqabee amala nu waliin ture, akkasumas amala barootaaf baranne harka keenyaan fuula keenya qaqqabuu dhiisuu danda'uun nurra jiraata akka ogeettii kanaatti.

Yoo ta'uu baate ammoo irra deddeebi'uudhaan bishaan qulqulluufi saamunaadhaan harka keenya sirriitti dhiqachuudhaan dhibee koronaavaayirasiifi kanneen biroorraa of eeguu akka qabnu ogeessonni fayyaa gorsa kennu.