Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Itoophiyaatti eenyutu dhibee Covid-19f qoratamaa jiraa?
Itoophiyaan qorannoo Koronaavaayirasii gara Afriikaa Kibbaatti erguun qorachiisaa erga turtee booda deeggarsa Dhaabbata Fayyaa Addunyaafi Dhaabbata To'annoo Dhibee Afriikaa irraa argatten biyyuma keessatti Institiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaatti qorachuu eegaluunshee ni yaadatama.
Ofii eenyuutuu qoratamuu danda'aa?
Weerarri dhibee kanaa erga eegalee asis namoota 718 irratti qorannoon taasifamuu isaa Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa hima.
Haata'u malee, lakkoofsi namoota vaayirasichaan walqabatee qoramaa jiranii baay'ee xiqqaa ta'uusaa irra deddeebin himama.
Itoophiyaa keessatti namoota akkamiitu qoratamaa jira? Qorannoon taasifamaa jiru gahaadhaa? fi gaaffileen kunneen jedhan Institiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaatti hogganaa Dhimma Seera Fayyaa Idil-addunyaa Dr Fayyisaa Raggaasaa nuuf deebisaniiru.
Ulaagaalee Qorannoo maal?
"Tokkoffaa buufata xayyaaraa Booletti sakkata'iinsi ni taasifama. Sakkatta'insichaan kan shakkaman fi mallattoon kan irratti mul'ate adda bahanii qorannoon irratti gaggeeffama" jedhan Dr Fayyisaan.
Vaayirasichi gara biyyaa erga seenee booda immoo namoota vaayirasichaan qabaman waliin qunnamtii qaban qoratamaa akka jiran ogeessichi himu.
Namootni qorannoon taasifamuf isaan biroon immoo namoota gara dhaabbilee fayyaa deemanii vaayirasichaan qabamaniiru jedhamanii shakkaman akka ta'e Dr Fayyisaa Raggaasaa dubbatan.
Dabalataan "namoota mallattoo agarsiisan hundumaa qorachuuf dandeettin hin jiru. Kanaafuu protokoolii isaa irratti hundaa'un kunnen xiyyeeffannoon itti kennamu ni jiru" jedhan.
Tattamsa'ina Vaayirasichaafi Dandeettii Qorannoo Biyyattii
Lakkoofsi namootaa guutuu aaddunyaatti akkasumas Itoophiyaa keessatti dhibee Koronaavaayirasiin qabaman yeroodhaa yerootti dabalaa jira.
Biyyaaleen heddu guyyaa guyyaan namoota heddu qorataa jiru. Gama kanaan Itoophiyaan maalirra jirti kan jedhu yeroo deebisan "dhukkubni kun galeera waan ta'ef namootni baay'een dhukkuba kanaan shakkaman irratti qorannoon akka taasifamu kallattiin kaa'ameera" jedhan.
Haala amma jirun garuu dandeettin qorannoo biyyattii murtaa'aa akka ta'e Dr Fayyisaa Raggaasaa kan himan.
Dabalataan facca'iinsa vaayirasichaa baruuf hawaasa keessaa saamuuda fudhatamee qorannoon akka adeemsifamu karoorfatamuusaa dubbatu.
"Namoota baay'ee sakkata'uun barbaachisaadha kan jedhuunis, qophii guddaatu taasifamaa jira. Naannoleenis akkasuma qorannoo dhibee Koronaavaayirasii hojjechuu akka danda'aniif hojjetamaa jira" jechuunis himan.
- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Biyyoota Eshiyaa danbaliin koronaa lammaffaan mudataa jira?
- Koronaavaayiras ofirraa ittisuuf harka ni dhiqattu, bilbila keessan hoo akkamiin qulqulleeffattu?
- Gaaffii koronaavaayirasii irratti dhihaatanif deebii kenname
- 'Yeroo Covid-19 hammaatetti intarneetiin Lixa Oromiyaatti cufame turuun isaa baay'ee nu yaachise'