Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koroonaavaayiras: 'Gaafa guyyaan haadholii kabajamu harmee koon awwaale'
Torban guyyaan Haadholii kabajamutti shamarreen ganna 33 Ayaa qalbii ishii kan hate, kennaa akkamii deessee isheef akka gumaachitu yaaduu ture.
Garuu Ayaan (maqaanshee kan geeddarame) guyyaa kana harmee isheef kennaa kennitu otoo hin taane, harmeeshii duute sirna awwaalcharratti akka argamuuf jirtu hin beektu ture.
Torban sana maallaqas dhabdu, du'a ishiin dhaga'a jedhe yaadee hin beeku jette. Oduu kana akka dhageesseen kufuu yaadatti.
'Obboleessa koo hirribaa kaaseen itti hime, duraan akka wayyoofte natti himee ture,' jetti.
'Si hammachuun barbaada, garuu hin danda'u'
''Guyyaa dhaloota ishee Ebla kana wayita kabajamutti fayyitee manatti deebiti jennee eegaa turre, guyyaan haadholii kabajamuuf bultii muraasni wayita hafu hoospitaala seente.
Guyyaa haadhaafi guyyaa hoospitaalaa fayyite baatu walitti qabnee kabajuuf eegaa turres jette. Garuu, kan raawwatame argan, kan eeganirraa adda ture.
Haati Ayaa lammilee Masirii 10'n koroonaavaayirasiin si'a jalqabaaf ajjeese keessaa tokko turte.
Haati Ayaa Kibba Kaayirootti hoospitaala argamutti vaayirasichaan qabamuun mirkanaa'ee otoo hin du'iin dura geeffamtee turte.
Haati ganna 69 kun qoratamanii jalqaba vaayirasicharraa bilisaa jedhaman, boodarra deddebi'anii guyyoota itti aanaan qoratamanii garuu qabamuun isaanii mirkanaa'e.
Abbaa koo dhukkuba ujummoo dhiiga gara onneetti geessituun wal qabatu dhukkubsatee bira otoon jiruun bilbilaaan haadha keenya haasofsisaa ture jette Ayaan.
''Nagaattillee nun jechuu dadhabuu ishii qofaa miti, guyyuma sana du'uun ishii garaa na nyaate,'' jette.
- LAKKOOFSA KALLATTIIN: Addunyaarratti lakkoofsi namoota COVID-19n qabamanii miiliyoona 1.5 caalee
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras
Guyyaa sanarraa eegalee sirni amantiifi namoonni walitti qabamuus akka biyyaatti dhorkame.
Masjiidonni hunduu akka cufamaniif ajajni bahe. Kanaafuu, kutaa hospitaalaa reeffii turu keessa kadhachuu eegaluuf dirqamuu dubbatte Ayaan.
Hoospitaalicha keessaa reeffa baasuun yeroo dheeraa fudhataa ture, booda garuu halkan awwaalamte, miseensota maatii muraasa qofatu sirna awwaala ishiirratti argame.
'Hundi keenya maaskii fi golgaa harkaa (guwaaantii) keewwannee turre.
Haati warraan obboleessa kootii gidduudhaan dhuftee harka koo qabdeetu natti hasaasti, ''Si hammachuun barbaade, garuu hin danda'uf malee,' naan jette.
Amaatiin obboleessa kootiii ni sukannoofte, garuu namni achitti argaman hundi gammadoos hin turre'
'Haati keenya ni wareegamte'
'Abbaan keenyallee haadha keenyatti nagaa dhaamu hin dandeenye, sirna awwaalcharrattis hin argamne'
Haati Ayaa erga du'anii booda abbaan ishees hoospitaala haati ishee seenanitti yaalamuu geeffaman.
'Wayita inni hoospitaala geeffamu gadda guddaarraa kan ka'e, lafarran gangaladhe,' jette.
Haata'u malee, abbaan ishii dhibicharraa bayyanatanii torban darbe keessa gara manasaaniitti deebi'an.
Ayaas ta'ee, obboleessi ishees vaayirasichaan hin qabamne.
Addatti fo'amanii jiru, 'akka maatiitti walgargaarullee hin dandeenye, haati keenya ni wareegamte,' jette Ayaan.
'Deeggarsa garee WhatsApp'
Namoota firasaanii haala walfakkaatun du'aniif akka sirni kadhannaa raawwatamu yaadumuudhaan gareen WhatsApp baname.
Garee kanarratti maqaan haadha Ayaa erga maxxanfamee namoonni hedduun dhaamsa jajjabinaas naaf ergaa turanii, inni jajjabina naaf ta'eera jette.
Namoota toora Feesbukiirratti du'a haadha kooti dubbisanii na jajjabeessan keessaa barataan kutaa afuritti wajjiin baradhe fa'aatu keessatti argama. Ani jalqaba isa dagadheen ture jette Ayaan.
Masiriin vaayirasiin Covid-19 biyyatti seenusaa walakkeessa Guraandhala, bara 2020 ibsitus, amma jalqaba ji'a Bitooteessaatti namoota haaraa qabaman ittifufinsaan hin sakattaatu ture.
Vaayirasichi amma yoonatti namoota 2,000 qabuun, namoota 160 ol ajjeeseera.