Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Ameerikaatti dhibeen Covid-19 ollaa warra gurraachaa 'goolaa jira'
Ragaan aanga'oota fayyaa Chikaagoo akka mul'isutti achitti koronaavaayirasiin akka malee miidhaa kan jiru lammilee biyyattii gurraacha ta'anidha.
Chikaagoo keessatti gurraachotni lakkoofsa uummataa waliigalaa keessaa dhibeentaa 30 qofa.
Haa ta'u malee namoota koronaavayirasiin qabaman keessaa walakkaan gurraachota yoo ta'an, kan du'an keessaa ammoo dhibbeentaan 70'ni isaani.
Magaalonni Ameerikaa biroo gurraachonni keessatti heddummatan akka Diitrooyit, Milwawuke, Niiwu Oorlins fi Niwu Yoork jiddugalawwan weerarri vaayirasichaa itti hammaate ta'anii jiru.
Ameerikaa keessatti 370,000 ta'an vaayirasichaan kan qabaman yoo ta'u 11,000 du'aniiru.
Sadarkaa addunyaatti vaayirasichi namoota miliyoona 1.3 kan qabe yoo ta'u, namoota 75,000 ta'an galaafatee jira.
Ragaan Chikaagoo maal agarsiisa?
Ragaa hanga Eebla 05 jiruun, jiraattota Chikaagoo 4,680 koronaavaayirasiin qabaman keessaa 1,824 gurraachota jedhu aanga'oonni magaalattii.
847 warra adii, 478 Hispaaniik, 126 Eshiyaanita waliin yoo madaalamu lakkoofsi gurraachota vaayirasichaan qabamanii ol aanaadha.
Magaalattii keessatti namooti 98 kan du'an yoo ta'u, dhibbeentaan 72 gurraachota.
Magaalaan Chikaagoo kan keessa jirtu kutaa biyyaa Ilinooyis keessatti, gurraachonni uummata waliigalaa keessaa dhibbeentaa 14 qofa yoo ta'an, warra koronaavaayirasiin qabaman keessaa garuu dhibbeentaan 41 gurraachota.
Aanga'aan fayyaa magaalaa Chikaagoo Dr Alisan Arwaadii, 'durumayyuu gurraachotni jiddugaleessaan waggaa 8.8 umurii warra adiin gadi jiraatu jechuun gaazexeessitootatti himan.
Chikaagoo qofamoo iddoo biraas akkasuma?
Koronaavaayirasiin warra gurraacha akka malee miidhaa kan jiru Chikaagoo keessatti qofa miti.
Michigaan keessatti gurraachitni lakkoofsa uummataa keessaa harka 14 qofa ta'anis, koronaavaayirasiin warra qabaman keessaa dhibbeentaan 33, kan du;an keessaa ammoo dhibbeentaan 41 isaani.
MIlwawukee keessatti gurraachonni walakkaa uummata achi jiranii yoo ta'an, warra du'an 21 keessaa dhibbeentaan 81 gurraachota.
Luyisiyaanaa keessatti namoota koronaavaayirasiin du'an keessaa dhibbeentaan 40 ollaa warri gurraachaa heddumminaan jiraatan Niwu Oorlins keessatti mudate.
Maaliif gurraacha irratti hammaate?
Kantiibaan Chikaagoo Loorii Laayitfoot koronaavaayirasiin 'gurraachota akka malee miidhaa jira' jechuun ragaa bahan.
Kanaaf sababa kan jedhan ammoo hawaasa gurraacha keessa dhukkuboonni akka dhibee onnee fi dhukkubooti sirna hargansuu durumaa turan.
Sanarratti dabalataan ollaawwan warri gurraachaa keessa jiraatan karaa miilaan irra deemanii qaama hiikkatani hin qaban akkasumas achitti nyaata madaalawaa argachuun ni rakkisa jedhu Dr Alisan.
Hakiimni ofii gurraacha ta'aniifi Varjiiniyaa irraa koongirasiif dorgomaa kan jiran Dr Kaameroon Weeb, loogii sanyummaa fi diinagdee Ameerikaa keessa jiru vaayirasichi saaxilaa jira jedhan.
Gama biraan ammoo gurraachonni qajeelfamoota akka mana turuu mootummaan vaayirasicha to'achuuf baaseef ajajamuu diduunis akka sababaatti dhihaata.
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras