Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Diroogbaafi Eetoon doktoroota 'talaalliin Covid19 Afrikaatti dura yaalamuu qaba' jedhan balaaleffatan
Taphattoonni kubbaa miilaa Afrikaa kilaboota biyyoota Awurooppaa keessatti gurra guddaa horatan Diidiyeer Diroogbaafi Saamu'eel Etoon, doktoroota Faransaay talaallii koronaa yaaluun dura Afrikaatti jalqabamuu qaba jedhan balaaleffatan
Doktoroonni Faransaay lama marii dhimma koronaavaayiras TV irratti taasisaniin, yaaliin talaallii jalqaba Afrikaatti taasifamuu qaba jedhan.
Yaada isaanii kanaafis, doktoroonni kunneen baayyee qeeqamaa kan jiran yoo ta'u, taphattoonni bebbeekamoo kubbaa miilaa Afrikaa Diidiyeer Diroogbaafi Saamu'eel Etoos jabduu qeeqan.
"Afrikaan laaboraatoorii yaalii miti; lammileen Afrikaas hantuuta laaboraatoorii keessaa miti," jechuudhaan Diroogbaan fuula Twitter isaarratti barreesse.
Taphataan kubbaa miilaa duraanii Kaameruun Saamu'eel Etoo gama isaatiin doktoroota kunneeniin, "warra nama ajjeesan" ittiin jedheera.
Yaadni doktoroota kunneeniis garewwan sanyummaa mormaniin hedduu irratti duulameera.
Marii Faransaay keessatti buufata TV guyyoota muraasa dura Dr. Jiin Pool Miiraafi Dr. Kamiil Loochit irratti dhiyaatan kana namoonni miidiyaalee hawaasummaa irratti hedduu waliif daddabarsaniiru.
Doktoroonni kunneen akka jedhanitti, qorannoon HIV/AIDS baayyeen isaa kan gaggeeffame Afirikaa keessatti ta'uu isaarraan kan ka'e yaaliin talaallii Covid-19 tiis jalqaba ardittiirratti taasifamuu qaba jedhan.
"Yaalii kana gochuu kan qabnu Afrikaatti mitii? Bakka maaskiin fuulatti godhatanillee hin jirre, bakka wallaansi fayyaa hin guddanne keessatti, yoo arganuu dadhabanillee meeshaan deebisuu dandeessisu bakka hin jirretti ta'uun irra hin jiraatuu?
Akkuma qorannoon AIDS lammileen Afrikaa daldala saal-qunnamtiirratti yaalame jechuudha.
"Yaaliiwwan kana kan taasifnu haala baayyee hamaa ta'een saaxilamoo waan ta'aniifi ofii isaaniirraa ittisuu akka hin dandeenye waan beeknuufidha," jechuun doktorri tokko dubbate.
Doktorri biraan Wiirtuu Wallaansaafi Inistitiyuutii Fayyaa Faransaayirraa dhufe Kaamiilis sirriidha qorannoowwan walfakkaatan Afrikaa keessatti gaggeeffamuu qabu jechuun yaada isaa cimsan.
Dhimmichi walfalmisiisaa ta'uu isaatiin walqabatee Inistitiyuutiin Fayyaa sun dogoggora hiikkachuudha jedheera.
- Kallattiin: lakkoofsa namoota koronaavaayirasiin qabamaniifi du'anii
- Koronaavaayiras ofirraa ittisuuf harka ni dhiqattu, bilbila keessan hoo akkamiin qulqulleeffattu?
- Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras: wantoota beekuu qabdan
- Waa'ee koronaavaayirasii gaaffilee keessaniif deebii
- Malawwan ittiin odeessaalee sobaa dhaabuun danda'amu torba
- Wayita yaaddoon koronaavaayirasii hammaatetti ifa abdii shanan
- Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i? Attamiinan of eegaa?