Newcastle 2-0 Arsenal: Abjuun hirmaannaa Chaampiyoons Liigii Arsenaal, Niiwkaasitiliin danqame

Madda suuraa, Getty Images
Hawwiin Arsenaal Pirimeer Liigii Ingiliiziin sadarkaa afraffaa xumuruun Chaampiyoons Liigiitti makamuuf qabu, Niw Kaasiliin akkaan mo'amuun danqame.
Gareen Mikeel Arteettaa gara afraffaa dhufuun Totanihaam caaluuf mo'uun kan isaan barbaachisu wayita tahu, amma milkiin gara Totanihaam gortee jirti.
Haa tahu malee tapha St James' Park'tti adeemsifame kanaan gahumsaan haalaan caalamanii argamuun, boqonnaan booda dhiibbaa Kaalam Wiilsan irraan gaheen, Been Waayit kubbaa goolii isaatti lakkoofsiseera. Kaalam Wiilsan bara kanatti tapha jalqabaasaa ture inni kaleessa.
Taphataan deeggartootaan akkaan jaalatamuufi jalqaba bara kanaatti Newcastle'tti makame Bruno Guimaraes, kubbaa Arsenaal naannoo galchii keessaa fageessuu dadhaban gooliitti geeddare.
Arsenaal haalaan taphachuun karra eegaa Maartin Dubraavkaaf qormaata tahuu hin dandeenye - yaaliin inni guddaadha jedhamu tokko tarii kan Mohaammad Elneenii rukutedha.
Inumaawuu Niiwkaasiil carraa hedduu fayyadamuu dhabe malee, goolii dabalataan injifachuu danda'aayyu.
Mo'amuun Arsenaal akka Cheelsiin sadarkaa Chaampiyoons Liigii keessa xumuruusaa akka mirkaneeffatu taasiseera.
Arsenaal kan inni bara dhufu Chaampiyoons Liigii keessa taphachuu danda'u, yoo tapha xumuraa Dilbata gaggeeffamuun Evertan yoo mo'ateefi morkataan isaanii Totanihaam ammoo Norwiichin yoo mo'ame qofadha.
Gama kaaniin ammoo Niiwkaastiliif injifannoon kun bara dhufuuf jajjabina kan uumuuf yoo tahu, tapha xumuraa isaaniis Barnileey wajjii taasisu.
Arsenaal hanga barbaachisu hin taphanne
Deeggartoota isaaniif abdii sadarkaa hanga afurii keessa xumuruu horuuf Arsenaal gahumsa bareedaa agarsiisuutu isaanirraa eegama ture. Keessattuu erga morkattoota isaanii yeroo hundaa Totanihaamin Kamisa darbe erga haleelamanii booda.
Tahus garuu gareen Arteettaa yeroo akkaan barbaachisaa tahe kanatti, gahumsa dadhabaa tahe agarsiisuun Niiwkaasiliin caalaman.
Gaanaroonni (The Gunners) boqonnaan dura gahumsa gadi bu'aa tahe kan agarsiisan wayita tahu, irra deddeebiin kubbaa morkattoota isaaniif dabarsanii kennaa turan - Niiwkaastiliis irra deddeebiin gara galchii isaaniitti dhiyaachaa turan.
Akkum taate dandamatanii boqonnaa bahan - achii deebinaan garuu waan boqonnaan dura ture dagachuun gooliin tokko itti galte.
Achii ammoo taphtaan turtii hedduun booda dirree seebe Wilsan, tapha bareedaa agarsiise. Kanaanis dhiibbaa ittisaa Arsenaal Been Waayit irraan gaheen, nan oolcha jedhee ofitti galche.
Tapha Totanihaam wajjiin taasisaniin waan murteessaan dabarse irratti aarii guddaa kan agarsiisaa ture Mikeel Arteettaa, isa kaleessa galgalaarratti garuu homaa jechuu hin dandeenye - Niiwkaastil akkaan taphatanii moo'an.
















