'Saadiyoo Maaneen maashiniidha taphattoota ciccimoo addunyaa keessaati' - Leenjisaa Livarpuul Yargan Kiloopp

Sadio Mane Goolii Saadiyoo Maanee

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo Liverpuuliif taphachuun dabarse hundatti, Saadiyoo Maaneen akka taphataa gargaaraa jedhamuun ibsamuu hin danda’u.

Irra deddeebiin garee Yargen Kiloopp keessattti taphataa bakka buufamu akka hin dandeenye agarsiiseera jechuun ibsa barreessaan kubbaa miilaa BBC Phil McNulty.

Lammiin Senegaal ganna 30 taphataa sarara duraa ta’e, amala callisaa ta’e qabaatus, waggootii dhiyoo keessatti guddina Livarpuul keessatti taphataa sarara duraa sodaachisaa ta’eera.

Injifannoo Livarpuul Chaampiyeens Liigii bara 2019 irratti Maaneen gahee ijoo taphateera, sana booda waggaa itti aanuutti waggaa 30 keesatti yeroo jalqabaaf Pirimiyeer Liigii isaan injifachiise.

Kunis Liivarpuul yeroo as dhiyoo keessa kilaba jabaa akka ta'u gumaacheera.

Tapha dheengadda gaafa Kibxataa Liivar Puul Aston Viilaa morkate irrattis galchii lammataa galche.

Kunis yeroo Livarpuul Sanbata tapha Tootanaam waliin taphate irratti injifannoo waancaa afuriirraa waan fagaate yeroo fakkatettidha.

Tapha Kibxata galgalaa Aston Viilaafi Liivarpuul irratti gareen Kiloopp goolii 1-1'n hanga daqiiqaa 65ffatti turani. Kanaanis yaaddoon dabalaa deeme.

Sana booda Maaneen ammas dandeettii isaatti akka namni amanu goolii dirqisiiftu addaan dhayee deeggartootatti abdii hore.

Taphataan cimaa Luwiis Diyaaz kubbaa fageenya bareechee yemmuu dabarsu, Maaneen hubbannoo, xiyyeeffanaa fi atileettummaa isaan kubbaa addaan rukutee harka bitaa goolii eegaa Astonviilaa Emiliyoo Maartineez bira dabarsuun galcheera.

Yeroo taphi xumuramee fiishkaan afuufamu, Kiloop gammachuun Maanee hammachuun gadhiisuu didan.

Kun hundi kan uumame yeroo egeree Maaneen Liivarpuul keessatti qabaatu irratti shakkin ka’edha.

Shaakkiin jiru Moohaammad Saalah waligaltee haaraa Livarpuul waliin ni qabaataa, Maaneenoo kan jedhu ture.

Akkuma Saalaa, kontiraati Maaneen Liiverpuul waliin qabu bara dorgommii itti anuutti kan dhumu yoo ta’u, yoo dhimmi kontiraata Saalaa dubbii ijoo ta’e, kan Maanees akkanuma ta’uu mala.

Maaneen Waxabajjii 2016’tti Saawuzaampitan irraa paawundii miiliyoona 34’n erga Livarpuul seenee eegale taphoota 266 taphatee, goolii 119 lakkoofsiseera.

Bara dorgommii kanaatti taphoota 48 keessatti goolii 22 lakkoofsiseera.

Kunneen odeeffannoo olaanoo Maaneen taphataa dandeettii guddaa ta’uusa mirkaneessanidha.

Ofitummaa hin qabu, mala taphoota sarara duraa sadii Kiloopp kaa’uu hunda keessatti hojjechuu danda’a.

Torban kanatti Maanee waliin wal qabatee maqaan gareeleen akka Baayer Miyuunik fi Riyaal Maadriid kaafamaniiru, kanaaf akka gareeleen Awurrooppaa kamuu isa barbaadani arguun ni danda’a - garuu Livarpuul caalaatti isa barbaada.

Maaneen taphni Viilaapaark erga xumuramee booda ''dhugaamatti baay'een gammade. Taphattoota gareekoo keessa jiran gargaaraa, yeroon qabu hundatti gammaduuf yaalaan jira.

''Waayilootakoo malee ani homaa miti,'' jedhe.

Tapha hariiroo gaarii Diyaaz waliin agarsiise irratti, ''yeroo shaakala keenyaa guyyaa hundarraa eegallee wal beekna. Yeroo inni kubbaa argate garanitti dhiitu waan beekuuf, ani qophaa’uu qofatu narra ture,'' jedheera.

Kiloopp tapha kana booda gaaffiifi deebii sky sport waliin taasisaniin ''inni maashiniidha, taphicha booda itti himeera. Inni taphataa baay'ee guddaadha'' jedhan.

''Qaamni isaa cimaadha, dandeetti, fedhii fi sochii qaama isaa akka inni ittin waliin makuu addadha. Goolii barbaachisummaa guddaa qaban galcha, taphataa sadarkaa addunyaatti guddaadha.”