Tapha Waancaa Addunyaa: Saadiyoo Maanee fi Mohammad Saalaah - yeroo tokko michuu, yeroo kaan morkattoota

Madda suuraa, Getty Images
Waancaa Addunyaa bara 2022 Qaataar qopheessituuf darbuuf biyyoonni Afrikaa 10 lama lama ta'anii marsaa lamaaf waliin morkatu.
DR Koongoo fi Morookoo, Maalii fi Tuniiziyaa, Kaameruun fi Aljeeriyaa, Gaanaa fi Naayijeeriyaa akkasumas Masrii fi Senegaal waliin morkatu.
Taphoota marsaa lama Bitootessa 25 fi 29 taphatamaniin booda gareen qabxii ida'amaan injifate gara Qaataar imala.
Masrii fi Senegaal - Maanee fi Saalaah
Michuuwwan qaxaleewwan garee Liivarpuul cimsuu keessatti qooda olaanaa gumaachan Saadiyoo Maanee fi Mohammad Saalaah ammas biyyasaanii bakka bu'anii waliin morkuuf deemu.
Michuuwwan akkasumas morkattoonni lameen, Saadiyoo Maanee-Seenegaal fi Mohammad Saalaa-Masrii, tapha xumuraa Waancaa Addunyaaf gara Qaataar imalaa jiru.
Morkii jabaan taphattoota lameen gidduutti dhiyeenya kana mudate tapha Waancaa Afrikaa 2021 Kaameeruun qopheessite irratti, wayita Seenegaal rukuttaa adabbiin Masrii injifatte ture.
Maaneen seenaa keessatti yeroo jalqabaaf biyyasaaf waancaa erga argamsiisee akkuma taphi xumurameen battaluma Mohammad Saalaa waliin walhaammatanii mul'atan.
Miirri qomee diimaa colleewwan lameen walhaammachiise kun suuraadhaan kaafamee wayita mul'atu qalbii namootaa hawwateera.
Dirreetti morkattoota turan, gadi yoo ba'an garuu hiriyoota, taphattoonni bebbeekamoon addunyaa kunneen waggoota shaniif irree waliif ta'anii kilabii isaanii Liivarpuul guddisaa jiru.
Erga Mohaammad Saalaa bara 2017 Kilaba Roomaa irraa gara Liivarpuul seenee walumaan jiru.
Michummaan isaanii kun wayita gara garee biyyaalessaa isaaniitti deebi'an ammoo isaan qora, garuu dorgommiin isaan gidduutti cime kun Liivarpuul Piriimiyerliigii Ingilizii, Waancaa Awurooppaa fi Chaampiyoonaa addunyaarratti akka olaantummaa argatu gargaareera.

Madda suuraa, Getty Images
Taphattoonni kunneen gidduutti goolii galchuuf miira dorgommii cimaatu jira, lameen isaanii Liivarpuuliif goolii 251 galchaniiru. Saalaan garuu gooliin 55n Maanee caala.
Mohammad Saalaa hanga ammaatti gooliiwwan 153 Liivarpuuliif galcheera, taphataa gameessa Liivarpuuliif goolii 158 galchuun kanneen goolii hedduu galchan keessaa sadarkaa saddeettaffaarra jiru, Michael Owen, booda goolii shan qofa hafuun saglaffaarra jira.
Saadiyoo Maaneen ammoo gooliiwwan 111 Liivarpuuliif galchuun taphataa gameessa kilabichaa John Barnes irraa sadarkaa 11ffaa fudhateera.
Taphattoota Afrikaa keessaa lameen isaanii Piriimiyeliigii keessatti goolii hedduu galchuun dursaa jiru, isaanitti aanee kan jiru taphataa Ivory Coast Didier Drogba dha, inni goolii 104 galche.
Saadiyoo Maanee bara 2016 kilabii Southampton irraa Liivarpuul seene, seenaa keessatti yeroo jalqabaaf taphataa Afrikaa gatii guddaan kilaba Piriimiyerliigii Ingilizii seene ta'eera.
Akkuma jalqaba Liivarpuul seeneen karaa mirgaatiin fuuldurarra akka taphatuuf ramadamee ture, bara jalqabaa sana gooliiwwan 13 galche.
Wayita Mohammad Saalaa Liivarpuul seenu bakka Maanee seene, Maaneen ammoo karaa bitaa akka taphatu murtaa'e.
Abbaan murtee kanaa leenjisaa kilabichaa Yargan Kilop yoo ta'an, tarkaanfiin isaaniis taphattoota lameeniifuu ta'eera.
Taphattoonni qaxaleewwan addunyaa, waliin morkaa, michummaan waliin hojjetaa yoona ga'an ammas waltajjii irratti waldura dhaabbatanitti qajeelaa jiru - dorgommii Waancaa Addunyaa.
Waltajjii sanarratti walfaallaa dhaabbatanii gufuu walitti ta'anis taatee sana booda garuu michummaadhaan Anfiled'tti galu.
Galanii waan waliin barbaadan argachuutti cichu - Waancaa Piriimiyeliigii fi Chaampiyoons Liigii.
Gaanaa fi Naayijeeriyaa

Madda suuraa, Getty Images
Naayijeeriyaa fi Gaanaa gaaf maqaan dhahamu masaanummaa kubbaa miilaa fi nyaata ruuzii irraa tolfamu Joloof jedhamurratti isaan qabantu sammuutti na dhufa jedha barreessaan kubbaa miilaa lammii Naayijeeriyaa Oluwaashiinaa Okeleejii.
Eenyu Joloof quba nama muuxachiisu qopheessuun akka injifatu beekamuu baatus, masaanummaan kubbaa miilaa jidduu jaraa garu yeroofis ta'u Bitootessa 25 fi 29 deebii argata.
Biyyoonni lamaan Waancaa Addunyaa 2022 Qaataar qopheessituuf darbuuf marsaa lamaan waliin morkatu. Marsaan duraa Jimaata Bitootessa 25 Gaanaa Kumaasiitti taphatama.
Guyyoota afur booda marsaa lammataa Abuujaatti taphatanii eenyu Waancaa addunyaaf akka darbu adda baafama.

Madda suuraa, Getty Images
Naayijeeriyaan yoo injifatte walitti aansuun yeroo afraffaaf Waancaa Addunyaa irratti hirmaatti, Gaanaa dorgommii bara 2018 Raashiyaan qopheessiterratti hin hirmaanne ture.
Gaanaan baroota 1970 fi 80moota keessa kubbaa miilaa Afrikaa irratti olaantummaa qabdi turte. Baroota 1994 fi 2013 Naayijeeriyaan Waancaa Afrikaa yoo injifattu, Gaanaan erga bara 1982 as morkattuu cimtuu taatullee mirgaan galtee hin beektu.
Leenjisaa haaraa Ottoo Addoo fi direektara teekniikaa taphataa Tootanhaam duraanii Kiriis Haaftaniin kan durfamtu Gaanaan, dursaa garee ishii Andiree Ayewu malee deeggartoota ishii fuulduratti Naayijeeriyaan morkatti.

Madda suuraa, Getty Images
Naayijeeriyaan taphattoota jajjaboo Awurooppaa keessatti taphatan akka Aleeks Iwoobii fi Wiilfireed Indiidii malee akka morkattu eegama.
Taphataan Leestar Siitii garee biyyaalessaa Ingilaand dhiisee Naayijeeriyaaf taphachuuf murteesse Ademoolaa Lukmaan Naayijeeriyaaf ni taphata.
Waancaa Afrikaa bara kanaa irratti Gaanaan Garee C keessaa dhumarra turte. Naayijeeriyaan garuu taphoota sadi injifachuun marsaa kuffisanii darbuu geessullee, Tuniiziyaan 1-0n mo'amtee ari'amte.
Biyyoonni lamaanuu kolonii Ingiliiz, Afaan Ingiliiz dubbatan yoo ta'u, biyyoota kolonii Firaans, Fireench dubbataniin marfamanii jiru. Kun michoomaa fi masaanummaa qabaniif sababa ta'uu hin oolu.
Masaanummaan kubbaa miilaa jidduu isaani jiru wayita bilisummaa isaaniif lolaa turan bara 1955 eegala. Tapha jalqaba yeroos waliin taphatan Gaanaan goolii 7-0n injifatte.
Aljeeriyaa fi Kaameruun - Aljeeriyaan dhiibbaa jala jirti

Madda suuraa, Getty Images
Tapha biyyattiin Kaameruun waliin taasiftuun dura qilleensi dhiphuu wahii magaalaa guddittii Aljeers keessatti mul'ata.
Gareeleen biyyaalessaa lamaan kubbaa miilaan haalaan jajaman kunniin Waancaa Addunyaa Raashiyaan bara 2018 qopheessite irratti hirmaachuu hin dandeenye - isa amma Qataar qopheessitu irratti hirmaachuuf haalaan kan falmatan taha.
Otoo silaa ji'ootaan dura ta'ee Aljeeriyaan morkii kana salphumatti olaantummaan xumurti jedhamee eegamaayyu. Haatahu malee dorgommii Waancaa Afrikaa 2021 dhiyeenya kana gaggeeffameen, mo'ichi isaanii walitti fufaan 35 xumura argateera.
Chaampiyoonota Waancaa Afrikaa isa darbe kan turan Aljeeriyaan, tapha gulaallii garee keessaa, akkuma Itoophiyaa, osoo tapha tokkittiillee hin mo'atin gaggeeffamaniiru - seenaa dhiyoo akkasii fa'itu dhiibbaa jala tahanii akka taphatan taasisa.
Taaphoota lamaan hafan - DR Koongoo fi Morookoo akkasumas Maalii fi Tuniiziyaan walii wajjiin taphatan irrattis morkiin cimaan akka godhamu eegama.















