Imala leenjisaa Senegaal Aliyuu Siisee hanga injifannoo Waancaa Afrikaatti

Madda suuraa, Getty Images
- Barreessaa, Maark Gileesan
- Gahee, Barreessaa kubba miilaa
Aliyuu Siisee yeroo lama Waancaa Afrikaaf dhaqqabe. Tokko taphataa tahee tokko irratti leenjisaa tahuun. Yeroo tokko ammoo balaa tasaan miseensa maatii isaa 12 al takkaatti dhabeera. Siiseen eessaa ka'ee injifannoo Waancaa Afrikaaf dhaaqqabe?
Bara 2002, Maalii keessatti Aliyuu Siisee dirree Baamaakoo Stade du 26 Mars, jedhamu keessa oliifi gadi ilaalee peenaaliitii xumuraa waancaa mo'achuuf murteessitu karra eegaa Kaameeruun Buukar Aliyoomitti rukute.
Kun Waancaa Afrikaa bara 2002 irratti yoo tahu Senegaal yeroo jalqabaaf ni injifatti jedhamee eegamee ture.
Haa tahu malee Siiseen yeroo sana dursaa taphattoota Senegaal kan ture rukuttaa peenaaliitii sana dhabe. Kaameeruun waancicha injifatte.
Ergasii waggoota 20 booda Siiseen seexana gaafa sanaa irraa bilisa tahuun ofii isaafis biyya isaafis waancaa kan injifate. Amma garuu leenjisaa tahuudhaani.
Amma umuriin isaa 45 yoo tahu ji'a dhufu 46 guuta. Waancaa kana injifachuun Herve Renardi kan Zaambiyaa waliin bara 2021 injifatetti aanuun leenjisaa dargaggeessa lammaffaa tahuu isaati.
Waggoota dheeraaf leenjistootni gara Afrikaa dhufaa kan turan Awurooppaa fi Laatin Ameerikaa irraa ture. Amma garuu fakkeenya leenjistoota Afrikaa ardichuma keessaa biqilanii tahun haalicha jijjiire.
Siiseen Dilbata darbe Masirii mo'achuun yoo waancaa harkaan gahatan imimmaan buusee gammachuu isaa ibsachaa ture. Garuu dhiphina rukuttaa peenaaliitii xumuraan booda irra aanaan.
Leenjisaan kun miidiyaaleettillee waa'ee garee isaa bal'inaan dubbachuu hin barbaadu. Garuu yaada isaa nama gabaabsee bareechee himudha.
Leenjisaan homaatti hin lakkoofne ceeppaha'maa ture
Kun Siiseef waancaa Afrikaa shanaffaa tahuu isaati. Lama taphataa tahee lbara 2000 fi 2002. Sadii ammoo ammoo leenjisaa Senegaal tahuudhaani.
Federeeshiniin Kubba Miilaa Senegaalis leenjisaa akkaan ceepha'amaa ture kanatti cichuun isaanii inni ammoo ceephoo duubatti dhiisee bu'aa gaarii argamsiise.
Siiseen waayillaan isaa duraan waliin taphataa turan keessaa Kaaliluu Fadigaa kan amma garee qorannoo teeknikaa Konfedereeshinii Kubba Miilaa Afrikaa keessa jiruu fi El Haajii Diyuuf garee isaatti makuun akka isaan taphattootaaf gorsa kennan godhe.
Kana dura haalaan namoota isa ceepha'aa turan yoo tahanis Dilbata ammoo yeroo isaan isa waliin Kaameeruunitti argamuun gammachuu isaanii ibsataa turan argamaniiru.
''Gareen kun Waancaa Afrikaa injifachuu danda'a. Garuu osoo Aliyuu Siisee leenjisaa biyyaalessaa tahee achi jiruu kun tahuu hin danda'u,'' jedhe ture El Haajii Diyuuf.

Madda suuraa, Getty Images
Siisee ceephoo qofa oso hin taane taphattootni isaas isa onnachiisaniiru.
''Akkan yaadutti leenjisaan kun milkaa'ina hundaa argachuun isaaf mala. Sababni isaa ammoo leenjisaa akka malee ceepha'ame akka isaa argee hin beeku,'' jedhe Sadiyoo Maaneen erga Burkina Faasoo mo'achuun waancaaf darbaniiru.
.Biyya keenyaa fi isaaf jennee mo'achuu barbaanna. Sababni isaa ammoo akka taphataa fi leenjisaatti waan hundaa keessa waan darbeef.''
Siisee qofatu taphattoota isaa jaallata miti. Isaanis maqaa masoo 'Jaamee' jedhuun isa waamu. Yaayaa Jaamee pirezidaantii duraanii Gaambiyaa waggoota dheeraaf biyyatti bulchetti fakkeessuun waamu. Sababi isaa ammoo seera cimsuun waan beekamuufi.
Siiseen nama naamusa qabuu fi cimsanii hojjechuutti amanu, yeroo kabajuu fi xiyyeeffannoo guddaa hojii isaaf kennudha.
Taphataa hojjetaa cimaatti fakkeeffamu qarqara Paarisitti
Siiseen Senegaal bakka Ziguinchor jedhamutti dhalachuun yeroo umuriin isaa ganna sagal ture gara Faransaayitti deeman.
Kana adura nama Aljeeriyaa waliin Waancaa Afrikaa mo'atan Djamel Belmaadii irraa manni isaanii dhagaa darbaa tokko hin caalu. Champigny-sur-Marne kan jedhamu Kibba Paaristti kan argamtu keessatti guddate.
''Ijoollee tahee taphattoota bebbekamoo akka Safet Susuc Valdo fa'aa ilaaluuf gara PSG deemaan ture. Abjuun ijoollummaakoo PSG'f taphachuu ture. Ijoollee heduun qarqara Paaris jiraatan akkaadaamii PSG galuuf hawwu ture. Ani garuu carraa sana hin argatiinan hafe.''
Siiseen kilaba Liil jedhamu galuun tapha pireefeeshinaalaa isaa jalqabaa ammoo Seedaan kan jedhamuuf taphate. Bara 1998 PSG kan hawwaa ture sana gale. ''Taphattoota ciccimoo akka Jay-Jay Okochaa fi Roonaaldinoo fa'aa waliin taphachaan ture.
Taphataa dargaggeessa waanan tureef waan hedduun isaan irraa baradhe. Kilaboota gurguddaa keessatti carraa taphoota xiqqoo irratti taphachuu argadheera.
Leenjisaan duraanii Senegaal Buruno Metsu Siisee garee biyyaalessaa Senegaaliif waame. Bara 2002 tapha baniinsaa Waancaa Adunyaa irratti Faransaayiin mo'atan irratti ittisa irra taphataa ture.

Madda suuraa, Getty Images
Gareen sun Jaappaanii fi Kooriyaa Kibbaatti nuusa xumuraa fi dhaqqabuun seenaa keessatti biyya Afrikaa lammaffaa sadarkaa kanaaf geesse tahanii ture.
Gara Ingiliiz dhaquun Birmiingihaamii fi Poortsmaawuz keessa taphataa ture. Sana booda balaa qarqara Lixa Afrikaatti mudateen miseensa maatii isaa 12 dhabuun gadda guddaa keessa darbe.
Siiseen bara 2006 gara kilaba isaa ijoollummaa Seedaanitt deebi'e. Sana booda ammoo Liigii lammaffaa Faransaay keessa kan turte Nimes keessa takka taphatee soorama bahe.
Siiiseen taphataa urjiijedhamee ibsamaa hin turre. Garuu ''nama hojii jabaa'' jedhamuun beekama.
Leenjisaa garee Teranga Lions [Senegaal] tahuu
Siiseen eeyyama leenjisummaa isaa fudhatee booda gargaaraa leenjisaa Kaarim Seegaa Diyuuf tahuun Olompikii Landan bara 2012'f qopheessuuf federeeshinii kubba miilaa Senegaalitti makame.
Sana booda Aliyaan Girrisee jalatti garee biyyaaleessaa waliin hojjechaa ture. Caamsa bara 2015 ammoo leenjisaa garee biyyaaleessaa tahuun itti fufe.
Waancaa Afrikaa Senegaal irratti eegamtee ture kan Iquwaatooriyaal Giinii irratti marsaa jalqabaatti keessaa baate.
Siiseen ergasii duubatti osoo hin ilaaliin jalqabee tapha michummaa Gaanaa waliin taaise mo'ate.

Madda suuraa, Getty Images
Senegaal walitti aansuun Waancaa Afrikaaf yeroo sadii Waancaa Adunyaaf ammoo yeroo tokko Siisee jalatti darbuu dandeesse.
Rikardiin isaa leenjisaa garee Teranga Lions ykn Leencota Terangaa tahee qabu taphoota 46 injifachuun 16 qixa bahuun sagal qofa mo'ame. Amma taphoota 71 irratti leenjisummaan hirmaatee nama jabaa biyyattii taheera.
Bara 2019 waancaa Afrikaaf gahanii Aljeeriyaadhaan mo'amuun dhaban. Siiseen waancaa kana biyya isaaniif mo'achuu isaaniif garee isaa galateeffateera.
''Injifannoo kana uummata Senegaaliif kennine. Sababni isaa ammoo erga bara bilisummaatii hanga ammaatti urjii kana ariyaa turre waan taheef,'' jedhe Siiseen.
''Har'as urjii kana tishartii keenya irraa ni qabaanna.''
Amma garuu gammachuun kun osoo jiruu ji'a dhufu keessa gareen kun tapha mo'atanii darbuu Waancaa Afrikaatiif Masirii waliin taphatu. Waancaa injifachuun yoo biyyatti deebi'an kumaatamaan bahun uummatni magaalaa Daakaaritti isaan simate.














