Waancaa Afrikaa: Senegaal Shaampiyoonaa Waancaa Afrikaa 2021 Kaameerunitti qophaa'ee taate

Senegaal waancaa AFCON 2021 mo'atan.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Senegaal yeroo lama waancaaf dhaqqabuun mo'amanii ture, 2002 fi 2019

Senegaal rukuttaa peenaaliitiidhaan Masirii injifachuun Shaampiyoonaa Waancaa Afrikaa 33ffaa Kaameerunitti qophaa'ee taate.

Senegaal yeroo 16 dorgommii Waancaa Afrikaa irratti hirmaachuun yeroo jalqabaaf shaampiyoonaa taate. Waancaa kana injifachuun biyya 15ffaa tahuu isheeti.

Xumura waancaaf Senegaaliif Masiriin dhaqqabuun falmii jabaa gaggeesse. Taphichi galchii malee hanga daqiiqaa 120tti deemuun gara rukuttaa peenaaliitiitti ce'e.

Senegaal rukuttaa peenaaliitii kana 4 fi 2'n injifachuu dandeesse. Karra eegaan Senegaal Idiwaardoo Mendii rukuttaa peenaaliitii lama oolchuun gahumsa guddaa agarsiise.

Kana irraa kan ka'e karra eegaa cimaa ardii Afrikaa jedhamuun badhaafame. Kilabni isaa Chelsiin ergaa baga gammaddee yoo barreessuuf akaks jedhe.

''Imala ajaa'ibsiisaadhaโ€ฆ.Waggaa torba dura ejensii hojii dhabdummaa Faransaayitti galmaa'uun kubba miilaa irraa aabdii kutuuf geessee ture. Amma garuu mo'ataa Waancaa Afrikaati.''

Maxxansa X irra dabri, 1
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 1

Mendiin karra eegaa filannoo jalqabaa Cheelsii yoo tahu kilaba isaa Chelsii waliin waancaa Shaampiyoonsi Liigiis mo'ateera.

Bara 2020/ 21 keessa karra eegaa cimaa Uefa jedhamuunis filatameera.

Dorgommii Waancaa Afrikaa 2021 irratti galchii hedduu lakkoofsisuun kan badhaafame taphataa Kaameeruun Viinsent Abubakar yoo tahu Sadiyoo Maaneen ammoo taphataa cimaa dorgommii kanaa tahuun badhaafame.

Maaneen ''waancaa kana injifachuuf waggoota 60 eegne,'' jedhe. Kilabni Mo Saalaa fi Maanee Liiverpuul Maaneef ergaa baga gammaddee dabarsuun Moo Saalaa ajjabeessaniiru.

Sadiyoo Maaneedhaan ''nama seenaa hojjetu'' jechuun jaje. Moo Saalaadhaan ammoo '' waan dorgommii kana irratti hojjeteen ofitti boonuu qaba'' jedhe.

Maxxansa X irra dabri, 2
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X, 2

Jerman Jiinas kubba miilaa xiinxaluun kan beekamu ''Sadiyoo Maaneen biyya isaa gateettii isaa irratti baachuun waancaa akka injifatan godhe,'' jedhe.

''Maaneen sodaa tokko malee rukuttaa peenaaliitii sana dhahe. Dhiibbaa jala tahee kana gochuun isaa waan guddaadha. Maaneen hogganaa cimaadha.

Taphataa jabaa tahuu isaa ni beekna. Waggaadhaa gara waggaatti guddina akkasii agarsiisuun isaa kunoo yeroo kanatti sirriitti mul'ate,'' jedhe Jiinaas.

Tapha xumura Waancaa Afrikaa 2021 pirezidaantiin Fifa Jiyaanii Infaantiinoon dirreetti argamuun badhaasa xumuraa kennaniiru.

Tapha kana irratti taphattootni ciccimoo lameen Liiverpuul Sadiyoo Maanee fi Mohaammad Saalaan walitti dhufuun morkii cimaa taasisaniiru.

Karra eegaa Masirii Gabasjii, rukuttaa peenaaliitii Maanee deebise

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Karra eegaa Masirii Gabasjii, rukuttaa peenaaliitii Maanee deebise

Sadiyoo Maaneen gareen isaa injifannon akka galuuf shoora ol aanaa bahateera.

Taphni jalqabee daqiiqaa muraasa keessatti Senegaal rukuttaa peenaaliitii argattus taphataan sarara duraa Liiverpuul Sadiyoo Maaneen galchiitti hin jijjiiriin hafe.

Karra eegaan Masirii Gaabaskiin kubba galchii tahuu danda'an hedduu oolchuun taphichi gara daqiiqaa dabalata 30tti akka cehu godheera.

Kana irraa ka'uun taphataa cimaa tapha xumuraa kana tahuun badhaafame.

Senegaal tapha kana irratti caalmaa fudhattee ture. Leenjisaan Senegaal Aliyoo Siiseen waancaa injifachuu dhabe jedhamuu wagga lama darbe hedduu ceepha'ame.

Bara kana garuu milkaa'uu danda'eera.

Masirii waancaa Afrikaa yeroo torba mo'achuun biyyoota Afrikaa kaan caaluun tokkoffaa irra jirti. Senegaal Waancaa Afrikaa kana injifattee hin beektu ture.

Waggoota sadan kana 2019 xumuraaf dhaqqabuun Aljeeriyaan waancaa harkaa fudhatte.