Afcon 2021: Waancaa Afrikaa Maanee moo Saalaatu irra aana?

Madda suuraa, Getty Images
Taphattootni Liivarpuul jajjaboon lamaan Saadiyoo Maaneen Seenegaaliifi Mohaammad Saalaan Masrii xumura waancaa Afrikaan har'aan walfalmatu.
Saalaan biyya isaa Kaaba Afrikaa Masrii yeroo saddeettaffaaf waancaa Afrikaa akka injifattu duula har'aa kan dursu yeroo ta'u, miiltoon isaa Liiver puul Saadiyoo Maaneen ammoo biyya isaa Senegaal yeroo jalqabaaf waancaaa kana akka argattu gahee isaa bahuuf magaalaa guddoo Kameruun Yawuundeetti ni duula.
Senegaal, Leencotni Teraangaa, si'a lama bara 2002 fi bara 2019 waancaaf gahanii injifatamaniiru.
Masriin kan amma dura si'a torba injifachuun Kaameruun waliin riikordii qooddattu ammoo erga bara 2010 hin injifanne.
Taphattootni sarara fuulduraa lameen Liivar Puul kun ganna 29 yeroo ta'an, tokkoon tokkoon isaanii piriimiyeer liigii Ingiliiz keessatti goolii 100 ol lakkoofsisaniiru.
Masriifi Senegaal Waancaa Addunyaa Kataar qopheessitu irratti hirmaachuufis Bitootessa dhufu kan walmorkatan yeroo ta'u amma wanti murteessaan waancaa kana injifachuudha. Maaneen dorgommi kana hanga ammaatti goolii sadiifi kubbaa goolii ta'e lama mijeessee kan kenne yeroo ta'u , Saalaan ammoo goolii lama lakkoofsiseera.

''Akka gareetti Senegaal waliin haasa'uun addatti ammoo Saadiyoo morkachuun waan guddaadha'' jedhe Saalaan.
''Amma walmorkannus boodammoo akka garee tokkootti walitti deebina.''
Leenjisaan isaanii Liiver Puul Hergan Kiloop xumuraaf gahuun isaanii taphattoota lamaaniifu injifannoo guddadha jedhan.
''Tapha kana booda tokko akkaan gammada, inni biraan ammoo akkan xiqqoo'' jedhan leenjisaan lammii Jarman kun. Taphattoota akkaan qaxaleedha kan jedhan Kiloop, sadarkaa kana gahuun ulfaataa akka ta'eefi gaafatamni irra jiru guddaa ta'uus himan.
''Lamaanuu waan guddaa milkeessuuf hiree qabu''.
Bara 2019'tti Aljeeriyaan injifatamee garee waancaa dhabe keessa kan ture Maaneen ''Senegaal amma muuxannoo qabdi'' jedheera.
''Dursitootni hedduun garee kana keessa jiru sababni isaas taphattoota ciccimoofi ilchaatoo waan qabnuuf. Hunduu gahee isaa ni baha'' jedhe.
Tilmaama kennamaa jiru
Taphataan idila addunyaa Naayijeeriyaa duraanii Daani'eel Amokaachii kan bara 1994 garee Naayijeeriyaa Waancaa injifate keessa ture, taphichi miidhagaa akka ta'u hime. Taphichi kan qormaataan guute.
Gareelee lamaan kan taphattoota maqaa guddoo qaban of keessaa qabu waan hirmaachisuuf lameenuu dinqisiifanna jedhe.
''Lameen keessa tokko ni injifata tokko ammoo tasgabbaa'ee bara dhuftu dorgommii Iyiivoorii Koostitti godhamu eeggata.''
''Tooftaa taphaa isaaniirraa kan ka'e ammaoo Osoo kan Senegaalta'ee. Bayyee nama bohaarsu. Akkasumas garee madaala gaarii qabu. Masriin jabaatanii falmachuun as gahuun isaaniif mala'' jedhe taphataa sarara ittisaa Maanichistar Siitii Neduum Onuhaa.
''Senegaal jalqaba lakkoofsisee achii booda Masriin tapha gaarii akka agarsiisuun barbaada.''Taphataan Idila addunyaa Kameruun biroon Laawureen
''Saalaarraa waan hedduu qabna jedha. Taphichi akkamiin Senegaal Saalaa akka ofirraa ittisan ta'a.''













