Afcon 2021: Goolii sadiin durfamaa kan turte Kaameruun sadarkaa sadaffaan xumurte

Madda suuraa, Reuters
Qopheessituun Waancaa Afrikaa Kaameruun goolii 3-0'n Burkiinaa Faasoon durfamaa turtee boodaa ka'auun injifachuun sadarkaa sadaffaan xumurte.
Burkinaa Faasoon gooliiwwan lama boqonnaa duraa fi goolii sadaffaa daqiiqaa 49'ffaa irratti galchiteen taphichi xumuramuuf hanga daqiiqaan 20 hafutti dursaa turtus gooliiwwan sadii Kaameruun ergasii lakkoofsifteen qixxee bahuun taphni idilee xumurame.
Sana boodas rukuttaa peenaalitiin 3-5 injifachuun Kaameruun tapha waancaa Afrikaa biyya isheetti qophaaye sadarkaa sadaffaan xumurte.
Tapha Waancaa Afrikaa kanarratti gooliiwwan hedduu lakkoofsisuun kan dursaa jiru jifataan Kaameruun Vinseent Abuubakar gooliiwwan lama daqiiqaawwan dhumaa shan keessatti lakkoofsisuun lakkoofsa gooliiwwan dorgommii kanarratti lakkoofsisee saddeetiin gaheera.
Biyya isaaf oolmaa ooleenis jajameera.Taphni sadarkaa sadaffaa argachuuf godhame kun daqiiqaa soddomma dabalataa kan hinqabne yeroo ta'u, dorgommii kana keessatti gahumsa gaarii agarsiisaa kan as geesse Burkiinaa Faasoof gaddaan Kameruuniif ammoo gammachuun xumurame.
Dilbata har'aa galgala sa'aa afur irraa eegalee Masriifi Senegaal waancaa kana injifachuuf ni falmatu.








