Afcon 2021: Senegaal goolii Maaneen yoo injifattu, Gaanaan Morookoon injifatamte

Madda suuraa, Getty Images
Wancaa Afrikaa Kaameeruunitti adeemaa jiru irratti tapha jalqabaa Garee B'tiin Senegaal goolii 1-0n Zimbaabuwee yoo injifattu Maaneen peenalitii sa'aatii dabalataa daqiiqaa 7ffaa irratti gareen isaa argate gooliitti jijjiire.
Sababa Koovid dursaa garee ishee Kaaliiduu Kulibaalii fi goolii eegaa ishee Aduwaardoo Meendii malee kan taphatte Senegaal gara jalqabaa carraa heddu uumtee turte.
Gareen Zimbaabuwee haalaan kan qindaa'ee fi tapha fooyyee qabu agarsiisee jira.
Bara 2019 xumura gahuun Aljeeriyaan kan injifatamte Senegaal garuu hanga eegame deeggartoota ishee garaa gahuu hin dandeenye.
Tapha lammataa Garee B'tiin Giiniin 1-0n Maalaawii injifachuun milkoofteetti.
Taphataa sarara jidduu Liivarpool Nabii Keetaan kan durfamte Giinii garee B keessatti Senegaal waliin qabxii sadii wal qixxaatti.

Madda suuraa, Getty Images
Gama kaaniin tapha cimaa garee C jalqabaan Morookoon goolii daqiiqaa 82ffaa irratti galchiteen Gaanaa injifachuu dandeesseetti.
Yeroo afur Waancaa Afrikaa kan injifatte Gaanaan irra deddeebiin yaalii gootuus goolii galchuutti milkaa'uu hin dandeenye.

Madda suuraa, Getty Images
Tapha Garee C lammataatiin yeroo duraaf Waancaa Afrikaa irratti kan hirmaachaa jirtu Komoroos 0-1 Gaabooniin injifatamteetti.
Jimaata dhuftu garee B jalatti Giinii fi Senegaal, Maalaawii fi Zimbaabuween yoo morkatan, garee C jalatti ammoo Komoroos fi Morokoon, Gaanaa fi Gaaboon waliin morkatu.
Har'a [Kibxata] Garee D jalatti Masrii fi Naayijeeriyaa akkasumas Giinii Bisaawu fi Sudaan, Garee E jalatti ammoo Aljeeriyaa fi Seeraa Liyoon ni taphatu.
Gaazexeessitoota waraanaman
Gaazexessitootni Aljeeriyaa sadii Kaameruun magaalaa Duwaalaa keessatti dhiyeenya hoteela isaaniitti waraanamanii qabeenyi isaanii saamameeera.
Waldaan Kubbaa Miilaa Aljeeriyaa gazexessitootni Ismaa'eel Amookranee, Mahaadii Dahaakiifi Mohaammad Assaanii jedhaman taphoota Waancaa Afrikaa gabaasuuf Kaameruunitti imaluufi garee yakkaan haleelamanii maallaqni, bilbilliifi paaspoortiin isaan saamamuu ibse.
Gaazexessitootni kun miidhan irra gahe cimaa ta'uu baatuus hospitaala geeffamaniiru. Aanga'onnii naannichaa dhimmicha qorachuu eegalaniiru, ta'us ibsa baasan hin qaban.
Ta'iin akka kanaa qopheessitoota sagantichaa isa dura yaaddoon nageenyaa gaaffii irratti kaasaa tureef oduu badaadha.
Gaazexessitootni kun hoteela isaaniirraa fageenya daqiiqaa xiqqoorratti tokko fuula isatu aalbeen xiqqo miidhame kan biroon aalbeen bakka lama isa waraane.
Gaazexessitootni sadanuu dorgommii kana gabaasanii xumuruuf murteessan.
Taphataan cimaa Aljeeriyaa Ismaa'eel Bennaaker ergaa tiwiitara isaa gubbaatti maxxanseen ''onneen keenya isin waliin jira'' jechuun jajjabeesseera.














