Mohaammad Saalah: Taphataan Masrii riikardii galchii Pirimiyeer liigii Afrikaa cabse

Moo Saalah bara dorgommii 2017 - 18 kophee warqii Pirimiyeer Liigii argateera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Moo Saalah bara dorgommii 2017 - 18 kophee warqii Pirimiyeer Liigii argateera

Taphataan Livarpuul Mohaammad Saalah tapha kaleessa Yunaayitid waliin taphatamee kilabiin isaa 5fi 0'n injifate irratti goolii sadii galchuun taphataa Afrikaa Pirimiyeer Liigii irratti hedduu galche ta'e.

Tapha kaleessaa dura Saalah taphataa Koot Divu'aar Didiyeer Diroogbaa waliin 104 galchee qixxaatee ture.

Taphataan lammii Masrii kuni erga Roomaa irraa bara 2017 Livarpuul seene as jifataa cimaa ta'u mirkaneesse. Isa dura garuu 2014 - 2015 Chalsii ture.

Taphataan duraanii garee biyyaalessaa Naayijeriyaa Pirimiyeer Liigii irratti galchii 95 galche Yaakubuu Ayegbenii namni Pirimiyeer Liigii irratti galche kamuu liigii kaan dhaqee galchuu danda'a jechuun ibsa.

Waggaa darbe yeroo Liivarpuul shaampiyoonaa Ingilizii ta'e Saalah galchiiwwan 19 galchee ture.

Inumaa ga'umsa gaariirra waan hin turreef malee galchii hedduu galchuun xumura ture.

Turtii isaa Livarpuul hanga yoonaan waggaatti galchii 15 gadi galchee hin beeku.

Pirimiyeer Liigii irratti taphattoonni Afrikaa galchii 100 ol galchan sadii qofaadha: Diroogbaa, Maaneefi Saalaah

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pirimiyeer Liigii irratti taphattoonni Afrikaa galchii 100 ol galchan sadii qofaadha: Diroogbaa, Maaneefi Saalaah

Haa ta'u malee, jalqaba gara Pirimiyeer Liigii gaafa dhufe Chalsiitti taphate. Garuu galchii lama qofaa galche.

Mohaammad Saalah kana dura si'a lama taphataa cimaa BBC fi CAF jedhamee filameera.